Wongeela Yohaannisii 10
10
Mammaassa Tissee Hoolotaa
1Yesuus, “Ani dhugaa isinitti hima, nami gara gooree hoolotaa balbalaan adoo hin te'in, karaa dhibi'iin yaabee seenu, hattu'uu fi saamtu'u. 2Nami gara gooree hoolotaa balbalaan seenu ammoo, tissee hoolotaa ti. 3Ka balbala eegu balbala isaaf hin bana. Hoolotille qoonqoo isaa hin dhage'an. Inni hoolota ifii maqa'aan waamaa, dura deemaa gad baasa. 4Inni hoolota ifii mara yennaa gad baase, isaaniin dura deema; hoolotille qoonqoo isaa waan beekanuuf isa hordofan. 5Isaan qoonqoo ormaa waan hin beenneef, irraa baqatan malee, isa hin hordofanu” jedhe.
6Yesuus mammaassa kana isaanitti hime, isaan ammoo waan inni jedhe hin hubanne.
Yesuus Tissee Dansa'a
7Yesuus ammalle, “Ani dhugaa isinitti hima: balbalti hoolotaa ana. 8Worri dhibbiin ka anaan dura dhufe marti hattu'uu fi saantu'u, hooloti ammoo isaan hin dhageettu. 9Balbalti ana. Ka anaan seenu hin fayya; ol hin seena, gad hin baya, dheedalle hin dhaggata. 10Hattuun hatiisaaf, ijjeesiisaa fi balleesiisa qofaaf dhutti. Ani ammoo hooloti jiruu akka dhaggattuu fi jiruu firnicixxuu#10:10 firnicixxuu: ta dhidhuu hin qanne akka qabaattuuf dhufeera” jedhe.
11Yesuus, “Tisseen dansaan ana. Tisseen dansaan hoolota ifiitiif lubbuu ifii dabarsee kenna. 12Tissee adoo hin te'in, ka qaxaramee tissu, hooloti ta isaa waan hin te'iniif, yayyiin dhuttuun yennaa dhagge, inni hoolota lakkisee dheeta; maarre yayyiin buttee hoolota bittanneessiti. 13Namichi qaxaramee tissu, waan qaxaramee tissuuf, hoolotaafille waan hin rakkaneef lakkisee dheeta. 14-15Tisseen dansaan ana. Akkuma Abbaan ana beeku, anilleen isa beeka; akkuma ani hoolota tiyya beeku, isaanille ana beekan. Anille isaaniif lubbuu tiyya dabarsee kenna. 16Ani hoolota dhiibii ta gooree tana keessa hin jirre qaba; ani isaanille fiduu qaba. Isaan qoonqoo tiyya hin dhage'an, gooree takkaa hin te'an, tisseelle tokkocha.
17Ani lubbuu tiyya deebisee fudhatu'uuf dabarsee waan kennuuf, Abbaan na jaalata. 18Ani lubbuu tiyya fedha kiyyaan dabarsee kenna malee eennulle narraa hin fudhatu. Ani lubbuu tiyya dabarsee kenniisaa fi deebisee fudhatiisaaf baallii qaba. Ani ajaja kana Abbaa irraa fudhadhe” jedhe.
19Sababa jecha kanatiif ammalle Yihudooti yaadaan gargar qoqodante. 20Isaan keessaa nami hedduun, “Inni durriisa ifi keessaa qaba! Inni maraata'a! Isin maaf isa dhageettan?” jedhane. 21Worri dhibiin ammoo, “Tun dubbii nama durriisa ifi keeessaa qabuutii moti! Durriis ballaa ila banuu dande'aa?” jedhane.
