Wongeela Yohaannisii 6
6
Yesuus Nama Kuma Shan Areere
(Mat 14:13-21; Mar 6:30-44; Luq 9:10-17)
1Achiin duuba Yesuus gara Abbaayaa Galiila'aa ta Xiberiyaas jedhantuun gamatti bu'e. 2Gumiin hedduun baasa inni worra dhibamaa fayyisiisaan tolche waan dhaggitteef isa hordotte. 3Yesuus gara gaara tokkoo ol bayee, barattoota ifii woliin tee'e. 4Yennaa san Jilti Irra Dabaramaa ta Yihudootaa dhikaarteertiiyyu. 5Yesuus adaala ifii ilaalee, gumiin hedduun gara isaa dhufiisatti jirtuun dhaggee, Filiphoosiin, “Sagalee kolbaan tun nyaattu eessaa binna?” jedhe. 6Inni waan Filiphoos jedhu ilaaliisaaf tana jedhe malee, maan akka godhu hin beekaayyu.
7Filiphoos, “Dabboon mindaa ji'a saddeetiille#6:7 mindaa ji'a saddeeti: dinaara dhibba lama diqquma diqqoolle'een isaan mara hin geettu.
8Barattoota isaa keessaa, Indiryaasiin obboleessi Simoon Pheexroosii, 9“Mucaan tokko ka daabboo garbu'uu xaltaa shanii fi qurxummii lama qabu as jira. Tun ammoo kolbaa tana maraaf hin geettu” jedheen.
10Yesuus isaaniin, “Kolbaa teessisa'a” jedhe. Marra gudda'atti achi jiraayyu; maarre dhiirti gara kuma shanii gad teteette. 11Yesuus xaltaa fuudhee, Waaqa galatoonfatee, kolbaa achi tee'iisatti jirtuuf haga isaan barbaadane qoode; qurxummiille akkasuma tolche. 12Isaan mara yennaa quufane, inni barattoota ifiitiin, “Hanbaa hatte irraa wonni tokkolle akka hin banne wolitti qaba'a” jedhe. 13Maarre isaan xaltaa daabboo garbu'uu shanan kolbaan nyaatteertuun, hanbaa hatte wolitti qabanee kolonjoo kudhanii lama guutane.
14Kolbaan yennaa bilbaasa Yesuus huje kana dhaggite, “Kun dhugumaan raagicha gara biyya lafaa dhufu'uu jiruuyyu!” jette. 15Yesuus akka isaan hunnaan isa qabanee, mootii isa godhachu'uuf dhuffaaranu beekee, qofii ifii ammalle gara gaaraa deeme.
Yesuus Bisaan Gubbaa Ideeme
(Mat 14:22-33; Mar 6:45-52)
16Yennaa latti galgalootte, barattooti Yesuusii gara abbaaya'aa gad bu'anee, 17hoboloo takka seenanee, abbaaya'aan gama gara Qifrinaahomii bu'iisaaf ka'ane. Latti dukkanoottelle'een Yesuus gara isaanii hin dhunne. 18Bubbeen waan bubbisiisatti jirtuuf bisaan raafame. 19Haga kiiloomeetrii shanii yookiin jaa shaffisa'aan laaqaneeranuun, Yesuus bisaan gubbaa ideemaa, gara hobolo'oo dhufee dhikaatiisatti jiruun dhagganee bararaqane. 20Yesuus ammoo, “Wonni anaa, hin bararaqina'a!” isaaniin jedhe. 21Achiin duuba isaan gara hobolo'oo isa fudhatiisa barbaadane; hoboloon ammoo yoosuma lafa dhaqiisatti jiranu geette.
Kolbaan Yesuus Barbaadde
22Guyyaa lammeesso'oo kolbaan abbaayya'aan gamatti hatte, hoboloon takkattiin callaan akka achi jirtu hubatte. Yesuus barattoota ifii woliin hobolo'oon akka hin deemin, barattooti ammoo qofuu akka deemaneeranu kolbaan sun beette. 23Hobolooti dhibiin, Xiberiyaasi irraa, gara lafa addee Goottaan galata galcheeruun, kolbaan daabboo itti nyaatteen dhikaattuu dhufane. 24Kolbaan, Yesuusii fi barattooti isaa akka achi hin jirre yennaa dhaggite, hoboloota san seentee Yesuus barbaadiisaaf, gara Qifirnaahoomii dhaxxe.
Yesuus Sagalee Jiru'uu ti
25Kolbaan abbaaya'aan gamatti yennaa Yesuus dhaggite, “Barsiisa'a, yoom as dhutte?” jetteen.
