Logotipo da YouVersion
Ícone de Pesquisa

Dubbii Nagayaa Ka Yohaannisii 6

6
Yesuus Nama Kuma Shanii Nyaachise
(Mat. 14:13-21; Mar. 6:30-44; Luq. 9:10-17)
1Kanaan maayessa Yesuus galaana Galiila'aa ka Xibiriyaadoos jedhamu ceeyee haga qaccee galaanaa fagoo dhaqe. 2Maalalee inni dhibamtoota irratti godhe waan arganiif baniin hedduu isa faana deeme. 3Yesuus gara gaaraa ol bayee darasoota ufii woliin achi taa'e. 4Hennaa san Faasikaan Yihuudotaa dhiyaatee ture. 5Yesuus ol jedhee baniin hedduu gara isaa uduu dhufu arge; Filiphoosiin, «Xoroshoo#6:5 Xoroshoo: buddeena namoonni kunniin nyaatan eessaa binnaaf?» jedheen. 6Inninuu waan godhu'uuf ta'u waan beekuuf, waan inni godhu laalu'uuf kana jedhe. 7Filiphoos, «Isaan martinuu diqqo diqqoo akka afaaniin qaban uduu binnee; xoroshoon saantibii dhibba lamaatuu hin gayuuf» jedhee deebiseef.
8Darasoota keessaa tokko obboleessi Simoonii Pheexroos Indiriyaas, 9«Mucaan xoroshoo garbu'uu shanii fi qurxummii lamaan qabateeru tokko as jira jedhe. Haa ta'uu ammo namoota haganaa maraaf hin gayu» jedheen.
10Yesuusillee, «Namoota akka taa'an godhaa'a» jedhe. Hulee san marga gudda'atu jira. Worri dhiiraa ka taa'an laakkobsi isaanii haga kuma shanii gaya. 11Yesuus xoroshoo ol fuudhee galatoonfatee darasootatti kenne. Darasoonni worra taa'aniif kennan. Akkasuma qurxummiillee haga isaan barbaadan hireef. 12Innillee haga quufaniin maayii darasootaan, «Wonti tokko uduu hin hafin hambaa hafe marumaa wolitti qabaa'a» isaaniin jedhe. 13Kanaafuu wolitti qaban. Xoroshoo#6:13 Xoroshoo: buddeena garbu'uu shanan nyaatan keessaa hambaan hafe masoobii kudha lamaa ta'e.
14Sababaa kanaaf namoonni haga maalalee Yesuus godhe arganiin maayii, «Kun dhugama raaga gara adunyaa kanaa dhufe!» jedhan. 15Sababa kanaaf Yesuus akka isaan hunnaan isa qabanii mootii isa godhachu'uuf itti dhufa'aaran beekee hojja ufii gara gaaraa ol baye.
Yesuus Galaana Irra Deeme
(Mat. 14:22-33; Mar. 6:45-52)
16Hennaa galgalaaye darasoonni gara galaana Qifirnaahoomii gad bu'an; 17yabala yaabbatanii gama ceeyu'uuf ka'an; hennaan galgala ture, Yesuus gara isaanii hin dhufne ture. 18Bubbeen jabaan waan guddisee bubbiseef galaanni raafame. 19Haga kiiloo meetira jahaa keessa deemaniin maayii, Yesuus galaana irra deema'aa gara yabala isaanii hennaa dhiyaate arganii isa sodaatan. 20Inni ammo, «Anaa hin sodaatinaa'a!» isaaniin jedhe. 21Kanaaf yabala isaaniitiin isa fudhachuu barbaadan. Yoma san yaballi isaanii gara lafa qarqara bisaanii geette.
Baniin Yesuusiin Barbaaddan
22Baniin haga lafti bari'e galaana gama dhaabatanii turan. Yabala takkatti'ii achi Yaballi biraa akka achi hin jirree fi darasoonni isaa ufumatti waan deema'aaraniif, Yesuus darasoota woliin gara yabalaa akka hin seenne argan. 23Haa ta'uu ammo Yaballan biraa gara hulee Gooftaan buddeena itti eebbisee nyaatan san gara Xibiriyaadoosii dhufan. 24Baniinillee Yesuus yookaan darasoonni achi akka hin jirre haga argan, ufumaa yabala keessa seenanii Yesuusiin soqa'aa gara Qifirnaahoomii dhaqan.
