Wongeela Maatewos 25

25
Fakkeenna Shamarran Kudhanii
1 # Luq 12:35. Itti aanissee'llee Yesus akkana ni jedhe, «Yeroo sanitti Mootummaan Sami'ii ibisaa isaanii qabatanii ka fuudhu simachu'uuf ka bayan, shamarran shanan ni fakkaatti. 2Isaan'llee shanan gowwoota, shanaan ammoo qaruuteewwan turan. 3Shamarran gowwoota ibisaa isaanii yoma qabatan'llee ibisa'aaf ka ta'u bobayaa bira'aa jala hin qabanne turan. 4Shamarran qaruuteewwan garuu ibisaa isaanii woliin bobayaa bira'aa jala meesha'aan, qabatanii jiran ture. 5Ka fuudhu turuu isaatiin marri isaaniituu, hirribnni itti ulffaatee, ni rafan.»
6«Halkan qixxee yoo ta'utti garuu, ‹kunoo ka fuudhu galee jira! Baya'aatii simadha'aanii!› Wocinni jedhu ni dhagayame. 7Yeroo sanitti shamarran marrinuu ka'aniiti, ibisaa isaanii ni qopheessan. 8Shamarran gowoonni qaruutewwaniin, ‹Ibisaan keenna baduu isaa waan ta'eef, yabo'oo bobayaa keessan irraa nuuf kennaa› isaaniin jedhan. 9Shamarran qaruuteewwan garuu, ‹nu'uuf isinii bobayaa gayu hin qabnnu. Kana irra gara dukkaanaa deema'aatii bobayaa isiniif ta'u bitaa!› jechu'uun, isaaniif ni deebisan. 10Shamarran gowwoota bobayaa bitu'uuf yeroo deemanitti, ka fuudhu ni gale. Shamarran qophaayanii turan'llee ka fuudhu woliin, gara galmma afeerrii cidhaa ni aseenan, balballi'llee ni cufame.»
11 # Luq 13:25. «Shamarran maa'ii'llee hafan dhufaniiti, ‹yaa Gooftaa, yaa Gooftaa! Yabo'oo nuuf bani!› jedhaniin. 12Inni garuu, ‹dhugamaan isiniin jedha, ani isin hin beeku!› jechu'uun, isaaniif ni deebise.
13«Kanaaf, guyya'aa fi saa'aatii waan hin beekinneef, isin hisadha'aatii eegaa.»
Fakkeenna Tajaajilttoota Saantibii Worqqi'ii Sadiin Isaaniif Kennamee
(Luq 19:11-27)
14 # Luq 19:11-27. Yesus'llee akkana jechu'uun fakkeenna bira'aa isaanitti ni hime, «Yeroo sanitti haalli gara Mootummaa Waaqaa titti aseenu'uu akkana ni ta'a, naminni gara biyya bira'aa deemu tokko tajaajilttoota isaa waamee, akka waan qabeenna isaa ka qabu isaanitti kennuu, ni ta'a. 15Gooftichi isaanii'llee tokko tokko isaaniitiif akka danddeettii isaaniitiin isaanii qoodu'uun, tokkoof saantibii worqqi'ii shan, tokkoof saantibii worqqi'ii lama, tokkoof ammoo saantibii worqqi'ii tokko kenneeti, gara biyya bira'aa ni deeme. 16Saantibii worqqi'ii shan ka fudhate bakkumatti deemee ittiin daldaleeti, ka bira'aa saantibii worqqi'ii shan, ni buufate. 17Ka saantibii worqqi'ii lama fudhate'llee akkuma kana, saantibii worqqi'ii lama, ni buufate. 18Saantibii worqqi'ii tokko ka fudhate garuu deemeeti, lafa qotee qabeenna Gooftaa isaa, ni awwaale.»
19«Yeroo baayi'e'een duubatti gooftaan tajaajilttoota sanniinii dhufeeti, tajaajilttoota isaa woliin herreegachuu jala ni qabe. 20Tajaajilaan saantibii worqqi'ii shan fudhate gara Gooftaa isaa dhufeeti, saantibii worqqi'ii shan dhiyeessee, ‹yaa Gooftaa! Saantibii worqqi'ii shan naa kennitee ture, kunoo! Ka bira'aa saantibii worqqi'ii shan, buufadhee jira!› jedhe. 21Gooftaan isaa'llee, ‹mishaa raawwatte, ati amanama'aa fi tajaajilaa misha'a! Waan muraasaan amanamaa taatee waan argamitteef, waan baayi'ee irratti si ni muuda, koottu, gammachuu goofta'aa qoodamu'uuf aseeni!› jedheen.
22«Saantibii worqqi'ii lama ka fudhate'llee dhiyaatee, ‹yaa Gooftaa! Saantibii worqqi'ii lama naa kennitee turtte, ka bira'aa saantibii worqqi'ii lama buufadhee jira!› jedhe. 23Gooftaan isaa'llee, ‹misha'a! Ati amanama'aa fi tajaajilaa mishaa nana, waan muraasaan amanamaa taatee waan argamitteef, waan baayi'ee irratti si ni muuda, koottu, gammachuu Gooftaa keetii qoodamu'uuf aseen!› jedhe.