26Yesuus deebisee, “Ani dhuguma isinitti hima; isin waan sagalee nyaattanee quuttaneef ana barbaadiisatti jirtan malee, bilbaasa kiyya waan dhaggitaneefii moti. 27Sagalee badduuf hin hujina'a; sagalee jiruu bara baraatiif jiraattuuf ammoo huja'a. Waaqi Abbaan, chaappaa#6:27 chaappaa: beessisa ifii ka ittiin mirkaneessu waan isa irratti godheeruuf, Ilmi Namaa sagalee san isiiniif hin kenna.
28Maarre isaan, “Hujii Waaqi akka hunyuuf barbaadu hujiisaaf maan goona?” jedhaneen.
29Yesuus deebisee, “Wonni akka isin gootanu Waaqi barbaadu, ka inni ergetti dhugeeffatiisa” jedhe.
30Isaan, “Akka dhagginee si'itti dhugeeffanu bilbaasa maan goota? Maan hujja? 31Akkuma Barreeffam Woyyichi, ‘Inni sagalee ol-gubbaa irraa akka nyaatanu isaaniif kenne’ jedhu, Abbootiin teenna lafa goomole'ee keessatti sagalee mannaa#6:31 mannaa: Yennaa kolbaan Israa'elii lafa goomole'ee keessa marte, Goottaan sagalee sagalee dhibii irraa adda teete isaanii kenne. Sagaleen sun yoo afaaniin qabanu busukutii busukutii jetti jedhantu nyaatte” jedhaneen.
32Yesuus, “Ani dhuguma isinitti hima; ka sagalee ol-gubbaa irraa isiniif kenne Muuse'ee moti; ka sagalee dhuga'aa ol-gubbaa irraa isiniif kennu Abbaa kiyya. 33Sagaleen Waaqi kennu sun, ka ol-gubbaa irraa gad dhufee, jiruu biyya lafaatiif kennu” jedheen.
34Isaan, “Gootta'a, sagalee tana yennaa mara nu'uuf keenni” jedhaneen.
35Yesuus isaaniin, “Sagaleen jiru'uu ana; ka gara kiyya dhufu ijjumaa hin beelotu; ka anatti dhugeeffatu ijjumaa hin dheebotu. 36Akkuma ani isinitti hime, isin ana dhaggitaneertan; ammoo hin dhugeeffane. 37Ka Abbaan kiyya anaaf kennu mara gara kiyya hin dhufa. Ka gara kiyya dhufu ani ijjumaa ifi irraa hin ari'u. 38Wonni ani ol-gubbaa irraa gad dhufeef, fedha ka ana ergee godhiisaaf malee, fedha kiyya godhiisaafii moti. 39Fedhiin ka ana ergee, worri inni anaaf kenne mara guyyaa muumme'ee akka jiru'uuf isaan kaasu malee, isaan keessaa tokkolle akka ani balleessuufii moti. 40Fedhiin Abbaa kiyyaa, nami Ilma isaa dhaggee itti dhugeeffatu mara jiruu barabaraa akka qabaatu. Anille guyyaa muumme'ee jiruu'uuf isa kaasa.
41Worri Yihudootaa waan inni, “Sagaleen ol-gubbaa irraa gad dhutte ana” jedheef itti gungumiisatti ka'ane. 42Maarre isaan, “Namichi kun Yesuusii ilma Yoseefiitii moti? Abba'aa fi haadha isaa hin beenna. Amma inni attamiin, ‘Ol-gubba'aa gad bu'e’ jedha ree?”’ jedhane.
43Yesuus deebisee, “Wolitti gungumiisa lakkisa'a. 44Abbaan ana erge yoo isa harkise#6:44 yoo isa harkise: akka gara kiyya dhufu yoo isa godhe malee, eennulle gara kiyya dhufiisa hin dande'u; anille guyyaa muumme'ee du'aa isa hin kaasa. 45Raagoleen, ‘Nami martinuu ka Waaqi barsiise hin te'a’ jedhanee barreessaneeran. Ka Abbaa dhage'uu fi ka isa irraa baratu marti gara kiyya dhufa. 46Ka Waaqa biraa dhufe qofattuu Abbaa dhaggeera male, nami tokkolle Abbaa dhaggee hin jiru. 47Ani dhugaa isinitti hima; nami dhugeeffatu jiruu bara baraa qaba. 48Sagaleen jiru'uu ana. 49Abbootiin teessan lafa goomole'ee keessatti sagalee mannaa jedhantu nyaatte; te'uu male duute. 50Sagaleen nami akka hin duuneef akka nyaatu, ol-gubbaa irraa gad buutu ammoo tana. 51Sagaleen jiraattuun ol-gubbaa irraa gad buute ana. Eennulle yoo sagalee tana nyaate, haga bara baraa hin jiraata. Sagaleen akka biyya lafaatiif jiruu teetuuf, ani kennu tun, foon kiyya” isaaniin jedhe.
