Logotipo da YouVersion
Ícone de Pesquisa

Dubbii Nagayaa Ka Yohaannisii 1

1
Jecha Jireennaa
1 # 17:5; 8:58; Yoh. 1ffaa 1:1-2; Mudh. Yoh. 19:13 Jalqaba jechatu ture; jechi Rabbiin bira ture; jechi kun Rabbiin ture. 2Kun jalqabumaa Rabbiin woliin ture. 3#1:10; Qor. 1ffaa 8:6; Qol. 1:16-17; Ibr. 1:2 Wonti martinuu isaan ta'e, waan ta'e keessaa tokkichillee isaan malee ka ta'e hin jiru. 4#5:26; 14:6; 8:12 Isa keessa jireennatu jira; jireenni sunillee ifa namaati. 5#3:19; 9:5 Ifni dukkana keessatti ifa. Dukkanti isa hin injifanne. 6#Mat. 3:1; Mar. 1:4; Luq. 3:1-2 Nama maqaan isaa Yohaannis jedhamu ka Rabbi erge tokkotu ture. 7#1:31; 5:33-35; Hu. Er. 19:4 Martinuu karaa isaatiin akka amananiif waan ifaa ragu'uuf dhufe. 8#1:20; 3:28 Waan ifaa ragu'uuf dhufe malee inni ifaa miti. 9#Yoh. 1ffaa 2:8; Yoh. 3:19; 12:46 Ifni dhuga'aa ka nama maraafuu ifu gara adunyaa tanaa dhufa'aa ture. 10#1:3-5; 1:14; 17:25; Qor. 1ffaa 8:6; Qol. 1:16; Ibr. 1:2 Inni adunyaa tana irra ture; adunyaanillee isaan ta'e; adunyaan ammo isa hin beenne. 11#Mat. 13:57; Yoh. 3:32 Innillee gara worra isaa dhufe; worri isaa ammo isa hin simanne. 12#Rom. 8:14-16; Gal. 3:26; Yoh. 1ffaa 3:1 Worra isa fudhatan maraafuu ammo maqaa isaatitti waan amananiif isaan ijoollee Rabbii akka ta'an mirga isaanii kenne. 13#3:3,5-6; Yaq. 1:18; Phex. 1ffaa 1:23; Yoh. 1ffaa 5:1,18 Isaan Rabbiin irraa dhalatan malee; dhiiga yookaan fedha foonii yookaan fedha dhiiraa irraa hin dhalanne. 14#Mat. 17:2; Gal. 4:4; Xim. 1ffaa 3:16; Ibr. 2:14; Yoh. 1ffaa 4:2; Isa. 60:1 Jechi nama ta'e; Inni badhaadha, Ayyaanaa fi dhuga'aan guuttamee nu keessa bule. Nu'u ulfinna Ilmi tokkichi Abbaa ufii biraa qabuun ulfinna isaa argine. 15#1:27,30; Mat. 3:11 Yohaannis waan isaa ragee laagaa ufii ol fudhatee akkana jedhe. «Ka ana maayessaan dhufu inni waan na dura tureef Inni na caalaa kabajjamaa ta'eera; wonti isaa ka ani jedhellee kana. 16#Qol. 2:9-10 Nu Maruu guutuu isaa irraa fudhannee badhaadha irratti badhaani nuu kennameera. 17#7:19; Ser. Ba'u. 31:18; Rom. 6:14; 10:4 Seerri Muuse'een kennamee ture. Badhaadhaa fi dhugaan ammo Yesuus Kiristoosiin kenname. 18#6:46; Mat. 11:27; Xim. 1ffaa 6:16 Yoomillee yoo ta'e ka Rabbiin arge tokkollee hin jiru. Ilma isaa tokkicha Abbaa bira jirutu kana ibse.
Ragaa Bayumsa Yohaannisii Cuupha'aa
(Mat. 3:1-12; Mar. 1:1-8; Luq. 3:1-18)
19 # 5:33; Luq. 3:15-16 Yihuudonni, «Ati eennuu?» Jedhanii gaafachu'uuf Yerusaalemii gadootaa fi Leewwota hennaa itti ergan ragaan Yohaannisii kana.
