Yohana 12

12
1Guyya jaa jila Pasaka durati, Yesoni Bethania d'ufe, fulla Lazaroni ka inni duisa keesaa kaase jiru. 2Achiti sagale d'aabaniifi, Marthani isa gololchite; Lazaroni Yeso woliini tae sagale nyaate. 3Jennaani Mariamuni kiila toko ka d'ad'a qayya dansa qabu, ka gati guddo, fuute miila Yeso dibde, rifeensa mata ufiitini iraa haat'e. Urgaani d'ad'a suni mana suni ch'ufa qabatte. 4Duuba jara Yeso keesa, nami toko ka Yuda Iskariote jed'ani, ka isa gurguru fed'u, waan jed'eeni, 5D'ad'a qayya kana maafi shilingi kunki sadi gurgurani hiyyeeyii inqoonne? 6Inni dubbi tana naasu hiyyeeyitiifi injenne, ammo waan inni hattu tahe, hori subbati naqani guuratuufi jed'e. 7Yeso waan jed'e, Isi lakisi, isiini waan kana ha haga na awaalaniti olkeetuuti. 8Hiyyeeyi guyya ch'ufa wolumaani jirtani, ammo anini guyya ch'ufa isani woliini injiru.
Mariacha ijeecha Lazaro
9Yahudiini hedduuni aka inni achi jiru d'ageennaani, Yeso ch'alla ilaalu ind'umne, ammo aka Lazaro, ka inni duisa keesaa kaase, argitu d'ufte. 10Tanaafi qaaloleeni gugurdooni aka Lazarole ijeeftu mariatte. 11Maro isatiifi Yahudiini hedduuni d'ufte Yeso d'ugefatte.
Yesoni Yerusalemu seena
(Matayo 21.1-11; Mariko 11.1-11; Luka 19.28-40)
12Boriyya, gumiini guddooni ta jila d'ufte, aka Yesoni Yerusalemu d'ufu d'ageennaani, 13damele meet'i guuratte, fuula keesa isa d'ufte, ch'aarte, waan jette Waaqa faarsa, nama maqa abbootiini d'ufu Waaqi ha eebisu! Hayyu Israeli Waaqi ha eebisu. 14Yesoni bukhura harre arginaani yaabate, akuma t'aafiini jettu,
15 # Zek 9.9 Insodaatini, dira Sioni!
Ilaali, hayyuuni kanke bukhura harre yaabate
gara kanke d'ufu jira.
16Waan kana jari isaa gaafasi inhubanne; ammo eegi Yesoni guddinna ufiitini gubbaati gale, aka t'aafiini tuni waan isaa dubbate, ammalle aka waan kana isaa tolchani qaabatani.
17Gumiini ta gaafa inni Lazaro awaala keesaa yaame duisa keesaa kaase isa woliini jirtu taani waan gaafasi agarte ch'ufa odeesite. 18Wonti biyyiti fuula keesa isa yaateefi waan akheekha inni tolche d'ageeteefi. 19Duuba Farisayooni waan woliini jette, Ilaala, aka isani woma indandeenne, biyyiti ch'ufti la isa gula yaate.
Grikiini Yeso barbaaddi
20Nami gari ka aka Waaqa kad'atu jila d'aqe gosa Grikiiti. 21Jari kunini gara Filipo d'ufe (inni nama Bethsaida ka Galilaya) isa kad'ate waan jed'eeni, Aabbo, sila Yeso argu feena. 22Filiponi gara Andarea d'aqe isati hime, Andareafi Filiponi Yesoti himu d'aqani. 23Yesoni waan jed'eeni, Guyyaani Ilmi Nama guddinna argatu ya d'ufe. 24D'uguma waan anini isaniini jed'u, yo gumani dargaye toko lafa bue shame male, kobuma ufi taa, ammo yo shame biqile mid'aani heddu baasa. 25#Mat 10.39; 16.25; Mar 8.35; Luk 9.24; 17.33 Nami lubbu ufi jaalatu ind'aba; nami lubbu ufi jibbu, lafa tana keesati, jireenna hegeritiifi lubbu ufi olkeyata. 26Nami sila na hojatu ha na gula d'ufu; fulla anini jiru hojattuuni tiyyaleeni jirti jira. Nama na hojatule Abbaani kiyya inguddisa.
