Itti aansee'llee Yesus akkana ni jedhe, «Adu'uu fi ji'a, urjjiiwwan irratti'llee malkanni maalale'ee ni mulidhatan, arddii mara irratti'llee ummattoonni marrinuu qoonqqa naasisaa garba ciisa'aa fi danbali'ii irraa ka'een sodaatanii ni sarddaman. Biyya lafaa irratti waan dhufu eeggachu'uun namoonni soda'aan ni jeeqaman, yeroo sanitti huminoonni sami'ii ni raafaman, kanaan duubatti'llee Ilmi Namaa huminna ol aana'aa fi ulfinnaan, duumessa irraan yoo dhufu, namoonni ni arganiin.