Gorsi isaas,<<Yeroon du'uu kootii ga'eera; ati garuu jabaadhu, gara-kuteessa ta'i! Iddoo dhaqxu hundumaatti wanti ati gootu hundinuu akka wal siif qixxaatutti, waan Waaqayyo gooftaan kee si irraa barbaadu raawwadhu! Karaa isaa irra deddeebi'i! Akkuma seera Musee keessatti caafamee jirutti seerrata isaa, abboommii isaa, wanta isa duratti qajeelaa ta'ee fi dubbii isaaf dhugaa ba'u eegi*! Waaqayyo,<<Ilmaan kee garaa isaanii fi yaada isaanii guutuudhaan ana duratti amanamanii of eeggannaadhaan yoo jiraatan, sanyii kee keessaa mootii ta'ee teessoo Israa'el irra kan taa'u hin dhabamu>> jedhee isa ana abdachiise in eega*.