Wongeela Yohaannis 8
8
Sagaagalumma'aan Dubarttii Qabamtte
[1Kanaan duubatti Yesus gara Gaara Ejerssaa ni deeme. 2Guyyaa itti aanutti ganama obboroo gara Mana Waaqeffanna'aa deebi'ee ni dhufe, ummanni marri'llee gara isaa ni dhufan, inni'llee taa'ee isaan ni barsiisa ture. 3Barsiisonni seeraatii fi Fariisonni dubarttii uduu sagaagalttu qabamtte fidaniiti, ummata jidduu ni dhaabachiisaniin. 4Yesusiin'llee akkana ni jedhaniin, «Yaa barsiisaa, kunoo, dubarttiin tun uduu sagaagalttu qabamttee jirtti, 5dubarttiin akkanaa tun dhaga'aan woqaramttee akka duutu Museen seera keenna keessatti ajajee jira, ati hoo waayee isi'ii maal jetta?» 6Kana'llee wonitti jedhaniif isa irratti sababa himanna'aa akka argatan, isa qormaatu'uuf waan barbaadaniif ture, Yesus garuu gad jedhee lafa irratti qubaan barreessuu, jala ni qabe.
7Irra dedeebi'anii yeroo isa gaafatanitti ol jedheeti, «Isaan keessaa ka cubbuu hin qabnne, dhagaa jalqabaa isii irratti haa darbatu!» isaaniin jedhe. 8Kanaan duubatti'llee deebi'ee gad jedheeti, lafa irratti ni barreesse. 9Isaan'llee kana yeroo dhagayanitti jaarsotii irraa jala qabee, marrinuu tokko tokkoon achii ni deeman, kanaaf Yesus dubarttii isaan jidduu dhaabattee turtteen woliin, adda isaa ni hafe. 10Kanaan duubatti Yesus ol jedhee, «Dubarttii nana, himattoonni kee eessa jiran? Ka sitti murteesse eennu'llee hin jiruu mitii?» isi'iin jedhe.
11Isiin'llee, «Yaa Gooftaa! Eennu'llee hin jiru» jette. Yesus'llee, «Ani'llee sitti hin murtteessu, deemi, deebitee cubbuu hin hojjatin!» isi'iin jedhe.]
Yesus Ifa Biyya Lafaa Ta'uu Isaa
12 #
Mat 5:14; Yoh 9:5. Deebi'ee'llee Yesus, «Ani ifa biyya lafaati, ka ana horddofu marrinuu ifa jireennaa ni argata, dukkanaan'llee hin dedeebi'u» jechu'uun, isaanitti ni dubbate.
13 #
Yoh 5:31. Fariisonni, «Ati waayee mataa keetiitiif ragaa ni baata, ragummaan kee dhuga'aa miti» jedhaniin.
14Yesus'llee akkana jechu'uun isaanii ni deebise, «Yoma ani waayee mataa kiyyaa ragaa baye'llee eessaa akka dhufe, garam'llee akka deemu waan beekuuf ragummaan kiyya dhuga'a, isin garuu eessaa akka dhufee fi garam'llee akka deemu, hin beekittan. 15Isin yaada fooniitiin ni murteessitan, ani eennuun irratti'llee hin murteessu. 16Yoma murteesse'llee Waaqinni Abbaan ana erge ana woliin waan ta'ee fi ani'llee adda kiyyatti waan hin murtteessineef, murtiin kiyya dhuga'a, 17ragummaan namoota lamaan dhugaa akka ta'e, seera keessan keessatti barreeffamee jira. 18Kanaaf ani waayee mataa kiyyaatiif ragaa ni baya, Waaqinni Abbaan ana erge'llee ragaa naaf ni baya.»
19Yeroo sanitti isaan, «Abbaan kee eessa jira?» jechu'uun, ni gaafataniin. Yesus'llee, «Ana ta'ee Abbaa kiyya'llee hin beekittan, ana ka beekittan uduu ta'eetii, Abbaa kiyya'llee ni beekittan ture!» jechu'uun, isaanii ni deebise.
20Yesus'llee dubbii kana ka dubbate Mana Waaqeffanna'aa titti bakka sanduuqa qarshii itti fuudhanii bira ta'ee, yeroo barsiisutti. Eegaa, yeroon amma'llee waan hin gayiniif, eennu'llee isa hin qabnneen.
