Wongeela Maatewos 26
26
Marri Yesusiin Irratti Taasfame
(Mar 14:1-2; Luq 22:1-2; Yoh 11:45-53)
1Yesus barsiisa kana maraa barsiisee yeroo xumuretti, barattoota isaatiin akkana ni jedhe, 2«Guyyaa lamaan duubatti Ayyaanni Faasiika'aa akka ta'u ni beekittan, Ilmi Namaa fannifamu'uuf dabarffamee ni kennama.»
3Yeroo sanitti itti gaafatamoonni, qeesotaatii fi jarsotiin ummataa, moonaa itti gaafatamaa qeesotaa titti wol ni gayan. 4Achitti'llee Yesusiin dabaan qabanii ajjeesu'uuf, ni mari'atan. 5Garuu, «Ummata jiddu'utti jeeqamnni akka hin kaaneef guyyaa ayyaanaatiin hin ta'in» jedhan.
Dubarttiin Takka Yesusiin Shittoo Akka Dibiddeen
(Mar 14:3-9; Yoh 12:1-8)
6Kunoo, Yesus Bitaaniya'atti waashayaa ka ture mana Simoonii ni ture. 7#Luq 7:37, 38.Achitti'llee Yesus nyaataaf taa'ee uduu jiru, dubarttiin takka shittoo gatiin isaa haalaan guddaa ta'e bilqaadii albasixiroosii#26:7 Bilqaadii albasixiroosii:- Shurrubbee (Meeshaa shittoo qabatee jiru) guuttame qabattee, gara isaa ni dhiyaatte, shittoo'llee mataa isaa irratti ni jissite. 8Barattoonni isaa'llee kana arganii dallananiiti, akkana ni jedhan, «Shittoon kun maali'iif tasatti bade!» 9«Shittoon kun gatii baayi'e'etti gurguramee, hiyyeesotaaf kennamuu ni danda'ama ture!»
10Yesus'llee kana jechuu isaanii beekee akkana isaaniin ni jedhe, «Dubarttii tana maali'iitiif rakkifttaniin? Isiin anaaf waan mishaa raawwattee jirtti, 11hiyyeeyyiin yeroo maraa isinuma woliin jiran, ani garuu yeroo mara isin woliin asitti hin ariggamu. 12Isiin shittoo kana ana irratti jissu'uun isi'ii, ana awwaalaaf qopheessu'uuf. 13Dhugamaan isiniin jedha, biyya lafaa mara irratti bakka wongeelli kun itti lallabamu kamittuu kun wonitti isiin raawwatte, yaadannoo isi'iitiif ni dubbatamaaf.»
Yihudaan Yesusiin Dabarssee Kennu'uuf Wol Galuu Isaa
(Mar 14:10-11; Luq 22:3-6)
14Yeroo sanitti ergamoota isaa kudha lamaan keessaa tokko ka ta'e, Yihudaan naminni biyya Keriyootii gara mana itti gaafatamoota qeesotaa dhaqeeti, 15«Yesusiin dabarssee uduu isiinii kennee, maal naa kennitan?» jedhe. Isaan'llee qarshii 30 ni kennaniif, 16Inni'llee saa'aatii sanii jala qabee Yesusiin dabarssee ka itti kennu, yeroo mijaayaa ni barbaada ture.
Yesus Irbaata Ayyaana Faasiikaa Yihudotaa Barattoota Isaa Woliin Akka Nyaate
(Mar 14:12-21; Luq 22:7-13, 21-23; Yoh 13:21-30)
17Jalqaba guyyaa ayyaana Qixxa'aa titti barattoonni isaa gara Yesusii dhiyaatanii, «Irbaata Ayyaanaa Faasiika'aa #26:17 Irbaata Ayyaanaa Faasiika'aa:- Bunee, yookiin nyaata yaadannoo guyya du'aa bira dabrru'uu eessatti akka si qopheessinu barbaadda?» jechu'uun, ni gaafataniin.
18Inni'llee, «Gara magaala'aa yoo aseenittanitti gara mana nama argattanii deema'aatii, ‹barsiisaan yeroon kiyya gayee jiraatii barattoota tiyyaan woliin, Irbaata Ayyaana Faasiika'aa ka nyaadhu mana kee titti jedha› jedha'aanii» jedhe.
19Barattoonni isaa'llee akkuma Yesus isaan ajaje ni raawwatan, Irbaata Ayyaanaa Faasiika'aa'llee ni qopheessan.
