Waaqayyo yommus Museedhaan,<<Dukkanni biyya Gibxii irratti akka bu'utti, dukkanicha keessas namni akka qaqqabatutti, ati harka kee gara waaqaatti ol qabi!>> jedhe. Kana irratti Museen harka isaa gara waaqaatti ol qabe, guyyaa sadii guutuu dukkanni quba hin keessifne guutummaa biyya Gibxii irra ture*. Namoonni walii isaanii hin argine, namni tokko illee guyyaa sadan sana iddoo isaatii hin kaane; lafti Israa'eloonni hundinuu jiran garuu ifa ture.