Waayee Amanuu Dhabuutiif Ufi Eeggachiisa Kenname
21Deebisee'llee Yesus akkana isaaniin ni jedhe, «Ani ni deema, isin'llee ana ni barbaaddan, garuu cubbuu keessaniin ni duutan malee, gara ani deemu isin dhufu'uuf hin danddeettan.»
22Namoonni worra Yihudotaa ka aangoo qaban'llee, «Gara ani deemu isin dhufu'uuf hin danddeettan jechuun isaa, mataa isaa ajjeesu'uuf ta'innaa laata?» woliin jedhan.
23Itti aansee'llee Yesus akkana isaaniin jedhe, «Isin gadiiyyi, ani ol irraayyi, isin biyya lafaa kana irraayyi, ani biyya lafaa kana irraayyii miti, 24eennummaa kiyya beekittanii yoo amanuu dhabaattan, cubbuu keessaniin woliin ni duutan ka isiniin jedhe kanaaf.»
25Isaan'llee, «Ati eennu?» jedhaniin.
Yesus'llee akkana isaaniin jedhe, «Ani jalqabumaa kaasee akkuma isinitti hime san, 26waayee keessan ka dubbadhuu fi ka murtteessu'llee waan baayi'ee ni qaba, haa ta'u malee ka ana erge dhugaalessa, ani'llee biyya lafaa titti ka dubbadhu, isa irraa waan dhagaye.»
27Isaan garuu waayee Waaqa Abba'aa akka isaanitti dubbate, isaaniif hin galle. 28Kanaaf Yesus akkana isaaniin ni jedhe, «Ilma Namaa ol fageessitanii yeroo itti fannifttanitti ani isa akka ta'e ni beekittan, akkuma kana Waaqinni Abbaan waan ana barsiise akka dubbadhu malee, aangoo mataa kiyya qofaan womaayyuu akka hin raawwanne, yeroo sanitti ni hubattan. 29Ka ana erge ana woliin ni jira, yeroo maraa ka raawwadhu isa waan gammachiisuun waan ta'eef, adda kiyyatti ana hin dhiifnne.»
30Yesus kana yeroo dubbatetti namoonni baayi'een isatti, ni amanan.
Garbummaa Cubbu'uu Jalaa Waayee Bilisa Bayu'uu
31Yesus Yihudota isatti amananiin akkana ni jedhe, «Isin dubbii kiyyaan uduu jiraattanii, dhugamaanuu barattoota kiyya ni taatan, 32dhugaa'llee ni beekittan, dhugaan'llee bilisa isin ni baasa.»
33 #
Mat 3:9; Luq 3:8. Isaan'llee garuu, «Nu'u fiixaa Abrahaamiiti, gonkumaa eennuuf'llee garba taanee hin beekinnu, eegaa, ‹ati bilisa ni baatan› ka nuun jettu, attamitti?» jedhaniin.
34Yesus'llee akkana jechu'uun isaanii ni deebise, «Dhugamaa isiniin jedha, ka cubbuu hojjatu marrinuu garibcha cubbu'uuti, 35garbichi yeroo maraa mana keessa hin jiraatu, ilmi garuu yeroo maraa mana keessa ni jiraata. 36Kanaaf Ilmi bilisa eega isin baase, dhugamaanuu bilisa ni taatan. 37Fiixaa Abrahaamii ta'uu keessan ni beeka, garuu dubbii kiyya waan hin fudhanneef ana ajjeesu'uuf ni barbaaddan. 38Ani waan Abbaa kiyya irraa arge ni dubbadha, isin garuu waan abbaa keessan irraa argitan, ni raawwattan.»
39Isaan'llee, «Abbaan keenna Abrahaam» jechu'uun, ni deebisaniif. Yesus'llee akkana isaaniin ni jedhe, «Ijoollee Abrahamii uduu taatanii jiraattanii, hujii Abrahamiiti ni hojjattaniiyyu ture, 40Ani dhugaa Waaqa irraa dhagaye isinitti ni hime, isin garuu ana ajjeesu'uuf ni barbaaddan, Abraham'llee akkana hin raawwanne. 41Eegaa isin ka hojjattan hujii abbaa keessaniiti.» Isaan'llee, «Nu'u sagaagalumma'aan diqaalota dhalannee miti, abbaa tokko ni qabnna, inni'llee Waaqa» jedhaniin.