20Yeroo laftti dhiitetti'llee, Yesusii barattoota isaa kudha lamaan woliin, nyaataaf ni taa'e. 21Yoo nyaatan'llee Yesus, «Dhugamaan isiniin jedha, isin keessaa tokko ana dabarssee ni kenna» jedhe.
22Barattoonni isaa'llee waan kanaan haalaan gaddanii, tokko tokkoon isaaniituu yaa Gooftaa, «Ana ta'innaa?» jedha'aa, ni gaafachuunii jala qaban.
23Yesus'llee akkana jechu'uun isaanii ni deebisee, «Ana ka dabarssee ana kennu, ka anaan woliin qorii keessaa ittoo #26:23 Ittoo:- Woxii, yookiin waan nyaata ittiin jiifatan tuqatu. 24Ilmi Namaa akkaatama waayee isaatiif barreeffameetiin ni du'a, garuu Ilma Namaa dabarssee ka kennu nama saniif uunsha'a! Naminni sun uduu dhalachuu dhabaatee isaa woyya ture.»
25Yihudaan dabarssee isa kennu'llee, «Yaa barsiisaa! Ana ta'innaa?» jedhe. Yesus'llee, «Akkuma ati jette» jedheen.
Naamusa Yaadannoo Irbaata Qulqullu'uu
(Mar 14:22-26; Luq 22:14-20; 1Qor 11:23-25)
26Yeroo nyaatantti'llee Yesus hibsttii ol fuudhee ni eebbise, kukkutee barattoota isaatiin, «Hoo'aa nyaadhaa, kun foon kiyyaa» jedhee, isaanii ni kenne.
27Duloo'llee ol fuudhee kadhannaa galataa eega taasiseen duubatti, akkana jechu'uun isaanii ni kenne, «Marri keessanuu duloo tana irraa dhugaa, 28kun waayee namoota baayi'eewwanii, dhiifama cubbu'uutiif ka jigu, dhiiga kiyya ka waadaa haarawaati, 29Mootummaa Abbaa kiyyaa titti cuunffaa firii woyinnii haarawaa irraa isin woliin haga guyyaa dhuguu titti, ammaa achitti cuunffaa firii woyinnii kanaa irraa hin dhugu isiniin jedha.»
30Kanaan duubatti faaruu faarffatanii, gara Gaara Ejerssaa ni bayan.
Phexiros Akka Waakkatuun Yesus Durssee Ni Dubbate
(Mar 14:27-31; Luq 22:31-34; Yoh 13:36-38)
31Yeroo kanatti Yesus, barattoota isaatiin akkana ni jedhe, « ‹Tissicha ni dhaya, hoolonni'llee ni bittinnaayan› jedhamee barreeffamee jiraatii, halkan kanatti marri keessanuu ana ni waakkattan. 32#Mat 28:16.Ani eega du'aa ka'een duubatti garuu, gara Galiila'aa isin durssee ni deema.»
33Yeroo sanitti Phexiros, «Kunniin marrinuu yoma si waakkatan'llee, ani gonkumaa si hin waakkadhu!» jedhee, ni dubbatte.
34Yesus'llee, «Dhugamaan siin jedha, adha halkan kanaan uduu lukkuun hin iyyiniin duranatti, yeroo sadihi ana ni waakkata» jedheen.
35Phexiros garuu, «Si woliin du'u'llee yoma ka barbaachisu ta'e'llee, ni du'a malee, gonkumaa si hin waakkadhu!» jedheen. Barattoonni hafan marrinuu, akkanuma kana ni jedhan ture.
Yesus Getesemaane'etti Akka Kadhate
(Mar 14:32-42; Luq 22:39-46)
36Kanaan duubatti Yesus barattoota isaa woliin gara bakka Getesemaanee jedhamuu ni deemee, achi'llee akkuma gayaniin Yesus barattoota isaa tiin, «Ani achi deemee haga kadhadhutti, isin asumatti turaa!» isaaniin jedhe. 37Isa woliin Phexirosii fi ijoollee Zabdewoosii lamaan fudhatee ni deeme, gaddu'uu fi sarddamuu'llee jala qabee. 38Akkana'llee isaaniin jedhe, «Haga du'aaf gayutti gaddee jira, isin asumatti turaa, ana woliin'llee jabaadhaa.»
39Isaan irraa muraasa achi fagaatee deemeeti, lafa irratti kallacha isaatiin gonbbifamee, akkana jechu'uun ni kadhate, «Yaa Abbaa! Ka siif danda'amu yoo taate, duloon sarddamaa kun ana irraa garasi haa dabrru! Garuu fedhii kee haa ta'u malee, fedhii kiyya hin ta'in.»
