1
Uumama 37:5
Hiikkaa Ammayyaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa
Yoosef abjuu abjootee obboloota isaatti hime; isaanis ittuma caalchisanii isa jibban.
तुलना
अन्वेषण गर्नुहोस् Uumama 37:5
2
Uumama 37:3
Israaʼel waan bara dullumaa keessa isa dhalcheef ilmaan isaa hunda caalaa Yoosefin jaallata ture; innis qoloo faayeffame hojjeteef.
अन्वेषण गर्नुहोस् Uumama 37:3
3
Uumama 37:4
Obboloonni isaas yommuu akka abbaan isaanii isaan hunda caalaa isa jaallate hubatanitti Yoosefin jibban; afaan nagaas itti dubbachuu hin dandeenye.
अन्वेषण गर्नुहोस् Uumama 37:4
4
Uumama 37:9
Ergasiis abjuu biraa abjootee obboloota isaatti hime. Akkanas jedheen; “Kunoo, ani abjuu biraa abjoodheera; aduu fi jiʼi, urjiiwwan kudha tokkos gad jedhanii naa sagadu.”
अन्वेषण गर्नुहोस् Uumama 37:9
5
Uumama 37:11
Obboloonni isaa isatti hinaafan; abbaan isaa garuu waan kana garaatti qabate.
अन्वेषण गर्नुहोस् Uumama 37:11
6
Uumama 37:6-7
Innis akkana isaaniin jedhe; “Mee abjuu ani arge kana dhagaʼaa: Nu lafa qotiisaa keessatti bissii midhaanii hidhaa ture; kunoo, bissiin koo ol jedhee dhaabate; bissiiwwan keessan immoo bissii kootti naannaʼanii gad jedhanii sagadaniif.”
अन्वेषण गर्नुहोस् Uumama 37:6-7
7
Uumama 37:20
Kottaa ajjeefnee boollawwan as jiran keessaa tokkotti isa gannee bineensa hamaatu isa nyaate jenna. Ergasii immoo abjuun isaa maal akka taʼu ilaalla.”
अन्वेषण गर्नुहोस् Uumama 37:20
8
Uumama 37:28
Yommuu daldaltoonni Midiyaan achiin darbuuf dhufanittis obboloonni Yoosef boolla keessaa harkisanii ol isa baasanii meetii saqilii digdamaatti Ishmaaʼeelootatti isa gurguratan; jarris Gibxitti isa geessan.
अन्वेषण गर्नुहोस् Uumama 37:28
9
Uumama 37:19
Isaanis akkana waliin jedhan; “Kunoo abbaan abjuu sun dhufaa jira!
अन्वेषण गर्नुहोस् Uumama 37:19
10
Uumama 37:18
Isaan garuu fagootti isa arganii isa ajjeesuuf utuu inni isaan bira hin gaʼin mariʼatan.
अन्वेषण गर्नुहोस् Uumama 37:18
11
Uumama 37:22
dhiiga hin dhangalaasinaa. Gammoojjii keessatti boolla kana keessa isa buusaa malee harka keessaniin isa hin tuqinaa.” Ruubeen isaan harkaa isa baasee gara abbaa isaatti isa deebisuuf akkana jedhe.
अन्वेषण गर्नुहोस् Uumama 37:22
होम
बाइबल
योजनाहरू
भिडियोहरू