Wongeela Maarqoosii 2
2
Yesuus Namicha Nafa Laashowe Fayyise
(Mat 9:1-8; Luq 5:17-26)
1Guyyaa diqqa'aan duuba Yesuus Qifirnaahoomitti deebi'ee gale; kolbaan akka inni galee mana jiru dhageette. 2Kolbaan hedduun haga manni dhiphatee, balbala duraan woliin addee dhabanutti wolitti qabante. Adoo Yesuus jecha Waaqaa isaan barsiisiisatti jiruu, 3jarri tokko nama afur te'anee, namicha nafa laashoweeru tokko ba'atanee gara Yesuusii fidanee dhufane. 4Kolbaan waan heddatteef gara Yesuusii dhiyeessuu dadhabanee, addee inni jiru gubba'aan heellichoo#2:4 heellichoo: heellichoon mana biyya Filsixeemii hin baxxatti malee, akka mana keennaa ol hin luuxxotu manaa xaranee qowa baasanee, itillee woliinuu gad buusane. 5Yesuus dhugeeffannaa isaanii dhaggee, namicha nafa laashoween, “Ilma kiyya, cubbuu teeti maraaf araarri kennameera” jedhe.
6Barsiisoti Seera Muusse'ee ka achi tetee'aneeranu tokko tokko, 7“Namichi kun attam akkana dubbata? Kun Waaqa faanshesiisa! Waaqa tokkocha malee eennutti cubbuu namaaf araaramu'uu dande'a?” jedhanee gadhaa ifii kessaatti yaadatane.
8Yesuus yennuma san waan isaan yaadatane nyaba'aan beekee, “Isin maaf waan akkanaa kana yaadattan? 9Namicha nafa laashoween, ‘Cubbuu teetiif araarri kennameera’ jechu'u moo yookiin, ‘Ol ka'ii, itillee teeti fudhadhuutii deemi’ jechu'utti kaso'o? 10Ani Ilmi namaa lafa irratti baallii cubbuu namaaf araaramu akka qabu akka beettanu” jedhee, namicha nafa laashoween, 11“Ani si'iin jedha, ol ka'i! Itillee teeti fudhadhuutii gara mana keetii deemi” jedhe.
12Adoo isaan maraa dhagganuu, yennuma san namichi ol ka'ee itillee ifii fudhatee gad bayee deeme. Isaan martinuu guddoo baaseffatanee, “Waan akkanaa kana ijjumaa dhagginee hin beennu” jedhaa Waaqa leellisane.
Yesuus Lewwii Waame
(Mat 9:9-13; Luq 5:27-32)
13Ammalle Yesuus gara qarqara abbaayaa Galiila'aa dhaqe. Gumiin guddoon gara isaa dhuttee, inni isaan barsiise. 14Inni karaa saniin adoo dabaruu, Lewwii ilma Alfewoosii addee gosee qaraxaa tee'eeruun dhaggee, “Na hordofi” jedheen. Innille ka'ee isa hordofe.
15Eega san Yesuus mana Lewwi'iititti sagalee areerratiisatti jiraayyu. Namooti hedduun waan isa hordofaneeranuuf, worri qaraxa guuruu fi cubbaaleyyiin hedduun Yesuusii fi barattoota isaa woliin sagalee areerratiisaaf qori'itti hiiqanee tetee'aneeraniiyyu. 16Worra Fariisaayota keessaa barsiisota Seera Muuse'ee ka te'ane, Yesuus worra qaraxa guuruu fi cubbaaleyyii woliin areerratuun dhagganee, “Maaf inni worra qaraxa guuruu fi cubbaaleyyii woliin areerrata?” jedhanee barattoota isaa gaafatane.
17Yesuus waan kana dhage'ee, “Namoottan fayyaa hin qanneef malee, fayyaaleyyi'iif ogeessi hin barbaachisu. Ani cubbaaleyyii waamiisaaf malee, balchoota waamiisaaf hin dhunne” isaaniin jedhe.
Gaaffii Marroo Laamiisaa
(Mat 9:14-17; Luq 5:33-39)
18Guyyaa tokko barattooti Yohaannisiitii fi Fariisaayoti yennaa laamanu, jarri tokko gara Yesuusii dhufanee, “Barattooti Yohaannisiitii fi barattooti Fariisaayotaa hin laaman. Barattooti teeti ammoo maaf laamuu dhaban?” jedhanee isa gaafatane.
19Yesuus ammoo deebisee, “Jaaloti waajibaa, adoo inni isaan woliin jiruu hin laamanii? Haga inni isaan woliin jiru hin laamanu. 20Ammoo guyyaan waajibichi isaan biraa fudhatamu hin dhufa; isaan guyaa san laaman.
21Woyaa dullati'itti erbee haareya eennulle hin erbu; yoo erbe, erben haaretti sun woyaa dullattii san shuntuurrachiittee#2:21 shuntuurrachiittee: suntuurrachiittee hin tarsaatti; tarsa'iisi isi'ille ka qaraa ka caalu te'a. 22Akkasuma daadhii Woyni'ii ta hin bayin#2:22 daadhiin Woyni'ii ta hin bayin: daadhiin Woyni'ii o'ituun qalqalluu dulloometti eennulle hin naqu; yoo naqe daadhiin sun qalqalluu san hin dhoochi; daadhi'ii fi qalqalluulle hin badan. Tanaa mannaa daadhiin hin bayin qalqalluu haareyatti naqamuu qadd” isaaniin jedhe.
Gaaffii Marroo Guyyaa Sanbataa
(Mat 12:1-8; Luq 6:1-5)
23Guyyaa Sanbataa tokko Yesuus fichaa qamadi'ii keessa dabaruun, barattooti isaa adoo isa woliin ideemanuu qamadii bubuqqifatiisa jalqabane. 24Fariisaayoti Yesuusin “Ilaali, barattooti teeti guyyaa Sanbataatiin akka hin tolchine Seeraan waan dhooggame maaf tolchan?” jedhane.
25Yesuus deebisee, “Daawwit waan nyaatu dhabee, yennaa innii fi worri isaa woliin jiranu beelowane, waan inni tolche isin ijjumaa hin dubbinnee? 26Bara Abiyaatar Hayyicha Guddaa te'eerutti, mana Waaqaa seenee daabboo Waaqaaf kennante, hayyoota qofaaf ka Seerri kennu nyaatee, worra isa woliin jiranuufille kenne” isaaniin jedhe.
27Achiin duuba Yesuus “Sanbatattuu namaaf dadame malee, nami Sanbataaf hin dadanne. 28Maarree Ani Ilmi Namaa Sanbataafille Gootta'a” isaaniin jedhe.
Markert nå:
Wongeela Maarqoosii 2: GAXNT
Marker
Del
Kopier
Vil du ha høydepunktene lagret på alle enhetene dine? Registrer deg eller logg på
Guji Oromo New Testament © Bible Society of Ethiopia, 2007.