40Kanaan duubatti gara barattoota sadiinii deebi'ee yeroo dhufetti, rafanii isaan ni argate, kanaaf Phexirosiin akkana jedheen, «Isin anaan woliin saa'aatima tokko'llee jabaachu'uuf hin dandeennee miti? 41Gara qormaataa titti akka hin aseenneef jabaadha'aatii kadhadhaa, Hafuurri dhugamaanuu qophaaya'a, foon garuu dadhaba'a.»
42Deebi'ee'llee Yesus yeroo Lammaffaa'llee fagaatee deemeeti, «Yaa Abbaa! Duloo sarddamaa kan uduu hin dhugin ana irra dabrru ka hin dandeenne yoo taate, fedhii kee haa ta'u!» jechu'uun, ni kadhate. 43Dabalee'llee gara barattoota isaa deebi'ee yeroo dhufetti, ijji isaanii hirribaan ulffaatanii waan turaniif, rafanii isaan ni argate.
44Deebi'ee'llee isaan dhiisee deemeeti, jechuma duraan dubbate san irra deebi'ee dubbachu'uun, yeroo sadaffa'aatiif ni kadhate. 45Kanaan duubatti gara barattoota isaa deebi'ee dhufeeti, akkana isaaniin jedhe, «Ammallee raffittanii jirttanii? Boqannaa taasisa'aa jirttan moo? Kunoo, Ilmi Namaa harka cubbamootaa titti dabarffamee saa'aatiin itti kennamu gayee jira, 46ka'aa haa deeminnuu! Kunoo, ka dabarssee ana kennu dhiyaatee jira!» jedhe.
Dabarffamee Kennamu'uu Yesusiitii Fi Qabamuu Isaa
(Mar 14:43-50; Luq 22:47-53; Yoh 18:3-12)
47Uduma Yesus dubbata'aa jiru kunoo, barattoota isaa kudha lamaan keessaa tokko ka ta'e Yihudaan ni dhufe, isa woliin'llee billayaa fi ulee ka qabatan namoonni baayi'een ni dhufan, isaan'llee itti gaafatamoota qeesotaatii fi jaarsotii ummataa biraa worra ergaman turan. 48Yesusiin dabarssee ka kennu Yihudaan namootaan, «Ka isin barbaadan, ka ani dhungadhuun san waan ta'eef isa qaba'aan!» yoo jedhu, malikata isaanii kennee ture.
49Yihudaan'llee bakkumatti dhufee gara Yesusii dhiyaateeti, «Yaa barsiisaa! Nageenni siif haa ta'u!» jedhee, ni dhungateen. 50Yesus'llee, «Yaa waahela kiyya! Eegaa dhimmicha dhuftteef raawwadhu!» jedheen, kanaan duubatti namoonni gara Yesusii dhiyaatanii ni qabaniin. 51Yeroo sanitti Yesusiin woliin worra jiran keessaa tokko harka isaa hiixatee, billaya isaa luqqifateeti tajaajilaa itti gaafatamaa qeesotaa dhayee, gurra isaa ni mure. 52Yesus garuu akkana jedhe, «Billaya worri luqqifatan billayaan ni badaniitii billaya kee, gara qola isaa titti deebisii galchi. 53Haa ta'u malee ani Abbaa kiyya uduu kadhadhee, inni hoomaa maleyikkoota kuma baayi'eetti laakkayaman, ka naaf hin ergine sitti fakkaataa? 54Akkana ta'uu uduu dhabaateetii, ‹rakkinna fudhachuu qaba› ka jedhu, dubbiin Kitaabaa attamitti raawwatama ree?»
55 #
Luq 19:47; 21:37. Saa'aatii sanitti Yesus ummata achitti woligayaniin akkana ni jedhe, «Akka waan shifttaa qabddanii titti ana qabu'uuf, bilayaa fi ulee qabattanii, dhufittanii? Guyyama guyya'aan Mana Waaqeffanna'aa titti barsiisa'aa isin woliin uduu jiru, ana hin qabnneeyyu ture, 56garuu kun marrinuu ka ta'eef, wonitti nabiyyootaan barreeffame akka raawwatamuuf.» Yeroo sanitti barattoonni isaa marrinuu, dhiisaniinii ni dheessan.
