የYouVersion አርማ
የፍለጋ አዶ

Wongeela Yohaannis 7

7
Yesus Ayyaana Daase'eetiif Gara Yerusaalemii Akka Deemu Gaafatamuu Isaa
1Kanaan duubatti Yesus Galiilaa keessa ni dedeebi'a ture, Yihudonni isa ajjeesu'uuniif ni barbaadaniin waan turaniif garuu, Yihudaa keessa dedeebi'uuf hin barbaanne, 2Yeroo sanitti'llee ayyaanni Yihudotaa ka daase'ee dhiyaatee jira ture. 3Kanaaf obboleeyyan isaa gara Yesusii dhiyaatanii akkana ni jedhaniin, «Barattoonni kee hujii ati hojjattu akka arganiif, asii ka'iitii gara arddii Yihuda'aa deemi, 4ifatti beekkamu'uuf naminni barbaadu hujii isaa dhosa'aan hin raawwatu, ati'llee wonittoota kanniin mara yoo raawwattutti, mataa kee biyya lafaatiif muldhisuu si barbaachisa.» 5Kana'llee sababaan jedhaniif, obboleeyyan isaatuu isatti waan hin amaniniif.
6Yesus'llee akkana isaaniin ni jedhe, «Yeroon kiyya amma'llee hin geenne, yeroon keessan garuu yoo maraa ka mijaaye. 7Biyyi lafaa isin jibbu'uuf hin dandda'u, ani garuu hujiin isaa hamaa ta'uu waan ragaa bayuuf, ana ni jibba. 8Isin gara ayyaanaa deemaa, ani garuu yeroon kiyya amma'llee waan hin gayiniif, gara ayyaana kanaa hin dhaqu.» 9Kana'llee jedhee, inni Galiila'atti ni hafe.
Yesus Ayyaana Daase'ee Irratti Argamuu Isaa
10Garuu eega obboleeyyan isaa gara ayyaanaa deemaniin duubatti, inni ifatti uduu hin ta'in dhossa'aan gara bakka ayyaanaa ni dhaqe. 11Ayyaanicha irratti'llee, «Inni eessa jira?» jedha'aa, Yihudonni ni barbaadaniin ture. 12Ummanni'llee waayee isaa hasaassi'iin ni haasayan turan, tokko tokkoon isaan, «Inni nama misha'a» yoo jedhan, kuunniin ammoo, «Miti, inni ummata ni dogoggorssa» jedhan ture. 13Haa ta'u malee namoota worra Yihudotaa ka aangoo qaban sodaachu'uun, eennu'llee waayee isaa ifatti hin dubbanne.
14Wolakkaan ayyaanaa irratti'llee Yesus gara Mana Waaqeffanna'aa dhaqee, barsiisuu jala ni qabe. 15Yihudonni'llee, «Naminni kun uduu hin baratin kana mara attamitti beeku'uuf dandda'e?» jedha'aa, ni maalalffatan ture.
16Kanaaf Yesus akkana jechu'uun ni deebise, «Barsiifnni kiyya ka ana erge Waaqa Abbaa irraa ka argame malee, ana irraayyii miti. 17Fedhii ka ana ergee raawwachu'uuf ka barbaadu yoo jiraate, barsiifnni kun Waaqa irraa ka argame yookiin ana mataa kiyyaa irraa ka dubbadhe, ta'uu ni beeka. 18Mataa isaa irraa ka dubbatu ulfinna mataa isaa ni barbaada, ulfinna ka isa ergee ka barbaadu garuu inni dhugaalessa, sobinni'llee keessa hin jiru. 19Museen seera isiniif kenninee hin jiruu moo? Garuu isin keessaa seera ka raawwatu eennu'llee hin jiru. Isin maali'iif ana ajjeesu'uuf barbaaddan?»
20Ummanni'llee, «Ati sheexanatu si keessa jira, ennutuu si ajjeesu'uuf barbaada?» jedhaniin.
21Yesus'llee akkana jechu'uun isaanii ni deebise, «Ani hujii tokko ni hojjadhe, isin marrinuu hujii kanaan ni maalalffattan. 22Museen naamusa gadoomaa isaaniif ni kenne, naamufnni kun'llee ka argame abbootii irraayyi malee Musee irraayyii miti, isin'llee bee guyyaa Sanbbataatiin nama ni gadoomisitan. 23#Yoh 5:9.Eegaa, karaa Muse'eetiin naamufnni kenname akka hin diigamnneef, guyyaa Sanbbataatiin naminni ka gadoomu yoo ta'e, eegasuu, ani guyyaa Sanbbataatiin guutummaa namaa fayyisuu kiyyaan, waayee maali'iitiif dallanttan ree? 24Murtii dhuga'aa murteessaa malee, fuula namaa laalttanii dalo'oon hin murtteesinaa» isaaniin jedhe.
Waayee Masihiitiif Wol Mormmii Ka'e
25Namoota Yerusaalemii keessaa tokko tokkoon isaanii akkana ni jedhan, «Naminni isa ajjeesu'uuf barbaadaniin kanaa mitii ree? 26Kunoo, inni ifatti ni dubbata, isaan'llee womaayyuu hin jenneen, naminni kun Masihii ta'uu isaa namoonni aangoo qaban, dhugamaanuu beekaniinii jiraatanii laata? 27Ta'u'llee naminni kun garamii akka ta'e nu'u ni beekinna, Masihiin yoo dhufu garuu garamii akka ta'e, ka beeku eennu'llee hin jiru.»