Yesuus Nyaata Jireennaati
25Isaan hennaa galaana gamatti isa argan «Barsiisaa'a! yoomiin garana dhufte?» jedhaniin.
26Yesuus deebisee, «Ani dhugama dhuga'aatiin isiniin jedha, wonti na barbaaddaniif waan buddeena nyaattanii quuftaniif malee, waan maalalee argitaniifii miti. 27Nyaata baduuf hin hojjatinaa'a. Haa ta'uu ammo nyaata jireenna bara baraa ka Ilmi Namaa isinii kennuuf hujaa'a; isa san Rabbi Aabbaan chaapaa ufii waan irra kaayeef.»
28Isaanillee, «Eeganaa hujii Rabbii hojjachu'uuf maal haa goonu?» jedhaniin.
29Yesuus deebisee, «Hujiin Rabbii kun, ka inni ergetti akka amantaniif» isaaniin jedhe.
30Isaan akkana jedhaniin, «Eeganaa arginee akka amannuuf maalaleen ati gootu maali'i? Maal hojjattalle'e? 31‹Akka nyaataniif samii irraa xoroshoo#6:31 xoroshoo: Buddeena kenneeraaf› jedhamee akkuma barreeffame, Abboonni teenna lafa udume'eetitti nyaata sami'ii#6:31 nyaata sami'ii: mannaa nyaatan.» 32Yesuusillee, «Ani dhugama dhuga'aatiin isiniin jedha! ka xoroshoo dhuga'aa samii irraa isinii kennu Abbaa kiyya malee Muuse'ee miti. 33Xoroshoon Rabbii ka sami'ii bu'u ka adunya'aaf jireenna kennu» isaaniin jedhe.
34Kanaafuu namoonni, «Gooftaa'a! nyaata kana hennaa maraa nuu kenni» jedhaniin.
35Yesuusillee akkana isaaniin jedhe, «Xoroshoon#6:35 Xoroshoo: Buddeenni jireennaa Ana; ka gara kiyya dhufu horomaa hin beelawu; ka anatti amanu hennaa maraa horomaa hin dheebotu. 36Haa ta'uu ammo na argitanii waan hin amanneef kana isiniin jedhe. 37Ka Aabba naa kennu maruu gara kiyya dhufa. Anillee ka gara kiyya dhufu maraa sirimaa gara diidaa hin baasu. 38Sami'ii wonti bu'eef fedha kiyya hojjatu'uuf uduu hin taane, fedha ka ana ergee raawwatu'uuf. 39Fedhiin ka ana ergee, worra inni naa kenne maraa keessaa tokkochallee akka hin balleessine; guyyaa dhumaa akka isa kaasuuf. 40Namni Ilma isaa argee itti amanu maruu jeennata bara baraa haa argatu'uuf fedhiin abbaa kiyyaa kana. Anillee guyyaa dhumaa du'aa kaasaan. 41Eeganaa Yihuudonni, «Xoroshoon sami'ii bu'e ana» waan jedheef isatti guunguman. 42«Kun Yesuusii ilma Yooseefii ka haadhaa fi abbaa isaa beennuu mii? Eeganaa attamitti, ‹Sami'ii bu'e› jedha ree?» jedhan.
43Yesuus deebisee akkana isaaniin jedhe, «Ufii wolitti hin gururi'inaa'a. 44Abbaan na erge yoo ufitti waame malee ka gara kiyya dhufuu danda'u hin jiru. Anillee guyyaa dhumaa san du'aa isa kaasa. 45‹Isaan martinuu worra Rabbiin irraa baratan ta'an› jedhamee raattotaan barreeffameera. Eeganaa ka Abbaa irraa dhagayee fi ka barate maruu gara kiyya dhufa. 46Namni Aabbaan arge eennullee hin jiru. Ka Rabbiin biraa dhufetu Aabbaan arge malee. 47Dhugama dhuga'aatiin isiniin jedha, ka natti amane jireenna bara baraa qaba. 48Nyaanni jireennaa ana. 49Abbootiin teessan lafa udume'ee keessatti nyaata mannaa jedhamu nyaatan; haa ta'uu ammo hin du'an. 50Namni isa irraa nyaate akka hin duune xoroshoon amma sami'ii bu'e kana. 51Nyaanni sami'ii bu'e jiraataan Ana. Namni buddeena kana irraa yoo nyaate, bara baraan jiraata. Nyaanni jireenna ka ani adunya'aaf kennu foon kiyya» isaaniin jedhe.
