Oduu Nagayaa Ka Yohaannisii 4

4
Yesuusii Fi Dubartii Samaariya'aa
1Fariisonni Yesuus Yohaannisiin caalaa'a, darasoota akka eda'atee fi akka cuuphaaru akka dhagayan Yesuus haga beeke, 2-3Yihuudaa dhiisee gara Galiila'aa deebi'e. Haata'uu ammoo, darasoota isaatituu cuupha'aa ture malee Yesuus ufii hin cuuphne. 4#Mat. 10:5; Luq. 9:52 Karaa Samaariya'aatiin lufuun waan isa barbaachisuuf.
5 # Seera Uumamaa 33:19; 48:22; Kitaaba Iyyaasu'uu 24:32 Kanaaf gara qachaa Samaariyaa ta sikaar jedhamtuu dhufe, qachaan sunillee lafa Yaaqoob ilma isaa Yooseefii kennetti dhiyo'o. 6Bisaan boolla Yaaqoobiititu achi ture. Yesuusillee waan deema'aa oolee dadhabeef boolla bisaan sanii bira taa'e, hennaan sunillee guyyaa keessaa gara sa'aatii jahaati.
7Dubartiin Samaariya'aa takka bisaan woraabbatu'uuf dhufte, Yesuus isi'iin, «Bisaan na obaas!» jedheen. 8#Mar. 6:37 Hennaa san darasoonni Isaa waan nyaatan bitu'uuf gara qacha'aa deemanii turan. 9#Kitaaba Izira'aa 4:1-5; Kitaaba Nahimiya'aa 4:1-2; Luq. 9:52-53 Hennaa tana dubartiin Samaariya'aa sun, «Ati Nama Yihuudii taatee, attamitti ana dubartii Samaariya'aatiin bisaan na obaas jetta?» jetteen, waan Yihuudonni worra Samaariya'aa woliin wolii hin galleef.
10Yesuus deebisee, «Kennaa Rabbiitii fi ka bisaan na obaas siin jedha'aaru eennuun akka ta'e uduu beettee, silaa situ na kadhata. Innillee silaa bisaan jireennaa sii kenna» isi'iin jedhe.
11Dubartittiin sunillee akkana jetteen, «Gooftaa kiyya, ati waan woraabbattuun hin qabdu; boollillee gad fago'o, eegasuu bisaan jireennaa kana eessaa argatta ree? 12Ati horomaa abbaa keenna Yaaqoobiin ka boolla bisaanii kana nuu kenne, ka inninii fi ijoolleen isaa, horiin isaa maruu bisaan kana irraa dhugan caaltaa?» jetteen.
13Yesuus deebisee, «Ka bisaan kana irraa dhugu maruu deebi'ee dheebota; 14Ka bisaan Ani kennu irraa dhugu maruu ammoo baraa haga bara baraatitti hin dheebotu. Bisaan Ani kennu isa keessatti burqaa jireennaa ka bara baraan isa keessaa burqu ta'a» isi'iin jedhe.
15Dubartittiinillee, «Gooftaa kiyya, deebi'ee akka hin dheebonnee fi bisaanillee woraabu'uuf akka as hin deebine bisaan kana naa kenni» jetteen.
16Yesuus, «Deemiitii, abbaa manaa kee waamii koottu» isi'iin jedhe.
17Dubartittiin ammoo deebiftee, «Ani abbaa manaa hin qabu» jetteen. « ‹Abbaa manaa hin qabu› jechuun kee dhuga'a. 18Ati abbaa manaa shan waan qabduuf, ammumaa ka si woliin jirullee abbaa manaa keetii miti. Kanaaf dhugaa dubbatte» isi'iin jedhe.
19Dubartittiin, «Gooftaa kiyya, akka ati raagaa taate arga. 20Abbootiin teenna gaara kanatti sagadan. Isin ammoo Yihuudonni namni ka itti sagadu barbaachisu Yeruusaleemitti jettan» jetteen.
21Yesuusillee akkana isi'iin jedhe, «Dubartii nana na amani; gaara kana gubba'atti yookiin Yeruusaaleemitti hennaan isin Abba'aaf hin saganne hin dhufa. 22Isin waan hin beennee sagaddan; nu ammoo fayyinni karaa Yihuudotaatiin waan ta'eef, ka beennuuf saganna. 23Haata'uu ammoo worri dhuga'aan sagadan hennaan Aabba'aaf Ayyaana dhuga'aatiin sagadan hin dhufa. Amumaa ta'eera. Abbaan akka isaa sagadaniif worra akkanaa kanniin waan barbaaduuf. 24Rabbi Ayyaana, worri Isaa sagadanillee Dhuga'aa fi Ayyaanaan sagadu'utu isaan barbaachisa » jedheen.
25Dubartittiin ammo, «Kiristoos ka jedhamu Masihiin akka dhufu hin beeka, inni yoo dhufe waan maraa nutti hima» jetteen.
26Yesuus deebisee, «Ka amma si woliin qaaqa'aaru Ani isaa bee» isi'iin jedhe.
