1
Uumama 3:6
Hiikkaa Ammayyaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa
Dubartittiinis yommuu akka iji mukichaa nyaataaf gaarii, kan ija namaatti tolu, ogummaa argachuufis akka nama gojomaasisu argitetti fudhattee nyaatte. Dhirsi ishees ishee wajjin ture; isaafis ni laatte; innis ni nyaate.
तुलना
अन्वेषण गर्नुहोस् Uumama 3:6
2
Uumama 3:1
Bineensa WAAQAYYO Waaqni uume hunda keessaa bofti haxxee ture. Dubartittiidhaanis, “Dhuguma Waaqni, ‘Muka iddoo biqiltuu keessa jiru kam irraa iyyuu hin nyaatinaa’ isiniin jedheeraa?” jedhe.
अन्वेषण गर्नुहोस् Uumama 3:1
3
Uumama 3:15
Siʼii fi dubartittii, sanyii keetii fi sanyii ishee gidduutti diinummaa nan uuma; inni mataa kee ni tuma; atis koomee isaa ni iddita.”
अन्वेषण गर्नुहोस् Uumama 3:15
4
Uumama 3:16
Dubartittiidhaanis akkana jedhe; “Yommuu ati mucaa deessutti ani dhiphina kee akka malee nan baayʼisa; ciniinsuudhaanis ijoollee ni deessa. Fedhiin kee garuma dhirsa keetii taʼa; innis sirratti ol aantummaa qabaata.”
अन्वेषण गर्नुहोस् Uumama 3:16
5
Uumama 3:19
Ati waan lafa irraa argamteef, hamma lafatti deebitutti dafqa fuula keetiitiin buddeena nyaatta; waan biyyoo taateefis, gara biyyootti deebita.”
अन्वेषण गर्नुहोस् Uumama 3:19
6
Uumama 3:17
Addaamiin immoo akkana jedhe; “Waan ati dubbii niitii keetii dhageessee muka ani ija isaa irraa, ‘hin nyaatin’ jedhe irraa nyaatteef, “Lafti sababii keetiif kan abaaramte taati; atis bara jireenya keetii guutuu dadhabbiidhaan ishee irraa nyaatta.
अन्वेषण गर्नुहोस् Uumama 3:17
7
Uumama 3:11
Innis, “Eenyutu akka ati qullaa taate sitti hime? Muka ani ija isaa hin nyaatin jedhee si ajaje sana irraa nyaatte moo?” jedheen.
अन्वेषण गर्नुहोस् Uumama 3:11
8
Uumama 3:24
Erga nama achii baasee booddee karaa muka jireenyaatti geessu eegsisuuf jedhee kiirubeelotaa fi goraadee bobaʼu kan asii fi achi gaggaragalu tokko Iddoo Biqiltuu Eedeniitiin gama baʼa biiftuu kaaʼe.
अन्वेषण गर्नुहोस् Uumama 3:24
9
Uumama 3:20
Addaamis sababii isheen haadha jiraatoo hundaa taateef niitii isaa “Hewaan” jedhee moggaase.
अन्वेषण गर्नुहोस् Uumama 3:20
होम
बाइबल
योजनाहरू
भिडियोहरू