Wongeela Maatewoosii 11
11
Worra Yohaannisiin Cuuphaan Erge
(Luq 7:18-35)
1Yesuus barattoota ifii kudhanii lamaan ajaja itti kennee hobbaasen duuba, addee san lakkisee qachaa adaala sanii keessa lallabiisaa fi barsiisiisaaf dhaqe.
2Yohaannisiin cuuphaan adoo mana hidha'aa keessa jiruu, waan Kiristoos hujiisatti jiru dhage'ee, barattoota ifii keessaa garii ergee, 3“Ka hin dhufa jedhame sun si'iiyyu moo ka dhibii eeganna?” jedheen.
4Yesuus deebisee, “Deebi'a'aatii waan dhageettanee fi waan dhaggitane Yohaannisitti hima'a: 5Ballaan hin dhagga, naafi hin ideema, ka dhukkuba goga'aa farrisiisaa qabameeru hin fayya, duudaan hin dhage'a, du'aan hin ka'a, Oduun Gammadaalle hiyyeeyyi'iif hin lallabanti. 6Nami marroo tiyya mama hin qabaanne attam attam gammada” jedheen.
7Barattooti Yohaannisii akkuma ideemaneen, Yesuus marroo Yohaannisii kolba'atti akkana dubbatee, “Goomolee keessatti yennaa gara Yohaannisii dhaxxane, isin maan ilaaliisaaf baatane? Shonbooqqoo#11:7 Shonbooqqoo: yookiin gaaguroo, obbaa qilleensi daassuu? 8Maan ilaaliisaaf baatane? Nama uffana dansaa uffatee? Worri uffana dadansaa uffatu mana moototaa keessa jiran! 9Maan ilaaliisaaf baatane ree? Raagaa tokko ilaaliisaafii? Ee, ani isinitti hima, isin ammoo ka guddoo raagaa caalu dhaggitane. 10Inniin kun, ka Barreeffam Woyyichi,
‘Karaa keeti akka si'iin duratti qopheessu,
ani ergamaa kiyya si'iin dura erga’ jedhee dubbateeru.
11Ani dhugaa isinitti hima, nama lafa irratti dhalate keessaa, ka Yohaannisii cuuphaa caaleeru eennulle hin jiru; Mootummaa ol-gubba'aa keessatti ammoo, ka mara caalaa diqqaatu isa hin caala. 12Bara Yohaannisiin cuuphaan barsiisuu jalqabe irraa ka'ee haga ammaa mootummaan ol-gubba'aa hunnaan dhiibatiisatti jirti; worri itti galiisaaf dhiibatu hin fudhatan. 13Raagoti duudi'ii fi seerri Muuse'ee haga bara Yohaannisii cuupha'aatitti raaganeeran. 14Yoo dubbii isaanii fudhatiisa feetane, Yohaannisiin kun, Eliyaasii hin dhufa jedhame san. #Mat 17:10-13; Mar 9:11-13 15Nami gurra qabu dhage'uuti.
16“Dhaloota kana maaniin wol fakkeessina? Isaan akka ijoollee lafa dikko'oo keessa teteettee woliin, 17‘Suusullee#11:17 suusullee: ulullee isinii afuunne, isin hin sirbine; faaruu awwaalaa isinii faarsine, isin hin gaddine’ jedhanu fakkaattan. 18Yohaannis adoo sagalee hin nyaatinii fi daadhii woyni'ii hin unin yennaa dhufe, ‘Inni durriisa qaba’ jedhane. 19Ilmi Namaa nyaataa unaa yennaa dhufe, isaan ‘Ilaa, gadhito'oo fi machowaa, lansa worra qaraxa guuruutii fi cubbaaleyyi'ii ti’ jedhaneen. Te'uu malee, qarummaan Waaqaa, hujii ifiitiin mirkanootteerti” jedhe.
Qachoota Hin Dhugeeffanne
(Luq 10:13-15)
20Achiin duuba Yesuus worra qachoota bilbaasota ifii inni irra caalaa keessatti huje keessa le'anu, waan isaan cubbuu irraa deebi'uu didaneef komate. 21“Aanne'e si'iif, Koraaziin! Aanne'e si'iif, Betsayida'a! Bilbaasoti isin keessatti tolfame, adoo Xiroosii fi Sidoon keessatti godhamee jiraatee, silaa kolbaan achii yoosuu uffana gaddaa uffattee, daadhaa ifi irratti firfiffattee bara dheera'aan durattuu cubbuu irraa deebiteertiiyyu. 22Ani ammoo isinitti hima, guyyaa mura'aa isin caalaa Xiroosii fi Sidooniif irra kosoo teeti. 23Atille Qifirnaahom, haga gubba'aa ol ifi fuudhuu barbaaddee? Gara qile'ee gad buuta. Bilbaasoti si keessatti godhame, adoo Sodoom keessatti godhamee jiraatee, isiin haga guyyaa adhaa hin turtiiyyu. 24Maarre ani sitti hima, guyyaa mura'aa san si caalaa worra Sodoomiitiif irra kasoo teeti. #Mat 10:15; Luq 10:12
Gara Kiyya Kowa'aa Foorfadha'a
(Luq 10:21-22)
25Yennaa san Yesuus, “Abba'a, Goottaa ol-gubba'aa fi lafaa! Waan kana mara beekkole'ee fi qaroolee dhossitee, ijoollota didiqqo'otti#11:25 ijoollee didiqqo'otti: worra beekkunsa yookiin qarummaa hin qannetti waan mudhitteef ani si galatoonfadha. 26Ee, Abba'a, waan kanatti gammaddeerta. 27Abbaan kiyya waan mara dabarse anatti kenneera; Abbaa qofattuu beeka malee, Ilma ka beeku tokkolle hin jiru, akkasuma Ilma isaatii fi worra Ilmi isaa itti mudhisutti Abbaa beeka malee, Abbaa ka beeku tokkolle hin jiru” jedhe. #Yoh 3:35; 1:18; 10:5 28“Isin worri ba'aa ulfaattuu ba'atee dadhabe marti, gara kiyya kowa'a, ani isin foorfachiisa. 29Waanjoo#11:29 waanjoo: qanbara kiyya fuudha'aatii ba'adha'a, ana irralle'ee baradha'a; ani nageellichaa fi ka ifi gad qabu; lubbuu teessaniif foora hin dhaggattan. 30Waanjoon kiyya kaso'o, ba'aan tiyya sallo'o” jedhe.
Nu geselecteerd:
Wongeela Maatewoosii 11: GAXNT
Markering
Deel
Kopiëren
Wil je jouw markerkingen op al je apparaten opslaan? Meld je aan of log in
Guji Oromo New Testament © Bible Society of Ethiopia, 2007.