20 # 3:28; Hu. Er. 13:25 Inni, «Ani Kiristoosii miti» jedhee ragaa baye malee hin waakkanne.
21 # Kes. Deb. 18:15-18; Mat. 11:14; 17:10-13 Isaan, «Eegasuu ati eennu ree? Ati Eeliyaasii?» jedhanii gaafatan, «Wa'a; ani isaa miti» jedhee deebise. «Ati Raattichaa ree?» Jedhanii gaafatan. Inni ammo, «Wa'a; ani isaa miti» jedhee deebise. 22Isaan,« Eeganaa ati eennu ree? Worra nu erganiin waan kee maal jenna?» jedhaniin. 23#Isa. 40:3; Mat. 3:3 Yohaannisillee deebisee, «Akka raattichi Isaayyaas jedhetti, ‹Karaa Goofta'aa qajeelchaa'a› jedhee lafa udume'ee keessatti laagaan nama iyyuu sun na'a» jedhe. 24-25#1:33; Mat. 21:25 Worri ergaman waan Fariisota turaniif; «Eegasuu ati Kiristoosiin, yookaan Eeliyaasiin, yookaan raaga yoo hin taanee maaf cuuphxa ree?» Jedhanii gaafataniin. 26Yohaannis deebisee, «Ani bisaaniin isin cuupha; haa ta'uu ammo ka isin isa hin beenne isin jidduu dhaabateera. 27#1:15; Mat. 3:11; Hu. Er. 13:25 Ka ana maayessa dhufu ka ani miseensa kophee isaatuu hiikuun naaf hin malle kabajjamaan kana» isaaniin jedhe. 28#10:40; Mat. 3:6,13 Wonti kun Yoordaanosiin gama hulee Yohaannis itti cuupha'aa ture Biitaaniyaa Beeta Raaba'aatti ta'e. 29#1:36; Isa. 53:4-7; Phex. 1ffaa 1:18-19; Mudh. Yoh. 5:6,9,12; Yoh. 1ffaa 3:5 Bariisaa san Yohaannis uduu Yesuus gara isaa dhufu argee akkana jedhe; «Kunoo! Hoolaan Rabbii ka cubbuu adunyaa irraa balleessu kana. 30#1:15,27 ‹Ka ana maayessaan dhufu anaan dura ture; na caalaa kabajjama'a› jedhee ka ani waan isaa isinitti hime sun kana. 31#1:26 Anillee isa hin beeku; Sababaan ani bisaaniin cuupha'aa dhufeef ammo, akka inni saba Israa'eliititti mudhatuuf. 32#Mat. 3:16; Mar. 1:10; Luq. 3:22 Yohaannis akkana jedhee ragaa baye, «Ayyaanni Woyyuun samii irraa akka handari'iititti hennaa bu'ee isa irra taa'u arge» Ayyaannillee isa irra taa'e. Anuu isa hin beenne. 33#Mat. 3:11 Ani isa hin beeku ture. Haa ta'uu ammo, Inni ka ani akka bisaaniin cuuphuuf na erge, ‹Ka ati uduu Ayyaanni irratti bu'uu fi irratti hara baafatu argitu, ka Ayyaana Woyyu'uun cuuphu Isa› naan jedhe. 34#Mat. 3:17; 4:3 Anillee isa argeera; akka inni Ilma Rabbii ta'e rageera.»
Darasoota Yesuus Kiristoosii Ta Jalqabaa
35Ganamaan akkasuma Yohaannis darasoota ufii keessaa namoota lamaan woliin uduu dhaabatu, 36#1:29; Isa. 53:7 Yesuus achi irra ka lufu argee, «Ila hoolaa Rabbii!» jedhe. 37Darasoonni lamaan hennaa inni dubbatu dhagayanii Yesuusiin faanaa deeman. 38Yesuusillee uf irra midhatee hennaa isaan faanaa deeman argee, «Maal soxxan?» jedhee isaan gaafate.