24«Ka saantibii worqqi'ii tokko fudhate'llee dhiyaatee, ‹Yaa Gooftaa! Bakka itti hin facaasinii ka haamattu, bakka itti hin bittinneessinii ka wolitti qabddu, nama gara jabeessa ta'uu kee ni beeka, 25kanaaf si sodaadheeti, deemee qabeenna kee lafa keessatti ni awwaaleen, kunoot qabeenni kee!› jedheen.»
26«Gooftaan isaa garuu akkana ni jedheen, ‹ati hama'aa fi tajaajilaa dadhabaa nana! Bakka itti hin facaasinii akka haamadhuu fi bakka itti hin bittinneesinii'llee akka wolitti qabadhu, ka beekittu eega ta'e, 27qabeenna kiyya mana kuusaa qarshi'ii naaf kaayuu ni qabdda ture, ani'llee yeroo dhufetti qarshii kiyya dhala woliin ni fudhadha ture. 28Eegaa, qarshii isa irraa fuudha'aatii ka saantibii worqqi'ii kudhan qabuuf kennaa. 29#Mat 13:12; Mar 4:25; Luq 8:18.Nama qabu maraaf ni dabalama, ni baayi'ataaf'lle'e, yoo hin qabaatin garuu kammaan qabu sunuu, irraa ni fudhatama. 30#Mat 8:12; 22:13; Luq 13:28.Tajaajilaa hin fayyadinne kana garuu gara dukkana ala jiruu titti baasa'aatii gata'aanii, achitti'llee booyaa fi ilkaan qaruun ni ta'a.› »
Muummee Biyya Lafaa Titti Murtii Ta'u
31 # Mat 16:27; Mat 19:28. «Ilmi Namaa maleyikkoota isaa maran marffamee ulfinnanaan yoo dhufutti, teessoo isaa ka ulfinnaa irra ni taa'a, 32ummanni marri'llee isa duranatti wol ni gayan, akkuma tisseen hoolota re'iin irraa adda fooyutti, inni'llee ummatoota ufii isaaniitiin isaan adda ni fooya.» 33Qulqullaayota mirga isaatiin, cubbamoota ammoo bitaa isaatiin ni dhaabachiisa. 34Yeroo sanitti nugusichi gara mirga isaatiin worra jiraniin akkana ni jedha, isin Abbaan kiyya ka isin eebbise! Kootaa! biyyi lafaa yeroo uumamee jala qabee mootummaa isiniif qophaaye dhaalaa! 35Beelayee ture, ana nyaachifttanii jirttan, dheebodhee ture, ana obaafttanii jirttan, keessummaa ta'ee ni dhufee, mana keessantti ana simattanii jirttan, 36daareeti ture, natti uffifttanii jirttan, dhukkubsadheeti ture, ana gaafattanii jirttan, hidhamee ture dhufttanii ana laalttanii jirttan. 37Yeroo sanitti qulqullaayoman akkana jedhanii ni deebisaniif, yaa Gooftaa, yoom beelofttee si argineeti si nyaachifnne? Yoom dheebottee si argineeti si obbaafnne? 38Yoom keessummaa taatee si argineeti, mana keennatti si simanne? Yoom daarttee si argineeti sitti uffifnne? 39Yoom dhukkubssattee yookiin hidhamttee si argineeti dhufinnee si gaafanne? 40Nugusichi'llee, «dhugamaan isiniin jedha, kanniin obboleeyyan kiyya keessaa ka gad aanaa ta'e tokkomaafuu wonitti raawwattan marrinuu, akka waan anaaf raawwattaniiti!» jechu'uun, isaanii ni deebisa.
41«Kanaan duubatti gara bira'aatiin worra jiraniin'llee, akkana ni jedha, ‹isin worri abaaramttan nana! Ana irraa garas fagaadhaa! Sheexanaa fi maleyikkootaa horddofttoota isaatiif gara bakka qophaayee, gara ibidda bara baraa deemaa! 42Beelayee ture ana hin nyaachifnne, dheebodhee ture ana hin obaafnne. 43Keessummaa ta'ee dhufee ture, ana hin simanne, mana keessantti daaree ture, ana hin nyaachifnne, dhukubbisadhee, dhidhamee'llee ture, isin ana hin gaafanne› » jedhe. 44«Isaan'llee, ‹yaa Gooftaa, beelofttee yookiin dheebottee, keessummaa taatee yookiin daartee, dhukkubissattee yookiin hidhamttee yoom si argineeti, uduu si hin gargaarin hafinne?› jechu'uun, ni deebisaniif. 45Nugusichi'llee, ‹dhugamaan isiniin jedha, kanniin obboleeyyan kiyya keessaa gad aanaa ka ta'e tokkomaafuu wonitti raawwattan marrinuu, akka waan anaaf raawwatiniiti› isaaniin» jedha. 46«Kanaaf, kunniin gara adabbii ibidda bara baraa yoo deeman, qulqullaayoman garuu gara jireenna bara baraa ni deeman.»

Kleurmerk

Deel

Kopieer

None

Wil jy jou kleurmerke oor al jou toestelle gestoor hê? Teken in of teken aan