Wongeela Maatewoosii 8

8
Yesuus Namicha Tokko Fayyise
(Mar 1:40-45; Luq 5:12-16)
1Yesuus yennaa gaara irraa gad bu'e, gumiin hedduun isa hordotte. 2Namichi dhukkuba goga'aa farrisiisa'aan qabameeru tokkolle gara isaa dhufee, isa duratti jilbiiffatee, “Gootta'a, yoo fedha keeti te'e ana fayyisuu dandeetta” jedhe. 3Yesuus harka ifii diriissee isa qabee, “Hin fedha, fayyi!” jedheen; yennuma san namichi dhukkuba ifii irraa fayye. 4Achiin duuba Yesuus, “Beekkadhu! Waan kana nama tokkolle'etti hin himin; ammoo dhaqiitii, hayyichatti ifi mudhisi; fayyuun keeti nama maraaf akka dhugaa baya te'u, fayyuu keetiif qodha Muuseen ajaje dhikeessi!” isaan jedhe.
Yesuus Tajaajilaa Ajajaa Dhibbaa Fayyise
(Luq 7:1-10)
5Yesuus yennaa qachaa Qifirnaahomii seene, ajajaan dhibbaa tokko dhufee isa kadhatee, 6“Gootta'a, tajaajilaan kiyya nafa laashowee, dhibamee mana ciisee, rakkataa farriisatti jira” jedhe.
7Yesuus, “Ani dhufee isa hin fayyisa” jedhe.
8Ajajaan dhibbaa ammoo, “Gootta'a, ati mana kiyya seeniisaaf ani nama malee moti; afaanuma calla'aan ajaji, mucaan kiyya hin fayya. 9Aninuu worra baalli qabu jala jira, loltoota ifiin jalatti ajajulle qaba. Isaan keessaa tokkochaan, ‘Deemi!’ yoo jedheen, innille hin deema; kaanille'een, ‘Koy!’ yoo jedheen, innille hin dhufa; tajaajilaa kiyyaan, ‘Kana huji!’ yoo jedheen, innille hin huja” jedhe.
10Yesuus yennaa tana dhage'e, baaseffatee worra isa hordofuun, “Ani isinitti hima, Israa'el keessatti dhugeeffannaa guddoo akkasii nama qabu tokkochalle hin dhaggine. 11Ani isinitti hima, biyya lafa duudii irraa karaa aduun baatuu fi seentuu dhufanee, mootummaa Waaqaa keessatti Abrahaam, Yaaqoobii fi Yisihaaq woliin hin nyaatan; #Luq 13:29 12worri mootummaa Waaqaa keessa te'uu male ammoo addee itti booyanuu fi ilkaan itti qaranu gara alaa dukkanatti hin gataman” jedhe. 13Achiin duuba Yesuus ajajaa dhibbaatiin, “Deemi; akkuma dhugeeffanna teetii si'iif teetuu” jedhe.
Tajaajilaan ajajaa dhibbaalle sa'aatuma san fayye.
Yesuus Kolbaa Hedduu Fayyise
(Mar 1:29-34; Luq 4:38-41)
14Yesuus yennaa mana Pheexroosii dhaqe, haati sodda'aa ta Pheexroosii dhukkuba nafa o'isuun dhibantee taqee irra irkatiisatti jirtuun dhagge. 15Inni harka isi'ii qabee, o'i nafaa isii lakkinnaan, isiille ol kaatee isaaf areerte.
16Aduun seenteen duuba, worra durriisotaan qabamane hedduu gara Yesuusii fidane. Innille jecha ifiitiin durriisota baasee, worra dhibame maralle fayyise. 17Wonni Isaayaasiin raagichi,
“Inni dhibee teenna fudhate,
dhukkuba keennalle ba'ate” jedhe akka muummottuuf inni tana godhe.
Worra Yesuus Hordofiisaaf Barbaade
(Luq 9:57-62)
18Yesuus adaala ifiititti gumii hedduu yennaa dhagge, gara abbaaya'aan gamaa akka bu'anu barattoota ifii ajaje. 19Barsiisaan Seera Muuse'ee tokko gara isaa dhufee, “Barsiisa'a! Addee ati dhaxxu mara si hordofa” jedheen.
20Yesuus deebisee, “Jeedalti boolla qaddi; simbirreelle mana qaddi; Ilmi namaa ammoo addee mataa ifii itti irkifatu hin qabu” jedheen.
21Baratoota isaa keessaa ka dhibiin, Yesuusiin, “Gootta'a, dursee dhaqee abbaa kiyya akka awwaaladhu naa eeyyam” jedheen.
22Yesuus ammoo, “Ati na hordofi! Du'aan du'aa ifii awwaalatuu ti” isaan jedhe.
Yesuus Bubbee Cadhisiise
(Mar 4:35-41; Luq 8:22-25)
23Yennaa Yesuus hoboloo takka yaabe, barattooti isaalle isa woliin deemane. 24Dedhuma bubbeen hantuun abbaayaa gubbaa kaatee, hoboloolle danbali'iin lixiisa geette; Yesuus ammoo rafeeraayyu. 25Barattooti gara Yesuusii dhaqanee dammassanee, “Gootta'a, nu fayyisi! Dhumataarraa!” jedhaneen.
26Yesuus deebisee, “Isin worra dhugeeffannaa diqqo'oo, maaf sodaattan?” jedheen. Achiin duuba inni ol ka'ee bubbe'ee fi danbalii ajajee, achitti cadheessi guddaan te'e.
27Isaan baaseffatanee, “Kun nama attamii ti? Bubbe'ee fi danbaliille hin ajajamaniif!” jedhane.
Yesuus Worra Durriisaan Qabame Fayyise
(Mar 5:1-20; Luq 8:26-39)
28Yesuus abbaaya'aan gamatti bu'ee biyya Gadara'aa#8:28 biyya Gadara'aa: Barreeffam durii durii gariin “Gergeesa'aa”, kuun “Geraasa'aa” jedha yennaa dhufe, namooti durriis keessa jiru lamaan goda awwaalaatii gad itti dhufane; namooti kun haga nami karaa san dabariisa dadhabutti akka malee sodaachisane. 29Isaan dedhuma, “Yesuus, Ilma Waaqaa, maan nu irraa qadda? Yennaan adoo hin geyin nu farrisiisiisa dhutee?” jedhaa iyyane.
30Diqquma isaan irraa fago'otti booyoti hedduun bobbaatee dheediisatti jirtiiyyu. 31Maarre durriisoti, “Ati yoo gad nu baache, booyota sanitti nu ergi” jedhanee Yesuus kadhatane.
32Yesuus, “Dhaqa'a!” isaaniin jennaan, jara keessaa bayanee booyotatti galane. Booyoti sun martinuu roga qile'ee irraa gad gara abbaaya'aa oriitee liqinfante.
33Worri booyyota tissanu baqatanee qachaa seenanee, waan te'e maraa fi waan namoota durriis qabeeru irratti te'e achitti odeessane. 34Achiin duuba namooti qachaa keessaa marti Yesuus dhaggiisaaf gad bayane; isaan yennaa isa dhaggane, biyya isaanii lakkisee akka deemuuf isa kadhatane.

Markering

Deel

Kopiëren

None

Wil je jouw markerkingen op al je apparaten opslaan? Meld je aan of log in