1
Uumama 17:1
Hiikkaa Ammayyaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa
Yeroo Abraam nama waggaa sagaltamii sagalii turetti WAAQAYYO isatti mulʼatee akkana jedheen; “Ani Waaqa Waan Hundumaa Dandaʼuu dha; ati fuula koo dura amanamummaan deddeebiʼi; hirʼinas hin qabaatin.
तुलना
अन्वेषण गर्नुहोस् Uumama 17:1
2
Uumama 17:5
Ati siʼachi Abraam jedhamtee hin waamamtu; waan ani abbaa saboota baayʼee si taasiseef maqaan kee Abrahaam taʼa.
अन्वेषण गर्नुहोस् Uumama 17:5
3
Uumama 17:7
Ani Waaqa keetii fi Waaqa sanyii kee kan si duubaan dhufuu taʼuuf jedhee kakuu koo anaa, sii fi sanyii kee kan si duubaa, dhaloota dhufuuf jiru gidduutti kakuu bara baraa godhee nan dhaaba.
अन्वेषण गर्नुहोस् Uumama 17:7
4
Uumama 17:4
“Kunoo, kakuun ani si wajjin galu kana: ati abbaa saba baayʼee taata.
अन्वेषण गर्नुहोस् Uumama 17:4
5
Uumama 17:19
Waaqnis akkana jedhe; “Tole; garuu niitiin kee Saaraan ilma siif deessi; maqaa isaas Yisihaaq jedhii moggaasi. Anis kakuu koo sanyii isaa kan isa duubaan dhufuuf kakuu bara baraa godhee isa wajjin nan dhaaba.
अन्वेषण गर्नुहोस् Uumama 17:19
6
Uumama 17:8
Biyya Kanaʼaan guutuu lafa ati amma orma taatee jiraattu kana ani dhaala bara baraa godhee siʼii fi sanyiiwwan kee warra si booddeetiif nan kenna; anis Waaqa isaanii nan taʼa.”
अन्वेषण गर्नुहोस् Uumama 17:8
7
Uumama 17:17
Abrahaamis addaan gombifame; kolfees, “Nama waggaa dhibbaatiif ilmi ni dhalataa? Saaraanis waggaa sagaltamatti mucaa deessii?” jedhee yaade.
अन्वेषण गर्नुहोस् Uumama 17:17
8
Uumama 17:15
Waaqni ammas Abrahaamiin akkana jedhe; “Ati siʼachi niitii kee Sooraadhaan, Sooraa hin jettu; maqaan ishee Saaraa taʼa.
अन्वेषण गर्नुहोस् Uumama 17:15
9
Uumama 17:11
Qola keessan dhagna qabadhaa; kunis kakuu anaa fi isin gidduu jiruuf mallattoo taʼa.
अन्वेषण गर्नुहोस् Uumama 17:11
10
Uumama 17:21
Kakuu koo garuu Yisihaaq isa Saaraan waggaa dhufu keessa yeroo kanatti siif deessu wajjin nan dhaaba.”
अन्वेषण गर्नुहोस् Uumama 17:21
11
Uumama 17:12-13
Isin keessaa dhiirri guyyaa saddeet guute dhagna haa qabatu; dhaloota keessan hunda keessatti dhiirri mana keetti dhalate yookaan kan nama biyya ormaa irraa maallaqa keetiin bitame hundi kan sanyii kee hin taʼin dhagna haa qabatu. Mana keetti dhalatanis yookaan maallaqa keetiin bitamanis isaan dhagna haa qabatan. Kakuun koo kan foon keessan irratti godhame kun kakuu bara baraa taʼa.
अन्वेषण गर्नुहोस् Uumama 17:12-13
होम
बाइबल
योजनाहरू
भिडियोहरू