Wongeela Maarqoos Seensa

Seensa
Wongeelli Maarqoosii kun, «Jalqaba Gammachuu Dubbii Ilma Waaqaa, Yesus Kristositi» jedhamu'uun ka'a, wongeela kana keessatti Yesus nama huji'iitii fi aangoo ta'u'uun dhiyaatee jira, aangoon isaa'llee barsiisa isaatiin, jinniiwwan irratti huminna qabuu fi cubbuu namaatiif'llee dhiifama taasisuu isaatiin mulidhatee jira. Yesus «Namoota garbummaa cubbu'uu jalaa bilisa isaan baasu'uun lubbuu isaa qoricha taasisee kennu'uuf, Ilma Namaa ka dhufe» jechu'uun, mataan isaatuu dubbatee jira.
Maarqoos seenaa Yesusii ka dhiyeesse, qajeela'aa fi karaa huminnaan guuttameen yoo ta'u, ka xiyyeeffate'llee dubbii Yesusiitii fi barsiisa isaa irratti uduu hin ta'in, hujiiwwan inni raawwate ka maalale'ee irratti ture. Waayee seenaa Yohaannisii cuupha'aa, waayee cuuphaa Yesusiitii fi qormmaatama isaa seensa gabaabaa eega kenneen duubatti, barreessaan waayee barsiisuu Yesusiitii fi waayee tajaajila fayyisu'uu, ni tarreessa. Yero'oon duubatti horddofittoonni Yesusii Yesusiin haaluma caalaa ta'ee isa beeka'aa haguma deemaniin, mormittoonni Yesusii'llee caala'atti isa jibba'aa ni deeman. Boqqonaawwan muumme'ee jireenna Yesusii ka toribbaan muumme'ee keessatti waayee gochoota raawwatamanii, keessummaanuu waayee fannifamuu isaatii fi waayee du'aa ka'iinssa isaa'llee ka aseenssan.
Muummee wongeelichaa irratti'llee ammattuu keessatti ka muldhifamaan kutaawwan lamaan, garagalchoota tokko tokko qofa irratti ka argaman.
Woliigala Qabiyyee Kitaabchaa
Jalqaba wongeelichaa 1:1-13
Yesus tajaajila Galiila'atti jala qabuu isaa 1:14—9:50
Yerusaalemtti tajaajiluu isaa 10:1-52
Yerusaalemii fi naannoo isi'ii titti torbaan muumme'ee 11:1—15:47
Du'aa ka'iinssa Goofta'aa 16:1-8
Gooftaan du'aa ka'e mulidhachuu isaatii fi gara samii ol deebi'uu isaa 16:9-20

Kleurmerk

Deel

Kopieer

None

Wil jy jou kleurmerke oor al jou toestelle gestoor hê? Teken in of teken aan