52Eeganaa Yihuudonni, «Namni kun attamitti foon isaa haa nyaannu'uuf nuu kennuu danda'a?» jedhanii wol morman.
53Kanaafuu Yesuus akkana isaaniin jedhe, «Ani dhugama dhuga'aatiin isiniin jedha, yoo foon Ilma Rabbii nyaattanii fi dhiiga isaallee yoo dhuguu dhabaattan, ufitti jireenna bara baraa hin qabdan. 54Ka foon kiyya nyaatuu fi ka dhiiga kiyyallee dhugu jireenna bara baraa qaba. Anillee guyyaa dhumaa du'aa isa kaasa. 55Foon kiyya nyaata dhuga'aati; dhiinni kiyyallee dhuddoo dhuga'aa waan ta'eef. 56Ka foon kiyya nyaatee fi ka dhiiga kiyyallee dhuge na keessa jiraata; Anillee isa keessa jiraadha. 57Akkuma Aabbaan jiraataan na erge, anillee akkuma sababaa Abbaa kiyyaatiin jiraataa ta'u, akkasuma ka ana nyaatullee sababaa kiyyaan jiraataa ta'a. 58Nyaanni samii irraa bu'e kana. Akka Abbootiin teessan nyaata sami'ii ka mannaa jedhamu nyaatanii du'anii miti. Ka nyaata kana nyaate haga bara baraa jiraata. 59Yesuus waan kana Qifirnaahoomitti mana sagada Yihuudotaa keessatti uduu barsiisu jedhe.
Dubbii Jireenna Bara Baraa
60Darasoota keessaa hedduun isaanii hennaa kana dhagayan, «Kun dubbii nama qaajjibbeessu; eentu isa dhagayuu danda'a?» jedhan.
61Yesuus ammo darasoonni waan kanaaf akka gururi'an garaa ufii keessatti beekee akkana isaaniin jedhe, «Kun isin gufachiisaa? 62Eeganaa Ilmi Namaa gara hulee dura tureetitti hennaa ol bawu yoo argitan atta ta'ittu? 63Ka Jireenna namaa kennu Ayyaana Rabbiiti. Foon womaa hin fayyadu, dubbiin ani isinitti hime Ayyaana, jireennalle'e. 64Haa ta'uu ammo isin keessaa worri hin amanne hin jiran.» Yesuusillee worri hin amanne eennu fa'aa akka ta'an; ka dabarsee isa kennullee eennuun akka ta'e durumaa waan beekuuf. 65Kanaaf akkana isiniin jedha, «Yoo Aabbaan irraa kennameef malee, ka gara kiyya dhufuu danda'u hin jiru» jedhe.
66Sababaa kanaaf darasoota keessaa heddu isaanii gara duubaa deebi'an; achiin maayessa isa woliin hin deemne. 67Yesuusillee darasoota kudha lamaaniin, «Isinillee ammo deebitanii deemuu barbaaddanii?» jedhe.
68Simoon Pheexroos, «Gooftaa kiyya! gara eennuu deemna? Ati dubbii jireenna bara baraa qabda. 69Nullee ati Kiristoos Ilma Rabbii jiraata'aa akka taate amanneerra; beenneerralle'e» jedhee deebiseef. 70Yesuusillee, «Ani kudha lamaan keessanii mii ka filadhe? isin keessaa tokko daabiloos» jedhee isaanii deebise. 71Waan kana Yihuudaa ilma Simoonii ka biyya Keriyootiitiif dubbate. Inni kudha lamaan keessaa ta'ullee, ka Yesuusiin dabarsee kennu'uuf ta'u isa waan ta'eef.

Destaque

Compartilhar

Copiar

None

Quer salvar seus destaques em todos os seus dispositivos? Cadastre-se ou faça o login