YouVersion Logo
Search Icon

Seera Ba'uu 10

10
Dha'icha Saddeettaffaa, Waaqayyo Biyyichatti Hawaannisa Fiduu Isaa
1Kana booddee Waaqayyo Museedhaan,<<Ati gara mootichaatti ol gali! Ani milikkitoota koo kana isaan gidduutti argisiisuudhaaf, garaa mootichaa fi garaa hojjetoota isaa jabeesseera; 2ati immoo warra Gibxii irratti waanan hojjedhe, milikkita ani isaan gidduutti argisiises dabarsitee ilma kee, ilma ilma kees dhageessisi; isin hundumti keessan ani Waaqayyo akkan ta'e akka beektaniif kana godheera*>> jedhe.#2 6:2-8
3Musee fi Aaron gara mootichaatti ol galanii,<<Waaqayyo gooftichi inni kan Ibrootaa,<<Ati hamma yoomiitti fuula koo duratti gad of deebisuu didda>> Sabni koo anaaf akka hojjetaniif gad isaan dhiisi*! 4Ati saba koo gad dhiisuu yoo didde immoo, ani bor biyya kee irratti hawaannisa nan fida; 5isaan namni tokko illee lafa arguu hamma dadhabutti biyyicha in uffisu; isaan isheedhuma cabbii irraa isiniif hafte iyyuu in nyaatu; mukkeetii warra bakkeetti isiniif biqilan hundumaas in nyaatu; 6isaan manneen mootummaa kee keessa, mana hojjetoota kee hundumaa, kan warra Gibxii hundumaa keessas in guutu; kunis abboonni kee, abboonni abboota kees erga lafa irratti argamanii jalqabanii hamma har'aatti kan hin argin in ta'a>> siin jedha>> jedhan; kana booddees Museen gara galee fuula mootichaa duraa ba'ee adeeme.#3 5:3
7Yommus hojjetoonni isaa mootichaan,<<Namichi kun hamma yoomiitti rakkina guddaa hammasii nutti fida>> Biyyi Gibxii balleeffamuutti akka jirtu ati amma iyyuu hin hubannee>> Namoonni kun dhaqanii Waaqayyo gooftaa isaaniif akka hojjetanitti, gad isaan dhiisi!>> jedhan. 8Kanaaf Museenii fi Aaron ammas mootichatti dhi'eeffaman; inni immoo isaaniin,<<Dhaqaa, Waaqayyo keessan gooftichaaf hojjedhaa! Garuu warri dhaqan kun eenyufa'i?>> jedhe. 9Yommus Museen deebisee,<<Kun cidha isa Waaqayyoof ayyaaneffannu waan ta'eef, nuyi mucoolii keenyaa fi jaarsolii keenya, ilmaan keenyaa fi intaloota keenya, bushaayee keenyaa fi saawwan keenya fudhannee in dhaqna>> jedhe*. 10Mootichi immoo,<<Ani isinii fi ijoollee keessan yommuun gad dhiisu, mee akkuma isin jettan Waaqayyo isinii wajjin haa ta'u! Kunoo, isin waan hamaa korachaa jirtu, mee of eeggadhaa! 11Kun hin ta'u! Isin kan barbaaddan isa waan ta'eef, amma warri dhiiraa duwwaan dhaqaatii Waaqayyoof hojjedhaa!>> jedhe; kana irratti isaan fuula mootichaa duraa gad ari'aman.#9 5:1
12Yommus Waaqayyo Museedhaan,<<Hawaannisni biyya Gibxii irratti dhufee, biqila lafaa biyyicha keessa jiru, isa cabbii irraa hafe hundumaa akka nyaatuuf, ati harka kee biyya Gibxii irratti ol fudhadhu!>> jedhe. 13Kana irratti Museen ulee isaa biyya Gibxii irratti ol fudhate; Waaqayyo guyyaa sana guutuu, halkan sana guutuus qilleensa gara ba'a-biiftuu isa hamaa#Bau 10:13 <<Qilleensa gara ba'a-biiftuu<<Isa hamaa?>> galaana soogiddaa irraa ka'ee waan gara biyyaatti qilleensa'uuf gubaa fi hamaa dha; kanaaf<<Isa hamaa>> kan jedhu itti dabalame. biyyichatti gad dhiise; yeroo bari'es qilleensichi hawaannisa itti fidee ture*. 