1
Seera Ba'uu 11:1
Macaafa Qulqulluu Afaan Oromoo
Ergasii Waaqayyo Museedhaan,<<Ani amma dha'icha tokko duwwaa mooticha irratti, biyya isaa irrattis dabalee nan fida, mootichis kana booddee gad isin in dhiisa; gara dhumaatti yommuu asii gad isin dhiisu, ari'ee gad isin in baasa*.
Compare
Explore Seera Ba'uu 11:1
2
Seera Ba'uu 11:5-6
biyya Gibxii keessaa, dhala mootichaa isa angafa isa teessoo isaa dhaalu jalqabee hamma dhala hojjettuu ishee daakuu daaktu isa angafaatti, angafni hundinuu in du'a; horii keessaas angafni hundinuu in du'a*. Guutummaa biyya Gibxii keessatti boo'ichi guddaan in ta'a; boo'ichi akkasii kun takkaa ta'ee hin beeku, kan akkasiis deebi'ee hin ta'u.
Explore Seera Ba'uu 11:5-6
3
Seera Ba'uu 11:9
Dura iyyuu Waaqayyo Museedhaan,<<Dinqiin koo biyya Gibxiitti akka baay'atuuf, mootichi isiniif hin dhaga'u>> jedhee ture.
Explore Seera Ba'uu 11:9
Home
Bible
Plans
Videos