Wongeela Maatewoosii 21

21
Yesuus Ulfinna Gudda'aan Yerusaalem Seene
(Mar 11:1-11; Luq 19:28-40; Yoh 12:12-19)
1Yesuusii fi barattooti isaa yennaa Yerusaalemitti dhikaataneeranu, gaara Ejersaatitti, addee Betfaagee jedhantu geyaneeranuun, Yesuus barattoota lamaan ergee, 2“Gara ollaa isiniin dura jiruu dhaqa'a, yoosuma harree hidhanteertu takka, ta ilmayyoo woliin jirtu hin dhaggitan; hiika'aatii naa fida'a. 3Eennulle yoo waan tokko isiniin jedhe, ‘Gootta'atti isaan barbaada, inni adoo hin turin hin deebisa’ jedha'aan” isaaniin jedhe.
4Wonni raagaan raage akka muummottuuf tun teete; 5wonni raagaan raagelle,
“Qachaa Xiyooniitiin,
‘Kunoo, mootiin keeti gad ifi qabee,
harre'ee fi ilmayyoo harre'ee irra tee'ee,
gara keeti dhufaara’ jedha'aan” ka jedhu.
6Barattooti dhaqanee akkuma Yesuus isaan ajaje godhane; 7Isaan harree sanii fi ilmayyoo harre'ee san fidane, woyaa ifii irra keyanee, innille irra tee'e. 8Gumiin guddoon woyaa ifii karaa irratti atte; worri dhibiille dameelee baalaa muka irraa caccassanee karaa irratti firfisane. 9Gumiin isa dura deentuu fi isa faana deentu iyyitee,
“Hosaa'innaa#21:9 hosaa'innaa: hosaa'innaa jechuun, afaan Ibrootaatiin, “Maganne'ee nu fayyis” jechu'u; te'uu malee addee heddu'utti hiikkaa Waaqa galateeffatiisaalle qaba Ilma Daawwitiitiif!
Maqaa Gootta'aatiin ka dhufu ka eebbifame!
Hosaa'innaa olii ol-gubba'aatitti!” jette.
10Yesuus yennaa Yerusaalem seene, qachaan duudiin raafamee, “Inni kun eennu?” jedhane. 11Gumiin isa woliin ideentu, “Kun Yesuusii raagicha qachaa Naaziretii ka lafa Galiila'aa keessatti dhaggamuu dhufe” jette.
Yesuus Galma Waaqaa Dhaqe
(Mar 11:15-19; Luq 19:45-48; Yoh 2:13-22)
12Achiin Yesuus Galma Waaqaa seenee, worra Galma Waaqaa keessatti bitatuu fi gurguratu mara gad yaase; inni xarapheessaa worra beessee jijjiiratuutii fi barcumaa worra saphaliisa gurguratuu garagaggalchee, 13“‘Manni kiyya mana daadimataa jedhamee hin waamama’ jedhanttee barreeffanteerti; isin ammoo goda saantu'uu gootane” isaaniin jedhe.
14Naafii fi ballaan Galma Waaqaa keessatti gara Yesuusii dhufane; innille isaan fayyise. 15Moototi hayyootaatii fi barsiisoti Seeraa waan baasaa ka inni godhe yennaa dhagganee fi ijoollee Galma Waaqaa keessatti, “Hosaa'innaa Ilma Daawwitiitiif” jedhaa iyyitu yennaa dhagge'ane aarane. 16Tanaaf Yesuusiin, “Ati waan ijoolleen tun jettu dhageettaa?” jedhane.
Yesuus, “Ee hin dhage'a; isin ijjumaa, ‘Afaan ijoolle'eetii fi daa'immaan hootuutiin galata ifiif qopheeffatte’ ka jedhu hin dubbinnee?” isaaniin jedhe.
17Achiin duuba Yesuus isaan lakkisee, qachaa keessaa bayee, ollaa Bitaaniyaa jedhamuu dhaqee achi bule.
Yesuus Muka Harru'uu Tokko Abaare
(Mar 11:12-14, 20-24)
18Yesuus barii ganama, yennaa gara qacha'aa deebi'u beelote. 19Muka harru'uu tokko karaa cina'atti dhaggee, yennaa itti gore baala malee womaa irratti hin dhaggine. Achiin duuba inni harru'uun, “Ijjumaa deebi'ee midhaan si irraa hin dhaggamin” jedheen. yoosuma muki harru'uu sun goge. 20Barattooti yennaa muka harru'uu san dhaggane, baaseffatanee, “Yoosuma muki harru'uu attam goge?” jedhane. 21Yesuus deebisee, “Ani dhuguma isinitti hima, isin yoo dhugeeffannaa qabaattane, mamuulle yoo dhaddane, waan muka harru'uu irratti te'e qofaa hin gootanu; isin gaara kanalle'een, ‘Asii ka'ii abbaaya'atti darbami’ yoo jettanneeyyuu, hin teeti. 22Dhugeeffanna'aan dadimattanee waan gaafattanu mara, hin fudhattan” isaaniin jedhe.
Gaaffii Marroo Baallii Yesuusii
(Mar 11:27-33; Luq 20:1-8)