Yesuus Tuffatame
22Yennaa san jilti eebba Galma Waaqaa ka haareffamee Yerusaalem keessatti jilfamiisatti jirtiiyyu; yennaan sun ganna. 23Yesuus dalleya Galma Waaqaa keessatti sissaabii#10:23 sissaabii: soroo manaa, gimoo manaa Solomoon jala deddeebi'u keessa ideemiisatti jiruun, 24Yihudooti isa marsitee, “Ati haga yoomii gadhaa keenna rarraacha? Ifatti baasii nutti him: Ati Masiihii?” jedhanee gaafatane.
25Yesuus deebisee, “Ani duruu isinitti himeera, isin ammoo ana hin dhugeeffattanu. Hujiin ani maqaa Abbaa kiyyaatiin huju anaaf dhugaa baati; 26isin ammoo hoolee tiyya waan hin te'iniif, hin dhugeeffattanu. 27Hooloti tiyya qoonqoo tiyya dhageetti; ani isaan beeka, isaanille na hordofan. 28Ani jiruu bara baraa isaaniif kenna, isaanille ijjumaa hin badanu, eennuulle harka kiyya keessaa isaan butuu hin dande'u. 29Abbaan kiyya, ka isaan anaaf kenne waan mara caala, eennulle dande'ee harka Abba'aatii isaan hin butu.
30Abba'aa fi Ani tokko” isaaniin jedhe.
31Achiin duuba Yihudooti dhaka'aan isa tumiisaaf ammalle dhakaa fudhatte. 32Yesuus deebisee, “Ani hujii dansaa hedduu Abbaan anatti kenne hujee isinitti mudhiseera; isaan kana keessaa kamiif dhakka'aan na tumiisaaf barbaaddan?” jedhe.
33Yihudooti deebisanee, “Wonni nuuti dhaka'aan si tumiisaaf barbaannuuf, waan ati Waaqa faanshessiteef malee, hujii dansaa keessaa takkaalle'eefii moti, ati adoo namuma teeteertuu Waaqa ifi goota” jedhaneen. 34Yesuus deebisee, “Seera keessan keessatti Waaqi isiniin ‘Isin waaqota’ ka jedhe barreeffanteertii motii? 35Worra jechi Waaqaa isaaniif dhufeen, ‘Isin waaqota’ yoo jedhe, Barreeffam Woyyichi ka hin diiganne yoo te'e, 36‘Ani Ilma Waaqaa ti’ waan jedheef, ana ka Abbaan na filatee gara biyya lafaa na ergeen, isin ‘Waaqa faanshessita’ attam jettan ree? 37Yoo ani hujii Abbaa kiyyaa hin hunye te'e, anatti hin dhugeeffatina'a. 38Yoo ani huju te'e ammoo, anatti dhugeeffatuu dhaddanulle, Abbaan ana keessa, Anille Abbaa keessa akka jiru akka beettanuu fi akka hubatttanu, hujii tiyyatti dhugeeffadha'a” isaaniin jedhe.
39Isaan ammalle isa qabiisaaf barbaadane; inni ammoo isaan harkaa miliqe.
40Achiin duuba Yesuus ammalle Yordaanosiin gama addee Yohaannis duraan itti cuuphaa ture deebi'ee dhaqee, achi bubbule. #Yoh 1:28 41Namooti hedduun gara isaa dhufane. Isaan, “Yohaannis bilbaasa tokkolle hin goone, ammoo marroo namicha kanaa wonni inni dubbate marti dhuga'a” jedhane. 42Namooti hedduun achi jiranu Yesuusitti dhugeeffatane.
လက်ရှိရွေးချယ်ထားမှု
Wongeela Yohaannisii 10: GAXNT
အရောင်မှတ်ချက်
မျှဝေရန်
ကူးယူ
မိမိစက်ကိရိယာအားလုံးတွင် မိမိအရောင်ချယ်သောအရာများကို သိမ်းဆည်းထားလိုပါသလား။ စာရင်းသွင်းပါ (သို့) အကောင့်ဝင်လိုက်ပါ
Guji Oromo New Testament © Bible Society of Ethiopia, 2007.