Dubbii Nagayaa Ka Yohaannisii 4
4
Yesuusii Fi Dubartii Samaariya'aa
1Hennaa san Fariisonni Yesuus Yohaannisiin caalaa'a darasoota akka eda'atee fi akka cuupha'aaru akka dhagayan Yesuus haga beeke, 2-3Yihuudaa dhiisee gara Galiila'aa deebi'e. Haa ta'uu ammo, darasoota isaatituu cuupha'aa ture malee Yesuus ufii hin cuuphne. 4#Mat. 10:5; Luq. 9:52 Hennaa achi dhaqu karaa Samaariya'aatiin lufuu waan isa barbaachisuuf.
5 #
Ser. Uma. 33:19; 48:22; Iyya. 24:32 Kanaaf gara qachaa Samaariya'aa ta Sikaar jedhamtuu dhufe, qachaan sun lafa Yaaqoob ilma ufii Yooseefii kennetti dhiyo'o. 6Bisaan boolla Yaaqoobiititu achi ture. Yesuus waan deema'aa oolee dadhabeef boolla bisaanii san bira taa'e; hennaan sun guyyaa keessa gara sa'aatii jahaati.
7Dubartiin Samaariya'aa takka bisaan woraabbatu'uuf dhufte, Yesuus isi'iin, «Bisaan na obaas!» jedheen. 8#Mar. 6:37 Hennaa san darasoonni isaa waan nyaatan bitu'uuf gara qacha'aa deemanii turan. 9#Izra 4:1-5; Nah. 4:1-2; Luq. 9:52-53 Hennaa tana dubartiin Samaariya'aa sun, «Ati nama Yihuudii taatee, attamitti ana dubartii Samaariya'aatiin ‹bisaan na obaas› jetta?» jetteen; waan Yihuudonni worra Samaariya'aa woliin wolii hin galleef.
10Yesuus deebisee, «Uduu kennaa Rabbiitii fi ka bisaan na obaas siin jedha'aaru eennuun akka ta'e beettee silaa situ na kadhata; innillee silaa bisaan jireennaa sii kenna» isi'iin jedhe.
11Dubartittiin sunillee akkana jetteen, «Gooftaa'a! ati waan woraabbattuun hin qabdu; boollillee gad fago'o; eegasuu bisaan jireennaa kana eessaa argatta ree? 12Ati horomaa abbaa keenna Yaaqoobiin ka boolla bisaanii kana nuu kenne, ka inninii fi ijoolleen isaa, horiin isaa maruu bisaan kana irraa dhugan caaltaa?» jetteen.
13Yesuus deebisee, «Ka bisaan kana irraa dhugu maruu deebi'ee dheebota; 14Ka bisaan ani kennu irraa dhugu maruu ammo baraa haga bara baraa hin dheebotu; bisaan Ani kennu isa keessatti burqaa jireennaa ka bara baraan isa keessaa burqu ta'a» isi'iin jedhe.
15Dubartittiinillee, «Gooftaa kiyya! akka deebi'ee hin dheebonnee fi bisaanillee woraabu'uuf akka as hin deebine bisaan kana naa kenni» jetteen.
16Yesuus, «Deemii abbaa manaa kee waamii koottu» isi'iin jedhe.
17Dubartittiin ammo deebiftee, «Ani abbaa manaa hin qabu» jetteen. Hennaa kana Yesuus akkana jedheen, « ‹Abbaa manaa hin qabu› jechuun kee dhuga'a. 18Ati abbaa manaa shan waan qabduuf, ammumaa ka si woliin jirullee abbaa manaa keetii miti. Kanaaf dhugaa dubbatte.»
19Dubartittiin, «Gooftaa kiyya! akka ati raagaa taate arga. 20Abbootiin teenna gaara kanatti sagadan. Isin ammo Yihuudonni namni ka itti sagadu barbaachisu Yerusaalemitti jettan» jetteen.
21Yesuusillee akkana isi'iin jedhe, «Dubartii nana! na amani; gaara kana gubba'atti yookaan Yerusaalemitti hennaan isin Abba'aaf hin saganne hin dhufa. 22Isin waan hin beennee sagaddan; nu ammo fayyinni karaa Yihuudotaatiin waan ta'eef ka beennuuf saganna. 23Haa ta'uu ammo worri dhuga'aan sagadan hennaan Aabba'aaf Ayyaana dhuga'aatiin sagadan hin dhufa. Ammumaa ta'eera. Abbaan akka isaa sagadaniif worra akkanaa kanniin waan barbaaduuf. 24Rabbi Ayyaana, worri Isaa sagadanillee dhuga'aa fi Ayyaanaan sagadu'utu isaan barbaachisa » jedheen.
25Dubartittiin ammo, «Kiristoos ka jedhamu Masihiin akka dhufu hin beeka; inni yoo dhufe waan maraa nutti hima» jetteen.
26Yesuus deebisee, «Ka amma si woliin qaaqa'aaru Ani isaa bee» isi'iin jedhe.
