Mufananidzo weYouVersion
Mucherechedzo Wekutsvaka

Seera Uumamaa 15

15
Waaqayyo Kakuudhaan Abrahaamin Abdachiisuu Isaa
1Kun erga ta'ee booddee, Waaqayyo mul'ata keessa gara Abraam dhufee,
<<Yaa Abraam, hin sodaatin!
Ani gaachana kee ti,
gatiin kee baay'ee guddaa in ta'a>> jedheen.
2Abraam garuu,<<Yaa Waaqayyo gooftaa, utuu ani dhala dhabee jiruu, maal anaaf kennuuf jirta>> Namni mana koo dhaalus Elii'ezaar nama Damaasqoo kana>> jedhe. 3Abraam ammas,<<Kunoo, ati dhala naaf hin laanne, hojjetaan mana kootii ana dhaaluuf jira>> jedhe.
4Yommus dubbiin Waaqayyoo gara isaa dhufee,<<Namichi kun si hin dhaalu, ilma ofii keetii dhalchitutu si dhaala>> jedheen. 5Abraamin alatti gad baasees,<<Gara bantiiwwan waaqaa ol ilaali, urjootas yoo lakkaa'uu dandeesse lakkaa'i!>> jedheen; kana booddee immoo,<<Sanyiin kees akkasuma in ta'a!>> jedheen*.
6Abraam Waaqayyotti amane, inni immoo qajeelummaatti in lakkaa'eef*.#5 12:2; 22:17; Bau 32:13; Kes 1:10; Rom 4:18; Ibr 11:12 6 Rom 4:3; Gal 3:6; Yaq 2:23
7Waaqayyo ergasii Abraamiin,<<Ani Waaqayyo biyya kana dhaala akka godhattuuf siif kennuuf, isa Ur biyya Kaldootaatii si baasee dha!>> jedhe. 8Abraam garuu,<<Yaa Waaqayyo gooftaa, ani biyyicha dhaala koo godhachuuf akkan jiru maaliinan beeka?>> jedhe.
9Waaqayyo immoo kana irratti,<<Goromsa waggaa sadii, reettii dhaltuu waggaa sadii, korbeessa hoolaa waggaa sadii, gugee horaa, gugee kan biraa sookkee tokkos anaaf fiddi!>> jedheen.
10Abraamis isaan kana hundumaa gara Waaqayyootti fidee, iddoo lama lamatti kukkutee, walakkaa qixa walakkaa isa kaanii wal ilaalchisee kaa'e; gugeewwan garuu iddoo lama lamatti hin kukkunne. 11Yeroo allaattiin raqaa raqicha irratti bubbu'an immoo, Abraam irraa in oofe.
12Utuu aduun gad lixaa jirtuu, hirribni ulfaataan Abraamin qabee, naasuun guddaan lafa itti dukkaneessus isatti in dhufe*. 13Waaqayyo yommus Abraamiin,<<Sanyiin kee biyya kan isaanii hin ta'in keessatti galaa ta'uuf, achittis garbummaatti hojjechuudhaaf, waggaa dhibba afur cunqurfamuuf akka jiran dhugaa isaa beeki*! 14Garuu ani saba isaan hojjetaniif sanatti adaba nan fida, booddees qabeenya guddaa fudhatanii achii in ba'u*. 15Waa'ee ofii keef immoo, ati dulloomtee bara quuftee nagaadhaan in boqotta, in awwaalamtas*. 16Yakki warra Amoorotaa amma iyyuu safara isaa guutee waan hin raawwataminiif, sanyiin kee immoo dhaloota afuraffaatti deebi'anii in dhufu>> jedhe.#12 2:21; 1Sam 26:12; Isa 29:10 13 Bau 1:11-14; 12:40; HoE 7:6 14 Bau 3:21-22; 12:40-41; HoE 7:7 15 25:7-8
17Aduun lixxee erga dukkanaa'ee immoo, kunoo qodaan ibiddaa aaru, gucci boba'aanis foon gargar hirame sana gidduu in darbe*. 18Waaqayyo gaafas Abraamii wajjin kakuutti galee,<<Ani biyya kana laga Gibxii jalqabee hamma laga guddichaa laga Efraaxiisitti sanyii keetiif nan kenna*! 19Kunis biyya Qenootaa, Qeniizotaa, Qadimonootaa, 20kan Heetotaa, Pheriizotaa, Refaa'otaa, 21Amoorotaa, Kana'aanotaa, Girgaashotaa, kan Yibusootaas of keessaa qaba>> jedhe.#17 Bau 19:18 18 12:7; 1Mot 8:65; 5:1

Zvasarudzwa nguva ino

Seera Uumamaa 15: MacQul

Sarudza vhesi

Pakurirana nevamwe

Sarudza zvinyorwa izvi

None

Unoda kuti zviratidziro zvako zvichengetedzwe pamidziyo yako yose? Nyoresa kana kuti pinda