27Hennaa darasoonni isaa deebi'anii dhufan; Yesuus dubartii woliin ka qaaqa'aaru arganii maalalfatan; haata'uu ammoo ka isi'iin «Maal barbaadda?» yookiin, «Maaf isii woliin qaaxxa?» namni isaan jedhe hin jiru.
28Dubartittiinillee ottee isi'ii dhiiftee gara qacha'aa deemtee, 29Namootaan, «Kootta'aatii nama waan ani godhe maraa natti hime laalaa'a. Ani hin beeku inni Kiristoosiin ta'innaa laata?» Jette. 30Namoonnillee qachaa keessaa yaa'anii gara isaa dhaqa'aa turan.
31Uduu kun ta'aa jiru darasoonni isaa, «Barsiisaa'a, mee waa nyaadhu!» jedhanii kadhataniin.
32«Ani waan nyaadhu ka isin hin beenne qaba» isaaniin jedhe.
33Kanaaf darasoonni, «Waan nyaatu namni woyii fideefii jiraatinnaa?» woliin jedhan.
34Yesuusillee akkana isaaniin jedhe, «Nyaanni kiyya, fedha ka na ergee raawwachu'uu fi hojii isaa fixu'u. 35Isin haga ammaa haamaan hin geenne ‹Ji'a afurtu hafa; woliin jettanii mii ree?› Ani isinitti himaa, ija keessan ol kaasaa, midhaan amma gayee akka daalachate maasaa achi laalaa'a. 36Namni haamu gatii argata; ka facaasuu fi ka haamullee akka woliin gammadan jireenna bara baraatiifillee daraaraa wolitti qabata. 37‹Tokko hin facaasa, tokko ammoo hin haama› jechi jedhu kanaan dhugaa ta'eera. 38Anillee waan isin itti hin dadhabne akka haamtaniif isin erge, kuuwwan itti dadhaban, isin ammo dadhabbii isaanii keessaa faayidaa argattan» isaaniin jedhe.
39Dubartittiin, «Ka waan ani godhe maraa natti hime» jettee waan ragaa isaa baateef namoonni qachaa Samaariya'aa hedduun isaanii itti amanan. 40Namoonni Samaariya'aallee gara isaa hennaa dhufan, akka inni isaan woliin jiraatuuf kadhataniin. Innillee haga guyyaa lamaa achi oole. 41Sababa dubbii isaatiif namoonni hedduun ka duraa caalaa isatti amanan. 42Isaanillee dubartii saniin, «Amma nu wonti isatti amannuuf, waan ati jetteefii miti, nu'uu waan isa dhageenneef, innillee dhugamaan Kiristoos qoricha adunya'aa akka ta'e hin beenna» jedhan.
Yesuus Ilma Namicha Muudamaa Tokkoo Fayyise
43Guyyaa lamaan maayii, achii bayee gara Galiila'aa deeme. 44Inninuu, «Raanni biyya ufiititti akka hin kabajjamne» dubbateera. 45Haata'uu ammo hennaa inni Galiilaa gaye; worri Galiila'aa haala misha'aan isa simatan. Kunillee wonti ta'eef ayyaana Faasika'aatiif gara Yeruusaalemii dhaqanii hennaa achi turan san waan inni achitti godhe mara waan arganiiraniif. 46Yesuus deebi'ee, gara Qaanaa Galiila'aa hulee bisaan gara daadhii woyinii itti jijjiiree san dhaqe. Qifirinaahomittillee bulchaa mana mooti'ii keessaa, ka mucaan isaa jalaa dhibame tokkotu jira. 47Innillee Yesuus Yihuuda'aa gara Galiila'aa akka dhufe dhagayee, mucaan isaa dhibamee waan lubbameeruuf, gara isaa dhaqee akka isaa fayyisuuf kadhateen. 48Kanaafuu Yesuus, «Malkataa fi maalalee yoo argitan malee sirima hin amantan» jedheen. 49Bulchaanillee, «Gooftaa kiyya, daa'imni kiyya uduu na jalaa hin duune naa dhaqqabi» jedheen.
50Yesuusillee, «Deemi; mucaan kee fayyeera!» jedheen.
Namichillee dubbii Yesuus itti hime amanee deeme. 51Innillee uduu gala'aaru hojjattoonni isaa isa arganii, daa'imni bee hin fayyee jedhanii itti himan. 52Innillee hennaa inni itti woyyate jara gaafate. Isaanillee, «Kaleessa sa'aatii torbatti oo'i dhiiseen» jedhaniin. 53Abbaanillee, Yesuus, «Mucaan kee fayyeera» hennaan jedheen sa'aatii san akka ta'e qaabate. Kanaafuu innillee maatii ufii maraa woliin amane. 54Kunillee akkasuma Yesuus Yihuuda'aa gara Galiila'aa haga dhufeen maayessa, kana woliin maalalee lammaffa'aa hojjate.

Pati Souliye

Pataje

Kopye

None

Ou vle gen souliye ou yo sere sou tout aparèy ou yo? Enskri oswa konekte