52Yihudooti, “Namichi kun attam foon isaa akka nyaannu nu'uu kenniisa dande'a?” jedhanee wol mormiisatti ka'ane.
53Yesuus isaaniin, “Ani dhuguma isinitti hima: isin yoo foon Ilma Namaa hin nyaatin, dhiiga isaalle yoo hin unin, jiruu ifi keessaa hin qaddanu. 54Nami foon kiyya nyaatuu fi dhiiga kiyya unu jiruu bara baraa qaba; Ani guyyaa muumme'ee du'a keessaa isa hin kaasa. 55Foon kiyya sagalee dhuga'aa ti; dhiigi kiyyalle unii dhuga'aa ti. 56Ka foon kiyya nyaatuu fi dhiiga kiyya unu anaan jiraata; Anille isaan jiraadha. 57Abbaan jiraataan akkuma na erge, Anille sababa Abba'aa akkuma jiraadhu, nami na nyaatulle sababa kiyya hin jiraata. 58Sagaleen ol-gubba'aa gad buute sun tana ree; isiin ta akka abbootiin teessan nyaattee, ammoo achiin duuba duuteetii moti. Sagalee tana ka nyaatu haga bara baraa hin jiraata” jedhe.
59Yesuus Qifirnaahoomitti Mana Waaqeffannaa Yihudootaa keessatti yennaa barsiisiisatti jiru tana dubbate.
Jecha Jiruu Bara Baraa
60Barattooti isaa hedduun kana dhage'anee, “Barsiisi kun guddoo jabaata. Eennutti isa fudhatiisa dande'a?” jedhane.
61Yesuus akka barattooti marroo waan kanaa gungumiisatti jiranu beekee, “Wonni kun isin gufachiisaa? 62Ilmi Namaa addee dur jirutti deebi'ee ol bayiisatti jiruun yoo dhaggitane maan jettan ree? 63Ayyaaanni Waaqaa jiruu kenna; hunni namaa womaa bu'aa hin qaddu. Jechi ani isinitti dubbadhe Ayyaana Waaqaa ti; jiruulle'e. 64Ammoo isin keessaa worri hin dhugeeffanne gariin jiran” isaaniin jedhe. Yesuus ka isa hin dhugeeffannee fi ka isa dabarsee kennu eennu akka te'e duruu beekeera. 65Yesuus ede'ee, “Ani waan kanaaf ka Abbaan kiyya akka gara kiyya dhufu godhe malee, eennulle gara kiyya dhufiisa hin dande'u isiniin jedhe” jedhe.
66Waan kanaaf, barattoota isaa keessaa hedduun gara duubaa deebi'ane; eega san isa woliin hin deenne. 67Maarre Yesuus barattoota kudhanii lamaaniin, “Isinille deemuu barbaaddanii” jedhee gaafate.
68Simoon Pheexroos, “Gootta'a, gara eennuu deenna? Ati Jecha jiruu bara baraa kennu qadda. 69Ati Woyyicha Tokkocha Waaqaa akka teete dhugeeffanneerra; beenneerralle'e” jedhaneen. #Mat 16:16; Mar 8:29; Luq 9:20
70Yesuus deebisee, “Isin kudhanii lamaan ka file anaa motii? Te'uu malee isin keessaa tokko Seexana” jedhe. 71Inni marroo Yihudaa ilma Simoonii nama biyya keriyootii, ka barattoota kudhanii lamaan keessaa tokko te'ulle, isa dabarsee kennaaruu dubbate.
လက်ရှိရွေးချယ်ထားမှု
Wongeela Yohaannisii 6: GAXNT
အရောင်မှတ်ချက်
မျှဝေရန်
ကူးယူ
မိမိစက်ကိရိယာအားလုံးတွင် မိမိအရောင်ချယ်သောအရာများကို သိမ်းဆည်းထားလိုပါသလား။ စာရင်းသွင်းပါ (သို့) အကောင့်ဝင်လိုက်ပါ
Guji Oromo New Testament © Bible Society of Ethiopia, 2007.