14Hawaannisichi guutummaa biyya Gibxiitti dhufee, gurmuun baay'een guutummaa biyyichaa irra in buufate; hawaannisni inni akkas baay'atu isa dura takkaa argamee hin beeku ture, isa booddees kan akkasii hin argamu. 15Inni hamma lafa dukkaneessutti, guutummaa biyyichaatti in uffise; inni biqiltuu biyya sana keessaa hundumaa, mukkeetii ija godhatan warra cabbii irraa hafan hundumaas in nyaate; guutummaa biyya Gibxii keessatti mukkeetii irratti, biqiltuu bakkeetti biqilu irrattis wanti lalisaan tokko illee hin hafne.#13 Yoe 1:2-12; 2:1-11
16Mootichi ariitiidhaan Musee fi Aaronin waamsisee,<<Ani, Waaqayyo keessan goofticha, isinis yakkeera*; 17kanaaf amma si'a tokkicha kana duwwaa dabaltanii yakka koo akka anaaf dhiiftaniif isin nan kadhadha; dha'icha ajjeesu kana duwwaas ana irraa akka fageessuuf Waaqayyo keessan goofticha anaaf kadhadhaa!>> jedhe*. 18Museen achumaan mooticha biraa gad ba'ee Waaqayyoon in kadhate; 19Waaqayyo immoo qilleensa gara lixa-biiftuu isa baay'ee jabaa itti gara galche; qilleensichis hawaannisa sana ol fuudhee galaana diimaa#Bau 10:19 Ib<<Yaam-Suf>> jedhama; inni immoo <<Galaana jajjabaa>> jechuu dha. keessatti naqe; guutummaa biyya Gibxii keessatti hawaannisni tokkittiin illee hin hafne. 20Waaqayyo garuu mooticha garaa waan jabeesseef, inni Israa'eloota gad hin dhiifne*.#16 9:27 17 8:8 20 4:21; 10:27
Dha'icha Salgaffaa, Waaqayyo Biyyichatti Dukkana Fiduu Isaa
21Waaqayyo yommus Museedhaan,<<Dukkanni biyya Gibxii irratti akka bu'utti, dukkanicha keessas namni akka qaqqabatutti, ati harka kee gara waaqaatti ol qabi!>> jedhe. 22Kana irratti Museen harka isaa gara waaqaatti ol qabe, guyyaa sadii guutuu dukkanni quba hin keessifne guutummaa biyya Gibxii irra ture*. 23Namoonni walii isaanii hin argine, namni tokko illee guyyaa sadan sana iddoo isaatii hin kaane; lafti Israa'eloonni hundinuu jiran garuu ifa ture. 24Mootichi ergasii Musee waamsisee,<<Isin dhaqaa Waaqayyoof hojjedhaa! Maatiin keessanis isinii wajjin haa dhaqan! Garuu bushaayeen keessanii fi saawwan keessan asumatti haa hafan!>> jedheen. 25Museen immoo,<<Qalma gubatu, aarsaa isa Waaqayyo gooftaa keenyaaf dhi'eessinu ati nuuf kenni kaa! 26Horiin keenyas immoo nuu wajjin in dhaqu; kotteen tokko illee hin hafu; Waaqayyo gooftaa keenyaaf kan dhi'eessinu isaan keessaa in fudhanna; hamma achi geenyutti immoo yeroo Waaqayyoof hojjennu nuyi wanta isaaf dhi'eessinu hin beeknu>> jedhe. 27Waaqayyo immoo mooticha garaa waan jabeesseef, inni saba sana gad dhiisuu hin barbaanne. 28Mootichi ergasii Museedhaan,<<Ana irraa adeemi! Fuula koo dura deebitee yoo dhufte in duuta, kanaaf lammaffaa deebitee fuula koo dura akka hin dhufne, of eeggadhu!>> jedhe. 29Museen deebisee,<<Akkuma ati jette iyyuu, ani deebi'ee fuula kee dura hin dhufu!>> jedheen.#22 Far 105:28; Mul 16:10

Currently Selected:

Seera Ba'uu 10: MacQul

Highlight

Share

Copy

None

Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in