Mufananidzo weYouVersion
Mucherechedzo Wekutsvaka

Seera Uumamaa 16

16
Aggaar Abrahaamiif Ilma Godhachuu Ishee
1Saaraayi haati manaa Abraam dhala hin godhanne; hojjettuu<<Aggaar>> jedhamtu tokko immoo qabdi; isheen nama biyya Gibxii turte. 2Saaraayis Abraamiin,<<Waaqayyo dhala godhachuu akka na dhowwe in argita, kanaaf hojjettuu koo bira ga'i! Tarii ishee irraa nama maqaa koo kaasu nan argadhan ta'a>> jette; Abraamis dubbii Saaraayi in dhaga'e*. 3Saaraayi haati manaa Abraam hojjettuu ishee Aggaar ishee nama biyya Gibxii sana fidde, akka haadha manaatti Abraam abbaa manaa isheetiif in laatte; kunis Abraam biyya Kana'aan keessa waggaa kudhaniif erga jiraatee booddee ta'e. 4Inni Aggaar bira ga'e, isheenis in ulfoofte; ulfa ta'uu ishees of irratti argitee giiftii ishee ulfina dhowwatte. 5Saaraayi kana irratti Abraamiin,<<Anatti balleessuu ishee kanatti situ gaafatama! Ati hojjettuu koo ofitti akka qabduuf anatu siif kenne, isheenis ulfa ta'uu ishee of irratti erga argitee, ana in tuffatte; Waaqayyo anaa fi si gidduutti haa faradu!>> jette. 6Abraam yommus Saaraayiin,<<Kunoo! Hojjettuun kee harka kee keessa jirti, waanuma gaarii ta'ee sitti mul'ate godhi!>> jedhe; ergasii Saaraayi hojii jibbisiisaadhaan gad ishee qabde; Aggaar immoo ishee jalaa in baqatte.#2 30:3,9
7Ergamaan Waaqayyoos lafa onaa keessatti burqaa bishaanii biratti Aggaarin in arge; burqaan bishaanii sunis karaa Shuur dhaqu gubbaa jira ture*; 8ergamichis Aggaariin,<<Yaa Aggaar, hojjettuu Saaraayi! Eessaa dhufte, amma immoo eessa dhaqaa jirta?>> jedhe; isheenis,<<Ani Saaraayi giiftii koo jalaa baqachaan jira>> jette. 9Ergamaan Waaqayyoo immoo deebisee isheedhaan,<<Deebi'ii giiftii keetiif gali, gad of deebisii harka ishee jala buli!>> jedhe. 10Ergamaan Waaqayyoo itti fufee,<<Waaqayyo,<<Ani sanyii kee guddaa nan baay'isa, baay'ina isaa irraa kan ka'es namni danda'ee isa hin lakkaa'u>> siin jedha>> jedhe*.
11Ergamaan Waaqayyoo ammas immoo,
<<Kunoo ulfoofteetta, ilmas in deessa,
Waaqayyo isa ati gad qabamtee iyyatte
waan siif dhaga'eef, maqaa isaa <<Ishmaa'el>>
jettee in moggaafta*!
12Inni akka harree diidaatti in jiraata;
inni nama hundumaa irratti harka ol in fudhata,
namni hundinuus isa irratti
harka ol in fudhata;
obboloota isaa hundumaan cigaadaa
in jiraata>> jedheen.#7 Bau 14:19; 23:20; Lak 22:22; 1Mot 19:7; 2Mot 19:35 10 17:20 11 Iyo 34:28
13Aggaaris,<<Ani dhuguman Waaqayyoon isa na ilaalaa ture argee?>> waan jetteef, Waaqayyo isa isheetti dubbate sana <<El-Ro'i>> jettee waamte; [<<El-Ro'i>> jechuun <<Waaqayyo isa na ilaalu>> jechuu dha]. 14Kanaaf namoonni bishaan boollaa isa Qaadeshii fi Baared gidduu jiru sana, (<<Be'er-Lahaayi-Ro'i>> jedhanii waaman);<<Be'er-Lahaayi-Ro'i>> jechuun <<Bishaan boollaa kan isa jiraataa na ilaaluu>> jechuu dha.
15Aggaaris Abraamiif ilma deesse; Abraamis maqaa ilma isaa isa Aggaar isaaf deesse<<Ishmaa'el>> jedhee moggaase*. [<<Ishmaa'el>> jechuun <<Waaqayyo in dhaga'a>> jechuu dha]. 16Yommuu Aggaar Ishmaa'elin isaaf deesse, Abraam nama waggaa saddeettamii ja'aa ture.#15 Gal 4:22

Zvasarudzwa nguva ino

Seera Uumamaa 16: MacQul

Sarudza vhesi

Pakurirana nevamwe

Sarudza zvinyorwa izvi

None

Unoda kuti zviratidziro zvako zvichengetedzwe pamidziyo yako yose? Nyoresa kana kuti pinda