1
Macaafa Moototaa Isa Duraa 3:9
Macaafa Qulqulluu Afaan Oromoo
Kanaafis saba keetiif firdii qajeelaa kennuudhaaf, hamaa fi gaarii gargar baasee akkan beekuuf, yaada hubataa ana garbicha keetiif kenni! Kanaa'achi saba kee saba guddaa kana eenyutu bulchuu danda'a ree?>> jedhe.
Compare
Explore Macaafa Moototaa Isa Duraa 3:9
2
Macaafa Moototaa Isa Duraa 3:12
kunoo, ani wanta ati na kadhatte siif nan godha; ani ogummaa fi hubannaa namni kanaan dura argatee hin beekne yookiis si'achi argachuu hin. dandeenye siif nan kenna.
Explore Macaafa Moototaa Isa Duraa 3:12
3
Macaafa Moototaa Isa Duraa 3:11
Waaqayyo kana irratti Solomoon mootichaan,<<Ati ofii keetii bara dheeraa jiraachuu, sooromuu, diinota kee fixuuf utuu hin ta'in, saba qajeeltootti bulchuuf, firdii qajeelaas kennuu fi ogummaa waan ana kadhatteef
Explore Macaafa Moototaa Isa Duraa 3:11
4
Macaafa Moototaa Isa Duraa 3:13
Akkasuma immoo wanta ati,<<Anaaf kenni!>> jettee ana hin kadhatin ulfinaa fi badhaadhummaa dabalee siif nan kenna; mootota bara kee keessa jiraatan hundumaa keessaa kan siin qixxaatu hin argamu*.
Explore Macaafa Moototaa Isa Duraa 3:13
5
Macaafa Moototaa Isa Duraa 3:14
Abbaan kee Daawit akkuma godhe, atis akka jaalala kootti yoo jiraatte, seerrata koo fi abboommii koo yoo eegde, bara dheeraa akka ati jiraattu nan godha>> jedhe.
Explore Macaafa Moototaa Isa Duraa 3:14
6
Macaafa Moototaa Isa Duraa 3:5
Waaqayyo achitti halkan abjuudhaan Solomoon mootichatti mul'atee,<<Waanuma akkan siif kennuuf barbaaddu ana kadhadhu!>> jedheen*.
Explore Macaafa Moototaa Isa Duraa 3:5
7
Macaafa Moototaa Isa Duraa 3:7
<<Yaa Waaqayyo gooftaa koo, ani garbichi kee iddoo abbaa koo Daawit mootii akkan ta'u gooteetta; ani garuu ijoollee dha, attamitti akkan bulchus hin beeku.
Explore Macaafa Moototaa Isa Duraa 3:7
8
Macaafa Moototaa Isa Duraa 3:10
Solomoon mootichi kana kadhachuun isaa Waaqayyoon in gammachiise.
Explore Macaafa Moototaa Isa Duraa 3:10
9
Macaafa Moototaa Isa Duraa 3:6
Solomoon deebisee,<<Abbaan koo Daawit fuula kee dura amanamummaa fi qajeelummaadhaan, gara-tolinaanis waan deddeebi'eef, garbicha kee kanatti gaarummaa guddaa argisiifteetta; gaarummaa guddaa kanas isaaf eegdee, ilma iddoo isaa bu'ee bara kana teessoo isaa irra taa'u in kenniteef.
Explore Macaafa Moototaa Isa Duraa 3:6
10
Macaafa Moototaa Isa Duraa 3:8
Ani garbichi kee saba kee warra ati fo'attee dhuunfaa kee godhatte, saba baay'ee guddaa isa baay'ina isaa irraa kan ka'e lakkaa'amuu hin dandeenye gidduun jira.
Explore Macaafa Moototaa Isa Duraa 3:8
Home
Bible
Plans
Videos