Yesoni waan duisa ufi dubbata
27Garaani kiyya ammatana herega gaargala qaba anini maani jed'a? Aabbo, gaargala kana keesaa na baasi jed'a? Hiyyo. Ammo maro gaargala kanatifi anini guyya kana gahe. 28Aabbo, maqa kanke guddisi! jed'a. Jennaani qonqooni toko gubbaa d'ufte waan jette, Anini yayu guddise, ammalle iti deebie guddisa jette.
29Gumiini ta achi ejaanjitu waan jette, Waaqi ya mandie. Ta gari, Malaikati isaani dubbate jette. 30Ammo Yesoni waan jed'e, Qonqooni tuni maro tiyyaafi ind'umne, ammo maro teesaniifi d'ufte. 31Ammatana qorsumaati lafa tana jira; ammatana gudda lafa tana balleesani. 32Anileeni, yo lafa tana oli na fuud'ani, nama ch'ufa ufiti hirkisa. 33Wonti inni waan kana jed'eefi aka duisa inni duu garsiisu. 34#Far 110.4; Isa 9.7; Eze 37.25; Dan 7.14 Gumiini waan jetteeni, Nu yayu Seera keesati soomne aka Kristoni haga hegeri tau. Atini akami Ilma Nama lafa tana olfuud'u malani jette re? Ilmi Nama kunini eennu kana? 35Yesoni waan jed'eeni, Ifsaani haga diqa toko ch'alla isani woliini jira; ato ifsa qabdanu yaa, aka dukanti isani ind'aqamne. Nami dukana keesa deemu gara deemu imbeekhu. 36Ato ifsa qabdanu, ifsa suni d'ugefad'a, aka ilmaani ifsaa taatani.
Yahudi ta ind'ugefanne
Yesoni waan kana dubbannaani kae worra duraa d'okhate. 37Ammo ato inni akheekha heddu worra durati tolchele, worri isa ind'ugefanne, 38#Isa 53.1 aka dubbini raagi Isayani dubbate guutamtu ta,
Aabbo, eennuti d'aamsa keennaa d'ugefate?
Jabeenni Aabbo eennuti mullate? jette.
39Maro waan kanatifi d'ugefachu dad'abani, waan Isayani ammalle dubbate waan jed'e,
40 # Isa 6.10 Inni la ila worraa duuche,
qalbi worra d'owe,
aka worri ila ufiitini arge,
qalbi ufitiini barate,
gara ingalle,
aka anini worra fayyisu.
41Wonti Isayani dubbi tana jed'eefi, waan inni guddinna isaa arge waan isaa dubbateefi.
42Taatule nami gugurdaani hedduuni Yeso d'ugefate; ammo maro Farisayo sodaataniifi inhimanne aka mana Waaqa iti kad'atani seenu worra ind'owarre. 43Wonti akanatiifi worri saadu Waaqa iraa ta namaa fed'a.
Dubbi Yesotiini nama qorani
44Yesoni qonqo olfud'ate waan jed'e, Nami na d'ugefatu, na ind'ugefatu, ammo ka na erge d'ugefata. 45Nami na ilaalu ka na ergele ilaala. 46Anini lafa tanati aka ifsa tahu d'ufe, aka nami na d'ugefatu dukana keesa inteenne. 47Yo nami toko dubbi tiyya d'agaye inguunne, anini wollaala iti imuru. Wonti akanatiifi anini wollaala namati muru ind'umne, ammo nama baasu d'ufe. 48Nami na dide dubbi tiyya imfud'anne, nama iti muru toko qaba. Dubbi anini jed'e suniti guyya muumme wollaala iti mura. 49Anini yaada kiyyaani indubbanne, ammo Abba na ergeti seera nati kenne waan ani dubbad'uufi waan ani jed'u na jechisiisa. 50Ammalle aka seeri isaa jireenna hegeri namaa kennu imbeekha. Wonti anini dubbad'u kuni waan Aabbooni, Dubbad'u naani jed'e.
Yesoni miila jara ufi d'iqa

ಪ್ರಸ್ತುತ ಆಯ್ಕೆ ಮಾಡಲಾಗಿದೆ:

Yohana 12: BOR

Highlight

ಶೇರ್

ಕಾಪಿ

None

Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in