YouVersion 標誌
搜尋圖標

Yohana 5

5
1Eegi waan kana jila Yahuditi jira, duuba Yesoni Yerusalemu d'aqe. 2Yerusalemu keesa, d'aatu Fullo Ree jed'ani, haro tokoti jira, ta daargula shani qabdu, ta afaani Ebraniatiini Bethzatha jed'ani. 3Achi keesa gumi nama fayya d'abeefi ballafi naafafi ka kokotaeti ch'iisa. [Aka bisaani woch'ani eegani, 4waan maro gari malaikaani Aabbo haro suni keesa seente bisaani woch'isifitufi, nami fayya inqamne ka eegi bisaani woch'ani qara haro suni seene d'ukuba taatefu infaya.] 5Nama tokoti jira ka ganna sodomi saddeeti fayyad'abaani ch'iise. 6Yesoni isa arge, aka inni guyya heddu achi ch'iise beennaani, Fayyu feeta? jed'e gaafate. 7Namichi fayya inqamne kaani waan jed'eeni, Aabbo, anini nama yo bisaani woch'ani keesa na buusu inqabu; ato anini iti hirkifad'u, nami d'ibiini na durati seena. 8Yesoni waan jed'eeni, Kai, itille tante fud'ad'u, deemi. 9Namichi kaani hojuma suni fayye, itille ufi fud'ate iti d'aabate.
Guyyaani suni guyya Sabatooti. 10#Neh 13.19; Yer 17.21 Duuba Yahudiini waan namicha kaaniini jette, Guyyaani kuni guyya Sabatooti, aki atini itille tante baate deemtu fullaaniti jette. 11Ammo inni waan jed'eeni, Namichi na fayyise waan naani jed'e, Itille tante fud'ad'u, deemi, naani jed'e. 12Worri waan jed'eeni, Nami, Itille tante fud'ad'u deemi siini jed'e suni eennu? 13Namichi fayyisani kaani nama isa fayyise imbeekhu, wonti akanatiifi maro gumiini achiti baateefi Yesoni yayu deeme.
14Eegi suni Yesoni namicha kaani Mana Waaqa keesati arge waan jed'eeni, Me ilaali, la fayyite. Iti deebite daba intolchiini, aka waan hagana ira hamtu inarganne. 15Namichi kaani deeme Yahuditi hime, aka nami isa fayyise Yeso. 16Waan kanaafi Yahudiini Yeso gaargalchite, maro inni waan kana guyya Sabato tolcheefi.
17Ammo Yesoni waan worraani jed'e, Abbaani kiyya hojja ch'ufa hojata, anileeni hojja ch'ufa hojachu male. 18Waan kanaafi Yahudiini haga qarale ira isa ijeesu feete, waan inni seera Sabato ch'alla ch'abseniti ammo Waaqi Abba kiyya jed'eefi, akanaani qit'e Waaqa ufi tolcheefi.
Jabeenna Ilma Waaqa
19Duuba Yesoni waan worraani jed'e, D'uguma, waan anini isaniini jed'u, Ilmi dandae ufiini woma intolchu, yo waan Abbaani tolchu argu male. Ilmi waan Abbaani tolchu ch'alla tolcha. 20Wonti akanatiifi Abbaani ilma jaalata, waan ufi tolchu ch'ufa isa agarsiisa, ammalle huji guddo ta tana ira garsiisa, aka isani mamtani. 21Akuma Abbaani nama due kaase jiraachisu, Ilmileeni akasuma nama fed'u jiraachisa. 22Abbaaleeni nama tokole inqoru, ammo waan qorsuma ch'ufa yayu Ilmati kenne, 23aka nami ch'ufti Ilma guddisu akuma Abba guddisani. Nami Ilma inguddimne Abba isa erge eesaa fuud'e guddisa?
24D'uguma waan anini isaniini jed'u, Nami dubbi tiyya d'agaye ka na erge d'ugefate, jireenna hegeri qaba. Isa wollaala iti imurani, ammo ya duisa keesa bahe jireenna argate. 25D'uguma, waan anini isaniini jed'u, Hojjaani ind'ufti, amma ya d'ufte, ta worri due qonqo Ilma Waaqa d'agayu, duuba ka d'agayu injiraata. 26Akuma Abbaani jireenna ufi keesaa qabu, akasuma inni Ilmale tolche aka jireenna ufi keesaa qabaatu. 27Inni yayu jabeenna qorsuma kenneefi, waan inni Ilma Nama taheefi. 28Waan kana himmamiina; guyyaani ind'ufa ka nami awaala keesa jiru ch'ufti qonqo isaa d'agaye 29#Dan 12.2 awaala keesaa yau, nama waan dansa tolche kaasani jireenna kennaniifi, ka waan hamtu tolche kaasaniti wollaala iti murani.
Waan Yeso d'ugeesani
30Anini dandae ufiti woma intolchu: aka Waaqi nati himu gula qora; qorsumaani tiyya ta d'ugaati; wonti akanatiifi anini fed'i tiyya inbarbaadu ammo fed'i abba na erge barbaada.
31Yo anini ufi d'ugeese, dubbini tiyya d'ugaaniti. 32Ammo nama na d'ugeesu toko jira, d'ugeesani inni na d'ugeesu tama d'ugaati, anini imbeekha. 33#Yoh 1.19-27; 3.27-30 Nami isani nama iti ergitani Yohana; innileeni d'uga suni la d'ugeese. 34D'ugeesani nami na d'ugeesu woma keesa injirtu, ammo aka isani baafamtaniifi, anini waan kana dubbad'a. 35Yohanani ifse bobeete ifsitu, isani haga bulti diqo ifsa isatiini gammadu feetani. 36Anini d'uga ta haga Yohana ira jirtu qaba: hujiini anini tolchu ta Abbaani Tolchi naani jed'e, isiini naa dubbatte, aka Abbaani na erge agarsiifti. 37#Mat 3.17; Mar 1.11; Luk 3.22Abbaani na erge naa d'ugeesa. Isani qonqo isaa taka ind'ageenne yokhaani bifa isaa taka inagarre; 38ammalle waan nama inni erge d'ugefachu diddaniifi, dubbi isaa ta garaa keesani keesa teetu inqabdani. 39Isani T'aafi keesa barbaaddani waan isi keesa jireenna hegeri argattani ufi seetani. Ammo T'aafinu naa d'ugeesiti! 40Taatule isani, aka jireenna argattani, nati d'ufu diddani.
41Anini guddinna nama iraa imbarbaadu. 42Ammo anini isani beekha, aka isani jaalala Waaqa garaa keesani keesa inqamne. 43Anini maqa Abba kiyyatiini d'ufe, ammo isani na fud'achu diddani; hojja nami d'ibiini maqa ufiitini d'ufu inuma fud'attani. 44Isani akami dandeetani d'ugefattani, ka guddinna wolira argattani, ammalle guddinna Waaqa tokocha iraa d'ufu barbaadu diddani? 45Waan anini Aabbooti isani himad'u insehiina; nami isani himatu toko jira, Musa, ka isani abdattani. 46Yo Musa d'ugefattani, sila dubbi tiyyale d'ugefattani, waan inni odu tiyya t'aafeefi. 47Ammo yo isani waan inni t'aafe d'ugefachu baatani, akami dubbi tiyya d'ugefattani re?
Yesoni nama kunki shani nyaachisa
(Matayo 14.13-21; Mariko 6.30-44; Luka 9.10-17)

目前選定:

Yohana 5: BOR

醒目顯示

分享

複製

None

想在你所有裝置上儲存你的醒目顯示?註冊帳戶或登入