Wongeela Maatewoosii 24

24
Yesuus Diigamiisa Galma Waaqaa Dubbate
(Mar 13:1-2; Luq 21:5-6)
1Yesuus Galma Waaqaatii bayee adoo deemiisatti jiruu, barattoti isaa ijaarsa Galma Waaqaa isatti mudhisiisaaf dhufane. 2Achiin duuba inni, “Isin waan kana mara hin dhaggitanii motii? Ani dhugaa isinitti hima, dhakaan tokkochi wol irratti hin hafu; isaan maraa hin diigaman” jedhe.
Rakkinnaa Fi Miidhaa Dhufa Gootta'aatiin Duratti Te'u
(Mar 13:3-13; Luq 21:7-19)
3Yesuus gaara ejersaa gubbaa tee'iisatti jiruun, barattooti isaa qofuu gara isaa dhufanee, “Nutti himi, kun yoom te'a, dhufa teetii fi dhuma biyyaa lafaatiif beessisi maan?” jedhane.
4Yesuus deebisee, “Eennulle akka isin hin dokonkorsine ifi eeggadha'a! 5Worri hedduun, ‘Ani Masiihi'i’ jedhaa maqaa kiyyaan hin dhufan. Worra hedduulle hin dokonkorsan. 6Woraanaa fi oduu woraanaa hin dhageettan; akka hin rifanne ilaalladha'a; wonni akkasii kun te'uu qaban, ammoo ammalle muummeen hin geenne. 7Gosi gosatti, mootummaalle mootumma'atti hin kaati; beellii fi tacho'i lafaa addee adde'etti hin te'an. 8Kun marti ammoo ciniinsuu jalqabaa ti.
9“Achiin duuba isaan akka rakkattanuu fi ijjeefantanu dabarsanee isin hin kennan, sababa maqaa kiyyaatiif gosa maraan hin jibbatantan. 10Yennaa san namooti hedduun dhugeeffannaa irraa hin jigan, isaan wol dabarsanee hin kennan, wolille hin jibban. 11Raagoti dharaa hedduulle hin ka'an, worra hedduulle hin dokonkorsan. 12Waan hammeenni fakkanuuf, jaalalli nama heddu'uu qabbanowaa deema. 13Nami haga muumme'ee ciniinnatee ossatu ammoo hin fayya. 14Gosa maraaf dhugaa baya akka teetu, Oduun Gammadaa ta mootummaa Waaqaa, biyya lafaa maratti hin lallabanti. Achiin duuballe muummeen hin dhutti” jedhe.
Farra Badi'ii
(Mar 13:14-23; Luq 21:20-24)
15Yesuus itti dabalee, “Akkuma raagaan Daani'el dubbate, ‘Farra badi'ii’ addee woyyittii dhaabbattuun yennaa dhaggitanu, ka kana dubbisu hubatuu ti! 16Yennaa san worri biyyaa Yihuda'aa keessa jiru gara gaarotaa baqatuu ti. 17Nami heellichoo manaa gubbaa jiru waan mana keessaa fudhatiisaaf gad hin bu'in. 18Nami fichaa keessa jiru woyaa fudhatiisaaf gara manaa hin deebi'in. 19Guyyoota san dubartoota ulfaatii fi hoosisaatiif aanne'e! 20Baqi keessan ganna yookiin guyyaa Sanbataa akka hin teene daadimadha'a! 21Yennaa san rakkinni guddaan hin te'a, rakkinni akkasii haga biyyi lafaa dadanteen jalqabee haga ammaatitti te'ee hin beeku, ijjumaa deebi'eelle hin te'u. 22Guyyooti sun adoo gabaabbatuu dhabaatee, nami tokkooyyuu silaa hin fayyuuyyu; sababa worra filameetiif ammoo guyyooti sun hin gabaabbatan.
23“Eennuulle isiniin ‘Kunoo! Masiihiin as jira!’ yookiin, ‘Inni achi jira!’ yoo jedhe itti hin dhugeeffatina'a. 24Masiihooti dharaatii fi raagoti dharaa hin ka'an; isaan yoo dande'ane, kolbaa Waaqi filateeyyuu, dokonkorsiisaaf baasaa fi bilbaasa hin hujan. 25Kunoo ani duraan dursee tana isinitti himeera. 26Maarre isaan, ‘Kunoo! Inni lafa goomole'ee keessa jira’ yoo isiniin jedhane gad hin bayina'a; yookiin, ‘Kunoo! Inni kolloo keessa jira’ yoo isiniin jedhane hin dhugeeffatina'a. 27Akkuma balaqqeettiin gara baya-adu'uutitti balaqqittee haga gara seensa-adu'uutitti issitu, dhufiis Ilma Namaalle akkasuma hin te'a. 28Addee reeffi jirutti allaattiin yaati” jedhe.
