Luka 18
18
1Jennaani Yesoni mammaasa kana worrati hime, aka nami guyya ch'ufa Waaqa kad'achu illakimne. 2Inni waan jed'e, Dira toko keesa nama dubbi qoru tokoti jira ka Waaqafi namale insodaanne. 3Ammalle dira suni keesa niiti hiyyeeti tokoti jira, ta guyya ch'ufa gara isaa d'at'e, Nama tokoti na dabse, dubbi tana na ilaali jettuuni. 4Guyya heddu dide, ammo eege garaa ufi keesati waan jed'e, Ato anini Waaqafi namale sodaachu, baad'e, 5waan niitiini tuni na gaargalchitufi anini dubbi isii inqora, aka isiini hojja ch'ufa d'ufte na ingaargalchine.
6Aabbooni waan jed'e, Waan namichi d'artichi dubbi qoru kunini jed'u d'agaya. 7Waaqi jara inni fohate, ka halkani guyya isa yaamatu, indubbatufi? Inni hurrise inqarqaaru? 8Waan anini isaniini jed'u, Inni hurrise d'uga worraa qora. Ammo Ilmi Nama, yo d'ufe, d'ugefacha lafati arga?
Mammaasa Farisayoofi nama damoosa guuru
9Yesoni mammaasa kana jara gari ka ufi d'ugefate qulqullo ufi sehe biyya tuffatuti hime waan jed'e, 10Nami lama Mana Waaqa olduude aka Waaqa kad'atu; toko Farisayo, kaani nama damoosa guuru. 11Namichi Farisayo kaani koba ejate garaa ufi keesati Waaqa kad'ate waan jed'e, Ee Waaqa, anini sabdiniti, d'ara indubbad'u, algalooma indeemu, yokhaani aka namicha kana ka damoosa guuru injiru. 12Torbaani toko keesa maro lama agaba, waan argad'e ch'ufa keesaa qooda sii baasa. 13Ammo namichi damoosa guuru kaani fago ejate, ila lafa buuse lape qabate waan jed'e, Waaqa naa nahi, anini dabdicha. 14#Mat 23.12; Luk 14.11Waan anini isaniini jed'u, Namichi kuni nama kaani ira mana ufiti d'ugaani gale. Wonti akanatiifi nami ufi guddisu indiqaata, ammo ka ufi diqeesu inguddisani.
Yesoni ijoolle didiqo eebisa
(Matayo 19.13-15; Mariko 10.13-16)
15Biyyiti ijoolle didiqo isaatiini d'ufte aka harka ira kaye eebisu. Ammo jari isaa waan kana arginaani d'owe. 16Ammo Yesoni ufiti yaame waan jed'eeni, Ijoolleeni ha nati d'uftuuti, ind'owiina; wonti akanatiifi Finni Waaqa ka ijoolle akana tana. 17D'uguma waan anini isaniini jed'u, Nami Finna Waaqa aka ijoolle didiqo imfud'anne haguma jiru inargatu.
Kaimi dureesi jireenna barbaada
(Matayo 19.16-30; Mariko 10.17-31)
18Jennaani namichi guddinna qabu toko isa gaafate waan jed'eeni Aabbo dansa, anini maani tolchu male aka jireenna hegeri argad'u? 19Yesoni waan jed'eeni, Maalifi dansa naani jetta? Nami dansaani tokoleeni injiru, Waaqa male. 20#Bah 20.12-16; Qab-Ser 5.16-20 Atini seera imbeeta, d'iirafi nad'eeni wolbarate garayu wolintolfatini inijeesiini; inhatiini; nama tokole d'araani inhimatiini abbeetiifi haateti saalfad'u. 21Inni waan jed'eeni, Waan kana ch'ufa haguma ijoollumati ya guute. 22Yesoni akasi d'ageennaani waan isaani jed'e, Waan toko fitate; waan atini qabdu ch'ufa gurguri, hiyyeeyi qoodi, duuba hori gubba argatta, duuba deebii, na gula kooti. 23Ammo waan kana d'ageennaani namichi guddo laalefate, waan inni guddo dureesatiifi.
24Yesoni waan kana arginaani waan jed'e, Aka dureeyiini Finna Waaqa argattu guddo jabaatti. 25Gaala qaa lime seenuti ira laaftu, fulla dureesi Finna Waaqa argatu ira. 26Worri d'agaye kaani waan jed'eeni, Eentu baafamu dandaa re? 27Ammo inni waan worraani jed'e, Wonti namaani intaane Waaqaani intaati.
28Petroni waan jed'e, Ilaali, nu yayu waan ch'ufa lakimne si gula yaane. 29Yesoni waan worraani jed'e, D'uguma waan anini isaniini jed'u, Nami mana yokhaani niiti yokhaani oboleyaani yokhaani abbaafi haad'a yokhaani ijoolle ufi, maro Finna Waaqati jed'e lakise, 30ammatitana waan guddo hagasi iraa argata, eege tanale jireenna hegeri argata.
Yesoni maro sadeeso waan duisa ufi dubbata
(Matayo 20.17-19; Mariko 10.32-34)
31Yesoni jara kud'ani lamaanu yaame waan jed'eeni, Nu Yerusalemuti olqabanna, duuba wonti ch'ufti ta raagooti waan Ilma Nama t'aafte inguutamti. 32Harka nyaapati isa kennani, goyeesani arabsani, hanch'ufa iti tufani; 33lichooni d'aanani ijeesani, ammo guyya sadeeso duisa keesaa kaasani. 34Ammo worri waan kana diqoole inhubanne, jecha kana worra d'ossani, waan Yesoni jed'e worri imid'afanne.
Namichi balla fayyisani
(Matayo 20.29-34; Mariko 10.46-52)
35Yesoni Yerikoti d'iaannaani namichi ballaani toko d'aatu kara tae wo kad'ate. 36Gumi guddo dabartu d'ageennaani, Kunini maal? jed'e gaafate. 37Waan jed'aniini, Yeso Nazaretiti kara kana gula deemu jira. 38Jennaani inni lalabe waan jed'e, Yeso, Ilma Daudi, naa nahi. 39Jari isa dura yayu isa d'owe, Ch'allisi jed'aniini. Ammo inni hagasi ira lalabe waan jed'e Ilma Daudi, naa nahi. 40Duuba Yesoni miila d'aabate, Natiini koota jed'e, Inni d'umnaani Yesoni waan jed'eeni, 41Ana maani si tolchu feeta? Inni waan jed'eeni, Aabbo, lafa argu fed'a. 42Yesoni waan jed'eeni, Lafa argi! D'ugefachaani tante la si fayyifte. 43Hojuma suni lafa arge, Yeso gula deeme Waaqa guddise. Nami ch'ufti arginaani Waaqa faarse.
Yesofi Zakayo
ಪ್ರಸ್ತುತ ಆಯ್ಕೆ ಮಾಡಲಾಗಿದೆ:
Luka 18: BOR
Highlight
ಶೇರ್
ಕಾಪಿ
Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in
Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.