Huji Ergamtoota 25
25
Akka Phaawulos Fesxoo Duraatti Dhi'aate
1Fisxoos eegii guyyaa sadii lafa sun keessa taa'ee, Qiisaariyaa ka'ee Yerusaalem dhaqe. 2Qaallolee gugurdoo fi Yihudiin akka Fesxoos warra qarqaaruuf isaatti dhi'aattee waan Phaawulos itti haasooftee, 3“Wal mari'aattee isa ijjeessuuf karaa irratti dhokattee, Phaawulos Yerusaalemitti nuu ergi!” jettee isa kadhatte. 4Fesxoos ammoo deebisee, “Phaawulos Qiisaariyaa keessatti hidhanii eeguu jiran, anilleen dhiyoottuu achi dhaqa. 5Isan yo dandeettan, yo innii hammeenna tolche; akka nama kana himattan, na waliin koottaa” jedhe.
6Jennaan Fesxoos guyyaa saddeet yokaan kudhan warra waliin bulee Qiisaariyaatti gadbu'ee, boriyyaa barcumaa abbaa qorsummaa irra taa'ee “Phaawulos yaamaa” jedhe. 7Akkuma Phaawulos dhufeen, Yihudiin Yerusaalemii dhuftee isa bira ejjaajjitee waan jabduu hedduun Phaawulos himattee, ammoo waan tokkoollee ka dhugaa fakaataa dhaban. 8Phaawulos ammoo, “Anin seera warra Yihudii irratti, Mana Waaqatii fi hayyuu Roomaa irraalleetti waan walaalaa tokkoollee hin hojjanne” jedhee falmate. 9Fesxoos ammoo Yihudii gammachiisuu fedhee Phaawulosiin, “Akka Yerusaalemiitti ol baatee achiitti ani dubbii tantee qoru feetaa?” jedhe. 10Phaawulos ammoo, “Ammumaayyuu anin barcumaa murtii ka hayyuu Roomaa dura ejjuu jira, fulaan tun fulaa itti na qoruu malan. Akkuma atuu beettuu anin Yihudii duraa homaa hin yakkine. 11Anin yo wallaala qabaadhee yokaan yo waan du'uu maleef tolchee, du'a hindidu. Ammoo yo wantii na himataniif kunin hinjirree, namii tokkoolleen danda'ee harka warraatti na hinkennu. Anin hayyuu Roomaa inkadhadhaa” jedhe. 12Fesxoosis warra kora isa waliin taa'uun mari'aatee jennaan, “ ‘Atin ya dubbii tiyya hayyuu Roomaatiin naa gaha’ jettee, fulaa isaa inuma deemta” jedhaniin.
Akka Fesxoosii Fi Agriiphaan Dubbii Phaawulos Dubbatte
13Adoo haguu hin turin Agriiphaa hayyichaa fi Berniiqeen obboleetiin isaa, Fesxoos nagaa fuudhuuf Qiisaariyaa dhufan. 14Eegii warrii guyyaa hedduu ach taa'e, Fesxoos waan Phaawulos Agriiphaa hayyiachaatti haasa'ee, “Namicha tokkotti ka Feeliks hidhaansa keessatti lakkise arma jira. 15Gaafa anin Yerusaalem jiruu, qaallolee gugurdoo fi jaarroleen Yihudii akka isa himattee wallaala itti muran waan isaa na gaafatte. 16Anin ammoo deebiseefii, ‘Akkii adoo nama himatanii fi warrii isa himatu walti dhufee, innii waan himatan sun hinfalmatin dabarsanii kennuun aadaa warra Roomaatiin’ jedhe. 17Warrii arma waliin dhumnaan, anin diqqumaallee hinturee, boriyyaa barcumaa murtii irra taa'ee, nama sun nattiin koottaa” jedhee ajaje. 18Warrii isa himatu ammoo dubbachuuf ol ejaajjinaan, akka anin qara sehe waan hamtuu homaa isa hinhimanne. 19Wantii warrii walmormu waan dhugeeffachaa warraatii fi waan namicha Yesus jedhanii ka du'e tokko ka Phaawulos ammoo, “Innii injira” jedhuu. 20Anin marroo dubbii akkanaa tana hinbeeneef, akka Phaawulos Yerusaalem dhaqee, achiitti murtii dubbii tanaa argachuu fedhu isa gaafadhe. 21Phaawulos ammoo, “Anin kora hayyuu Roomaa eegadha” jedhee gaafanaan anin, “Haga hayyuu Roomaatii isa erguutti isa inqorqoradha” jedheen. 22Jennaan Agriiphan Fesxoosiin, “Anin silaa ufiifuu dubbii nama kanaa dhaga'uu fedha” jedhe; Fesxoos ammoo deebisee, “Bor isa irraa indhageetta” jedheen.
23Boriyyaa Agriiphaa fi Berniiqeen wayaa hayyumaa naqatanii ulfinna guddaan ajjajaa warraanaatii fi jara gugurdaa dira sunii waliin fulaa dubbii itti qoran olduudanii jennaan, Fesxoos nama ergee, “Phaawulos yaamaa gadiin koottaa!” jedhe. 24Fesxoos, “Hayyuu Agriiphaa fi warra ardha arma nu waliin jirtan cufa, isan nama kana ka gumiin Yihudii cuftii Yerusaalemii fi armaallee natti dhuftee, ‘Innii jiraachuu hinmalle’ jettee iyyite ingartan. 25Anin ammoo waan innii du'uu maleef tokkoollee hinargine, ammallee marroo innii akka gara hayyuu Roomaa dhaqu kadhateefii, anin ya akka isa ergu buufadhe. 26Anin ammoo waan gara hayyuu guddaa barreessu hinqabu; tanaaf anin fuula keessan duraan, keessumatti ee Agriiphaa hayyichaa fuula kee duraan isa dhufe; akka eegii nu silaa isa qorree, anin waan barreessu argadhu. 27Akki nama hidhaansa keessa jiru tokko adoo waan himataniif hinbeessisin gara hayyuu ergan fulaaniti” jedhe.
Currently Selected:
Huji Ergamtoota 25: KakHaa
Highlight
Share
Copy
Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in