23Yesuus yennaa Galma Waaqaa seenee adoo barsiisatti jiruu, moototi hayyootaatii fi jarsoleen kolba'aa gara isaa dhufanee, “Ati baallii maaniitiin waan kana goota? Baallii tana eentu sii kenne?” jedhaneen. 24Yesuus deebisee, “Anille gaaffii tokko isin gaafadha; isin yoo deebii naa deebittane, achiin duuba anille baallii maaniitiin waan kana akka godhu isinitti hima. 25Cuuphaan Yohaannis cuuphe Waaqa irraa dhutte moo, yookiin nama irraa dhutte?” isaaniin jedhe.
Isaanille wol mormanee, “ ‘Waaqa irraa dhutte’ yoo jenne, inni, ‘Isin maaf isa hin dhugeeffatinaa ree?’ nuun jedha; 26Ammoo yoo nuuti, ‘Nama irraa’ jenne, martinuu akka raaga'aatitti waan Yohaannis fudhatanuuf, kolbaa sodaanna” jedhane. 27Maarre isaan deebisanee, “Nuuti hin beennu” Yesuusiin jedhane.
Yesuusille, “Baallii maaniitiin waan kana akka godhu anille isinitti hin himu” isaaniin jedhe.
Mammaassa Ilmaan Lamaa
28Yesuus isaaniin, “Maan isinitti fakkaata? Nami tokko ijoollee lama qabaayyu; inni gara angafichaa dhaqee, ‘Ilma kiyya, adha addee woyni'ii dhaqii huji’ jedheen. 29Inni deebisee, ‘Ani hin dhaqu’ jedhe; eegas ammoo yaada jijjiiratee dhaqe. 30Abbaan gara ilma lammeesso'oolle dhaqee akkasuma jedhe; ilmi, ‘Hin dhaqa, abbayyoo!’ jedhe; ammoo hin dhandhe. 31Isaan lamaan kana keessaa kamitti waan abbaan barbaade tolche?” jedheen.
Isaan, “Angaficha” jedhane.
Yesuus, “Ani dhugumaan isinitti hima, worri dabaan qaraxa guuruu fi sagaagaltooti mootummaa Waaqaatitti galiisa isin dursan” isaaniin jedhe. 32Yohaannisiin cuuphaan karaa balchumma'aa isinitti dhufee jennaan isin isa hin dhugeeffanne; worri dabaan qaraxa guuruu fi sagaagaltooti ammoo isa dhugeeffatane; isin eeguma kana dhaggitanelle, yaada keessan jijjiirattanee isa hin dhugeeffanne” jedhe. #Luq 3:12; 7:29-30
Mammaassa Qonnaan Bultoota Fichaa Woyni'ii
(Mar 12:1-12; Luq 20:9-19)
33Yesuus ammalle, “Mammaassa dhibii dhage'a'a! Namichi tokko muka woyni'ii dhaabee, dalleya itti marsee ijaaree, boolla midhaan isi'ii itti cunfu qotee, xelleephoo irra tee'anee eeganu ijaare. Achiin duuba inni qonnaan boltootaaf kireessee, gara biyya dhibi'ii deeme. 34Yennaan midhaan woyni'ii guuranu geennaan, inni qooda midhaan ifii fudhatiisaaf tajaajiltoota ifii gara qonnaan bultootaa sanii erge. 35Qonnaan bultooti sun ammoo tajaajiltoota isaa qabanee, tokko dhaananee, kaan ijjeesanee, kaanille dhaka'aan tumane. 36Inni ammalle tajaajiltoota worra qaraa laakkossaan caalanu ka dhibii itti erge; isaan akkuma worra duraa kaan isaan godhane. 37Dhuma irratti inni, ‘Isaan ilma kiyya hin ulfeessan’ jedhaa ilma ifii gara isaanii erge. 38Qonnaan bultooti ammoo yennaa ilma san dhaggane, ‘Ka dhaalu kana; koya'a, isa ijjeennee dhaala isaa fudhannaa’ woliin jedhane. 39Maarre isaan isa qabanee, addee woyni'iitii alatti darbanee baasanee ijjeesane. 40Amma abbaan addee woyni'ii yennaa dhufe, qonnaan bultoota san maan godhinna laati?” isaaniin jedhe.
41Isaan deebisanee, “Inni worra hamaaleyyii san du'a farraamettii hin ijjeesa. Addee woyni'iille qonnaan bultoota worra yennaa midhaan woyni'ii guuramu qooda isaaf kennuuf kireessa.
42Yesuus, “Isin Barreeffama Wayyicha keessatti,
‘Dhakaan worri mana ijaaru tuffate,
dhakka dhakaa maraa caalaa barbaadamu te'e;
tana Gootta'atti godhe,
ila teennalle'etti waan baasaa ti!’
ka jedhu ijjumaa hin dubbinnee?
43“Tanaaf, ani isinitti hima, mootummaan Waaqaa isin irraa fuudhantee kolbaa midhaan buuttuuf hin kennanti. [44Nami dhakaa kana irratti jigu hin caccaba; Nami dhakaan kun irratti jigu ammoo hin bututa.]#21:44 woraabbiin durii durii gariin laakkossa 44 hin qabanu
45Moototi hayyootaatii fi Fariisaayoti yennaa mammaassa isaa dhage'ane, akka inni marroo isaanii dubbatiisatti jiru beekane. 46Isaan isa qabiisaaf barbaadane, ammoo waan gumiin akka raaga'aatitti Yesuus fudhatteef, isaan sodaatane.

Marker

Del

Kopier

None

Vil du ha høydepunktene lagret på alle enhetene dine? Registrer deg eller logg på