Yesusii Gara Yaa'ii Murti'ii Fidamuu Isaa
(Mar 14:53-65; Luq 22:54-55, 63-71; Yoh 18:13-14, 19-24)
57Kanaan duubatti Yesusiin namoonni qaban gara itti gaafatamaa qeesotaa gara Qayyaafa'aa ni fudhataniin, achitti'llee barsiisonni seeraatii fi jaarsotiin wolgayanii jiran ture. 58Phexiros garuu haga moonaa itti gaafatamaa qeesotaa titti Yesusiin fago'oo ni horddofeen, gara keessaa aseenee'llee raawwii dhimmichaa laalu'uuf wordiyyootaan woliin ni taa'e. 59Itti gaafatamoonni qeesotaatii fi miseensonni yaa'ii Yihudotaa marri Yesusiin irratti murtii du'aa murtteessisu'uuf, ragaa dharaa ni barbaadan turan. 60Ragummaan dharaa baayi'een yoo dhiyaatan'llee, ragummaan du'a isa irratti murteessisu hin arganne, muummee irratti'llee ragoonni lamaa dhiyaatanii, 61#Yoh 2:19.«Naminni kun, ‹Mana Waaqaa ka Waaqeffanna'aa kana diigee, guyyaa sadihitti deebisee ijaaru'uuf ni dandda'a› jedhee yoo dubbatu» jechu'uun, ni dubbatan.
62Itti gaafatamaan qeesotaa'llee ka'eeti, «Waan namoonni kunniin sirratti ragaa bayan maraafuu deebii woyiituu hin kennitu ree?» jechu'uun, ni gaafateen. 63Yesus garuu ni caldhise. Itti gaafatamaan qeesotaa'llee irra deebi'ee Yesusiin, «Maqaa Waaqaa jiraata'aatiin si qabee jira! Ati Ilma Waaqaa Masihicha akka taate nutti himi!» jedheen.
64Yesus'llee akkana jechu'uun ni deebiseef, «Akkuma ati jette, garuu ammaa achitti Ilmi Namaa huminna isaatiin, mirga Waaqaatiin taa'ee ni argitaniin, akkuma kana duumessa sami'ii keessan yoo dhufu, ni argitaniin isiniin jedha!» 65Yeroo kanatti itti gaafatamaan qeesotaa dallansu'uun uffata isaa tarsaaseeti, akkana ni jedhe, «Kunoo, Waaqaa irratti dubbii arrabaa dubbatee jira! Isin'llee arraba isaa dhageettanii jirttan! Kana ka caalu ragaa maal barbaachisa! 66Eegaa, maal isinitti fakkaata?» Isaan'llee, «Du'atu isaan mala!» jechu'uun, ni deebisan.
67Yeroo sanitti hancufa isaanii itti ni tufan, ni humi'aniin, ni dhabanaassa'an'llee dhaya'aanii, 68«Yaa Masihicha! Eennu ka si dhaye? Mee raaga dubbadhu!» ni jedhaniin ture.
Phexiros Yesusiin Akka Waakkate
(Mar 14:66-72; Luq 22:56-62; Yoh 18:15-18, 25-27)
69Phexiros'llee mana duubanatti moonaa itti gaafatamaa qeesotaa keessa taa'ee jira ture, yeroo sanitti intaltti hojjattuu mana keessaa takka gara isaa dhiyaattee, «Ati'llee Yesusii nama biyya Galliila'aa woliin ni jirta turee!» isaan jette.
70Inni garuu, «Waan ati jettu hin beeku!» jechu'uun isaan mara duratti ni waakkateen. 71Bayu'uuf gara balbalaa yoo deemu, intaltti hojjatuu manaa ta bira'aa argiteeniiti, namoota achi turaniif, «Naminni kun Yesusii Naazireet woliin ni ture!» jette. 72Phexiros'llee, «Nama ati jettu kana hin beekuun!» jechu'uun, kaku'uun deebi'ee ni kakate. 73Yeroo muraasaan duubatti namoonni achi dhaabatanii turan gara Phexirosii dhiyaatanii, «Haasofnni kee ni beekisisa, dhugamaanuu ati'llee isaan keessaa tokko» jedhaniin. 74Yeroo sanitti Phexiros, «Ani nama kana hin beekuun!» jedha'aa, ufi abaaruu fi kakachuu jala ni qabe. Bakkumatti lukkuun ni iyye. 75Phexiros'llee, «Lukkuun uduu hin iyyin, yeroo sadihii ana waakkata» jedhee, Yesus ka dubbate, ni yaadate. Gara alaa'llee bayeeti, fiqqifatee ni booye.
Tans Gekies:
Wongeela Maatewos 26: ArsiDNT
Kleurmerk
Deel
Kopieer
Wil jy jou kleurmerke oor al jou toestelle gestoor hê? Teken in of teken aan