27Hennaa darasoonni isaa deebi'anii dhufan; Yesuus dubartii woliin ka qaaqa'aaru arganii maalalfatan; haa ta'uu ammo ka isi'iin «Maal barbaadda?» yookaan namni, «Maaf isii woliin qaaxxa?» isaan jedhe hin jiru.
28Kanaan maayessa dubartittiinillee ottee ufii dhiiftee gara qacha'aa deemtee namootaan, 29«Kootta'aatii nama waan ani godhe maraa natti hime laalaa'a. Ani hin beeku inni Kiristoosiin ta'innaa laata?» Jette. 30Namoonnillee qachaa keessaa yaa'anii gara isaa dhaqa'aa turan.
31Uduu kun ta'aa jiru darasoonni isaa, «Barsiisaa'a! mee waa nyaadhu!» jedhanii kadhataniin.
32«Ani waan nyaadhu ka isin hin beenne qaba» isaaniin jedhe.
33Kanaaf darasoonni, «Waan nyaatu namni woyii fideefii jiraatinnaa?» woliin jedhan.
34Yesuusillee akkana isaaniin jedhe, «Nyaanni kiyya, fedha ka na ergee raawwachu'uu fi hojii isaa fixu'u. 35Isin haga ammaa haamaan hin geenne ‹Ji'a afurtu hafa› woliin jettanii mii ree? Ani isinitti himaa, ija keessan ol kaasa'aa midhaan amma gayee akka daalachate maasaa achi laalaa'a. 36Namni haamu gatii argata; ka facaasuu fi ka haamullee akka woliin gammadan; jeennataafillee daraaraa wolitti qabata. 37‹Tokko hin facaasa; tokko ammo hin haama› jechi jedhu kanaan dhugaa ta'eera. 38Anillee waan isin itti hin dadhabne akka haamtaniif isin erge, kuuwwan itti dadhaban; isin ammo dadhabbii isaanii keessaa faayidaa argattan» isaaniin jedhe.
39Dubartittiin, «Ka waan ani godhe maraa natti hime» jettee waan ragaa isaa baateef namoonni qachaa Samaariya'aa hedduun isaanii itti amanan. 40Namoonni Samaariya'aa hennaa gara isaa dhufan akka inni isaan woliin jiraatuuf kadhataniin. Innillee haga guyyaa lamaa achi oole. 41Sababa dubbii isaatiif namoonni hedduu ka duraa caalaa isatti amanan. 42Isaan dubartii saniin, «Amma nu wonti isatti amannuuf, waan ati jetteefii miti; nu'uu waan isa dhageenneef; innillee dhugamaan Kiristoos qoricha adunya'aa akka ta'e hin beenna» jedhan.
Yesuus Ilma Namicha Muudamaa Tokkoo Fayyise
43Guyyaa lamaan maayii achii bayee gara Galiila'aa deeme. 44Inninuu, «Raanni biyya ufiititti akka hin kabajjamne» dubbateera. 45Haa ta'uu ammo hennaa inni Galiilaa gaye worri Galiila'aa haala misha'aan isa simatan. Kunillee wonti ta'eef ayyaana Faasika'aatiif gara Yerusaalemii dhaqanii hennaa achi turan san waan inni achitti godhe mara waan arganiiraniif. 46Yesuus deebi'ee gara Qaanaa Galiila'aa hulee bisaan gara daadhii woyinii itti jijjiiree san dhaqe. Qifirnaahoomittillee bulchaa mana mooti'ii keessaa, ka mucaan isaa jalaa dhibame tokkotu jira. 47Inni Yesuus Yihuuda'aa gara Galiila'aa akka dhufe dhagayee mucaan isaa dhibamee waan lubbameeruuf gara isaa dhaqee akka isaa fayyisuuf kadhateen. 48Kanaafuu Yesuus, «Malkataa fi maalalee yoo argitan malee sirima hin amantan» jedheen. 49Bulchaanillee, «Gooftaa kiyya! daa'imni kiyya uduu na jalaa hin duune naa dhaqqabi» jedheen.
50Yesuus, «Gara mana keetii deemi! mucaan kee fayyeeraa!» jedheen.
Namichi dubbii Yesuus itti hime amanee deeme. 51Innillee uduu gala'aaru hojjattoonni isaa isa arganii, «daa'imni bee hin fayyee» jedhanii itti himan. 52Inni hennaa inni itti woyyate jara gaafate. Isaanillee, «Kaleessa sa'aatii torbatti oo'i dhiiseen» jedhaniin. 53Abbaanillee, Yesuus, «Mucaan kee fayyeera» hennaan jedheen sa'aatii san akka ta'e qaabate. Kanaafuu innillee maatii ufii maraa woliin amane. 54Kunillee akkasuma Yesuus Yihuuda'aa gara Galiila'aa haga dhufeen maayessa; kana woliin maalalee lammeesso'oo hojjate.
Voafantina amin'izao fotoana izao:
Dubbii Nagayaa Ka Yohaannisii 4: KitWoy
Asongadina
Hizara
Dika mitovy
Tianao hovoatahiry amin'ireo fitaovana ampiasainao rehetra ve ireo nasongadina? Hisoratra na Hiditra