39Isaanillee, «Rabbii! eessa jiraattaa?» jedhaniin. Hiikkaanillee, «Barsiisaa'a» jechu'u.
40 # Mat. 4:18-20 Inni, «Kootta'aa laalaa'a!» isaaniin jedhe. Isaan dhaqanii hulee inni jiraatu argan. Guyyaa san isa woliin oolan. Hennaan sun gara sa'aatii kudhaniiti. 41#4:25 Worra waan Yohaannis dubbate dhagayanii Yesuusiin faanaa deeman lamaan keessaa tokko Indiriyaasii obboleessa Simoonii ka Pheexroos jedhame ture. 42#Mat. 16:18; Mar. 3:16 Inni firrisee obboleessa ufii Simooniin argee, «Kiristoosiin argineerra» jedheen. Kiristoos jechuun, «Masihii» jechu'u.
Yesuus Filiphoosii Fi Naatinaa'eliin Waame
43 # Mar. 2:14 Indiriyaasillee Simooniin gara Yesuusii fide.
Yesuus isa laalee, «Ati Simoonii ilma Yoona'aati; ammaa achi ‹Keefaa› jedhamtee waamamta» jedheen; «Keefaa» jechuun afaan Giriikiitiin, «Pheexroos» jechu'u; Pheexroos jechuun, «Dhagaa qarsa'aa» jechu'u. 44#12:21 Yesuus ganamaan gara Galiila'aa ol bawuu barbaadee Filiphoosiin argee, «Na faana koottu!» jedheen. 45#21:2; Luq. 24:25-27; Kes. Deb. 18:15,18; Isa. 7:14; Erm. 23:5,6; His. 34:23 Filiphoosillee akkuma Indiriyaasiitii fi akkuma Pheexroosii nama qachaa Beetasaayida'aati. 46#7:41,52 Filiphoos Naatinaa'eeliin argee, «Ka Muuseen Kitaaba seeraa keessatti waan isaa barreessee fi ka raattonnillee waan isaa barreessan ilma Yooseefii Yesuusii nama Naazireetii argineerra» jedheen. 47Naatinaa'elillee, «Naazireetiin keessaa wonti mishaan bayuu danda'aa?» jedhee gaafate. Filiphoosillee, «Koottuu laali» jedheen.
48Yesuus hennaa Naatinaa'eel gara isaa dhufu argee, «Ila nama Israa'elii ka dhuga'aa; ka sobni keessa hin jirre» jedhee waan isaa dubbate.
49 # Far. 2:7; Mat. 14:33; 16:16; 27:42; Yoh. 12:13 Naatinaa'el, «Eessatti na beetta?» jedheen.
Yesuusillee deebisee, «Uduu Filiphoos si hin waamne; uduu ati muka hurbu'uu jala jirtu si arge» jedheen. 50Naatinaa'el deebisee, «Barsiisaa'a! ati Ilma Rabbiiti! Ati mootii Israa'eliiti!» jedheen.
51 # Ser. Uma. 28:12; Mat. 4:11 Yesuusillee deebisee, «Hennaa ati muka Hurbu'uu jala jirtu si arge waan siin jedheef amantee? waan kana caalu argita jedheen. 52Ani dhugama dhuga'aatiin isiniin jedha hennaa samiin banamtee, Maleekkonni Rabbiillee Ilma Namaa irra ol baya'aa gad bu'an hin argitan» jedheen.

Destaque

Compartilhar

Copiar

None

Quer salvar seus destaques em todos os seus dispositivos? Cadastre-se ou faça o login