Dhufiisa Ilma Namaa
(Mar 13:24-27; Luq 21:25-28)
29Yesuus itti dabalee, “Guyyoota rakkinnaa saniin duuba yoosuma aduun hin dukkanootti, jiinille ifa ifii hin kennu; urjooti ol-gubbaa irraa harcaati, hunni ol-gubba'aalle hin raafanti. 30Achiin duuba beessisi Ilma Namaa ol-gubba'atti hin mudhata, yennaa san gosi biyya lafaa marti hin bootti; Ilmi Namaa duumensa gubba'aatiin hunnaa fi ulfinna gudda'aan dhufuun hin dhaggan. 31Inni ergantoota ifii qoonqoo tuultullaa gudda'aa woliin hin erga. Isaanille maddii arfan lafaa dhaqanee, worra Waaqaaf filame ka qaccee ol-gubba'aatii haga qaccee taanii jiru wolitti qaban” jedhe.
Barumsa Muka Harru'uu
(Mar 13:28-31; Luq 21:29-33)
32Yesuus ammalle, “Muka harru'uu irraa barumsa baradha'a! Yennaa dameeleen isi'ii quunxituu fi baala baattu, bonni akka dhikaate beettan. 33Maarre akkasuma, waan kana mara yenna dhaggitane akka Ilmi Namaa balbalatti dhikaate beeka'a. 34Ani dhugumaan isinitti hima, wonni kun marti haga teetutti dhalooti kun hin dabaru. 35Lafaa fi ol-gubbaan hin dabaran, jechi kiyya ammoo hin dabaru” jedhe.
Guyyaa Sanii Fi Yennaa San Eennulle Hin Beeku
(Mar 13:32-37; Luq 17:26-30, 34-36)
36Yesuus itti dabalee, “Marroo guyyaa saniitii fi sa'aatii sanii Abbaa malee, ergantooti Waaqaa ta ol-gubba'aalle, Ilmille, eennulle hin beeku. 37Akkuma bara Nohiititti te'e, dhufi Ilma Namaalle akkasuma hin te'a. 38Bara san bisaan badi'iitiin dura, haga Nohi hoboloo guddittii seenetti, namooti nyaataa, unaa, fuudhaa, heerumaalle turane; 39haga bisaan badi'ii dhufee mara isaanii haree deemetti isaan womaa hin beenne. Maarre dhufiis Ilma Namaalle akkasuma hin te'a. 40Yennaa san nami lamaan fichaa keessa hin hujata; tokkochi hin fudhatama, tokkochi hin hafa. 41Dubartooti lamaan woliin daakuu daakan; takkattiin hin fudhatanti, takkattiin hin hatti. 42Tanaaf, guyyaa Goottaan keessan dhufu waan hin beenneef, dammaqa'aa eegadha'a. 43Waan kana ammoo hubadha'a: abbaan manaa halkan keessa yennaa hattuun itti dhuttu adoo beekee, inni silaa dammaqee hin eegataayyu, manni isaa akka cabu itti hin lakkisuuyyu. 44Tanaaf Ilmi Namaalle yennaa isin itti hin yaadanetti waan dhufuuf, maarre isinille qophowa'aa le'a'a” jedhe.
Tajaajilaa Addatama'aa Fi Hin Addatanne
(Luq 12:41-48)
45Yesuus itti dabalee, “Tajaajilaan addatama'aa fi qaroon, ka goottaan isaa akka inni tajaajiltoota isaatiif sagalee yenna'aan kennuuf, maatii ifii irratti itti gaafatamaa godhu kam ree? 46Tajaajilaan goottaan isaa yennaa deebi'u hujiisumatti jiruun dhaggu sun ka badhaadhe. 47Ani dhugumaan isinitti hima, goottaan isaa qabeenna ifii mara irratti itti gaafatamaa isa godha. 48Tajaajilaan hamaan sun ammoo yaada ifii keessatti, ‘Goottaan kiyya hin tura’ yoo jedhee, 49tajaajiltoota dhibii dhaaniisa, worra machaawanu woliin nyaatiisaa fi uniisa yoo jalqabe, 50goottaan tajaajilaa sanii guyyaa inni isa itti hin yaadanee fi yennaa inni hin beennetti hin dhufa. 51Inni tajaajilaa san hin ciccira qooda isaalle worra kijiboolee woliin godha, achitti booyaa ilkaan qara” jedhe.

Marker

Del

Kopier

None

Vil du ha høydepunktene lagret på alle enhetene dine? Registrer deg eller logg på