42Yesus'llee akkana isaaniin ni jedhe, «Waaqinni Abbaa keessan uduu ta'ee jiraateetii ana ni jaalattan turttan, ani garana ka dhufeef Waaqa biraayyi, ka ana erge isa malee ani aangoo kiyyaan hin dhufinne. 43Waayee maali'iitiif haasofnni kiyya isiinii hin galle? Haasaya kiyya dhagayu'uuf waan hin dandeenneef.» 44«Isin ijoollee abbaa keessan sheexanaati, fedhiin keessan'llee hawwii abbaa keessan raawwachu'u, inni'llee Jalqabumaa kaasee lubbuu ajjeesaa ture, dhugaan isa keessa waan hin jirreef dhuga'aan woliin wolitti dhufeenna woyiituu hin qabu, inni dharaalessaa fi abbaa dhara maraa waan ta'eef, dhara yeroo dubbatutti mataa isaa irraa kaasee ni dubbata. 45Ani garuu dhugaa waan dubbadhuuf ana hin amantan. 46Haa ta'u malee isin keessaa, ‹ati cubbama'a› jedhee ka ana gilndisu eennu? Dhugaa ka dubbadhu yoo ta'e eegaa, isin maali'iif ana hin amanne? 47Ka Waaqaa irraa ta'e dubbii Waaqaa ni dhagaya, eegaa isin dubbii Waaqaa ka hin dhageenneef, Waaqaa irraa waan hin ta'iniif.»
Yesusii Abrahaamiin Durana Ka Ture Ta'uu Isaa
48Yihudonni, «Ati Samaariyicha, sheexana'llee ni qabdda jechuun keenna, sirri'ii mitii ree?» jedhaniin.
49Yesus'llee akkana jechu'uun isaanii ni deebise, «Ani sheexana hin qabu, garuu Abbaa kiyya ni kabajaan, isin garuu ana ni salphifttan. 50Haa ta'u malee ani ulfinna mataa kiyyaa hin barbaadu, kabajamuu kiyya ka barbaaduu fi ka murtteessu ka bira'aa ni jira. 51Dhugaa isiniin jedha, ka dubbii kiyya eegu, gonkumaa hin du'u» jedhe.
52Yihudonni akkana ni jedhaniin, «Sheexana akka qabddu amma beekinnee jirra, Abrahaam'llee du'ee jira, nabiyyoonni'llee du'anii jiran, ati garuu, ‹ka dubbii kiyya eegu hin du'u› jetta, 53Haa ta'u malee, ati abbaa keenna ka du'e Abrahaamiin, ni caalittaa? Nabiyyoonni du'anii jiran, eegaa, ati mataa kee akka eennuu taasftta?»
54Yesus'llee akkana jechu'uun ni deebise, «Ani mataa kiyya yoo kabaje kabajaan kiyya gatii hin qabaatu, ka ana kabaju Abbaa kiyya, inni'llee, ‹ka isin Waaqa kenna› jettaniin. 55Ta'u'llee isin isa hin beekinneen, ani garuu ni beekaan, ani isa hin beekuun yoo jedhe akkuma keessan ka sobaa ni ta'a ture, ani garuu ni beekaan, dubbii isaa'llee ni eeggadha. 56Hawwiin Abbaa keessan Abrahaamii guyyaa kiyya argee gammadu'uuf ture, argee'llee ni gammade.»
57Yeroo sanitti Yihudonni, «Ati amma woggama shantamaatuu hin guunne, eegaa attamitti Abrahaamiin argee jira jetta?» jedhaniin.
58Yesus'llee, «Dhugaa isiniin jedha, Abrahaam uduu hin dhalatiniin duranattuu ani ni jira ture, amma'llee, ufi durana'llee ni jira» isaaniin jedhe.
59Kanaaf Yihudonni isa woqaru'uuf dhagaa ni guuratan, Yesus garuu isaan jala ufi dhosseeti, Mana Waaqeffanna'aatii bayee ni lixe.
Currently Selected:
Wongeela Yohaannis 8: ArsiDNT
ማድመቅ
Share
Copy
ያደመቋቸው ምንባቦች በሁሉም መሣሪያዎችዎ ላይ እንዲቀመጡ ይፈልጋሉ? ይመዝገቡ ወይም ይግቡ