<<Humni guddaan kan isaa caalu nu bira waan jiruuf, cimaa, ija jabaadhaa malee, mootii Asorii fi loltoota isaa warra baay'ee kana sodaattanii hin na'inaa*! Inni irree fooniitiin lola, Waaqayyo gooftaan keenya garuu nu bira goree nuuf in lola>> jedhe; kana irratti jarri dubbii Hisqiyaas mootiin Yihudaa dubbateen humna in argatan*.