28Kanaaf Yesus Mana Waaqeffanna'aa titti yoo barsiisu qooniqqa isaa ol fudhatee akkana ni jedhe, «Ana ni beekittan, garamii'llee akka dhufe ni beekittan, ani garuu aangoo mataa kiyyaatiin hin dhufinne, ka ana erge inni dhugaalessa, isin garuu isa hin beekittaniin. 29Ani garuu isa biraa waan dhufee fi inni'llee waan ana ergeef, ni beekaan.»
30Yeroo sanitti qabu'uuniif barbaadanii turan, garuu yeroon amma'llee waan hin gayiniif, eennu'llee isa hin qabnneen. 31Ta'u'llee ummata keessaa baayi'eewwan isatti ni amanan, akkana'llee ni jedhan, «Masihiin yeroo dhufutti naminni kun baasota taasisee ka caalu, ni taasisaa ree?» jedhan.
Yesusiin Akka Qabaniif Lolttoonni Ergamuu Isaanii
32Namoonni waayee Yesusii hasaassi'iin yoo dubbatan Fariisonni ni dhagayan, kanaaf itti gaafatamoota qeesotaatii fi Fariisonni Yesusiin qabu'uuf, wordiyyoota Mana Waaqeffanna'aa ni ergan. 33Yeroo sanitti Yesus akkana ni jedhe, «Isiniin woliin yeroo muraasaaf ni tura, saniin duubatti gara ka ana ergee ni deema, 34isin'llee ana ni barbaadan, garuu ana hin argattan, gara ani jiru'llee dhufu'uuf hin dandeettan.»
35Kanaaf namoonni worra Yihudotaa ka aangoo qaban akkana woliin jedhan, «Akka nu'u isa hin arganneef, naminni kun garam deemu'uuf laata? Yookiin gara worra Giriikota jiddu'utti bittinnaayanii deemee, ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amanini barsiisinnaa laata? 36‹Ana ni barbaadan, garuu ana hin argattan, gara ani jiru'llee isin dhufu'uuf hin danddeettan› yoo jedhu, maal jechuu isaati?»
Burqqaa Bishaan Jireennaa
37Muummee ayyaanaa ka ta'e guyyaa ol aana'aan Yesus dhaabateeti, qoonqqa isaa'llee ol fudhatee akkana ni jedhe, «Ka bishaan dheebote yoo jiraate gara kiyya dhufee haa dhugu, 38ka anatti amanu kitaabnni Qulqulluun akka jedhutti, burqqaan bishaan jireennaa keessa isaatii ni burqqa.» 39Kana'llee ka dubbate worri isatti amanan isa irraa waayee ka fudhatanii, waayee Hafuura Qulqulluu'uu ture, Yesus'llee amma'llee gara ulfinnaa ol waan hin bayiniif, Hafuurri Qulqulluun hin kennamnneef ture.
Ummata Jiddu'utti Adda Fooyamiinssi Muldhachuu Isaa
40Kanaaf ummata keessaa tokko tokko dubbii kana yeroo dhagayanitti, «Ni dhufa nabiyyichi jedhame, dhugamaanuu kana!» jedhan.
41Kuunniin, «Kun Masihi'i» jedhan. Kuunniin garuu, «Masihiin ka dhufu Galiila'aayyii ree? 42Masihi'iin fiixaa Daawiitiitii keessaa akka dhalatuu fi magaalaa Daawiitii Beetlihemiin keessaa akka bayu, Kitaaba Qulqulluu keessatti barreeffamee hin jiruu ree» ni jedhan. 43Kanaaf sababaa isaatiin ummata jiddu'utti gargar fooyamiinssi ni ta'e. 44Tokko tokkoon isaanii isa qabu'uuf barbaadanii turan, garuu eennu'llee isa hin qabnne.
Amanuu Dhabuu Itti Durssitoota Worra Yihudotaa
45Kanaan duubatti worddiyyaa eegiddonni gara worra Fariisotaa deebi'anii ni dhaqan, isaan'llee «Waayee maali'iitiif isa fudhuu dhabiddan?» isaaniin jedhan. 46Lolttoonni'llee, «Akka naminni kun dubbatutti eennu'llee dubbatee hin beeku» jechu'uun, ni deebisan.
47Fariisonni garuu akkana ni jedhan, «Isin'llee ammoo dogoggorttanii jirttan? 48Haa ta'u malee namoota aangoo qaban yookiin Fariisota keessaa ka isatti amanan ni jiranii ree? 49Ummanni seera Muse'ee hin beekinne kun dhugamaanuu, ka abaarame.»
50 # Yoh 3:1, 2. Asiin durana gara Yesusii dhaqee ka turee fi worra Fariisota keessaa tokko ka ta'e Niqoodemos, 51«Akkaataa seera keennaatiin naminni tokko deebiin himannaa isaa durssee uduu hin dhagayaminii fi maal akka raawwate'llee uduu hin beekkamin, itti ni murtteeffamaa ree?» isaaniin jedhe.
52Isaan'llee, «Ati'llee nama gara Galiila'aati moo? Nabyyiin Galiila'aa akka hin muldhanne, qoradhuu, hubadhu!» ni jedhaniin. 53Tokko tokkoon isaaniituu, gara mana isaa ni deeme.

ማድመቅ

Share

Copy

None

ያደመቋቸው ምንባቦች በሁሉም መሣሪያዎችዎ ላይ እንዲቀመጡ ይፈልጋሉ? ይመዝገቡ ወይም ይግቡ