YouVersion Logo
Search Icon

Huji Ergamtoota 24

24
Akka Yihudiin Phaawulos Himatte
1Guyyaa shaniin duuba Ananiiyaas Qaallichii guddaan, jaarrolee fi nama seera beeku tokko ka Xerxilos jedhan walin Phaawulos himachuu gara Qiisaariyaa dhufe. Duuba waan Phaawulos himataniif jaallabdichaatti haasa'an. 2Phaawulos yaamanii jennaan Xerxilos isa himachuu jalqabee, “Ee Feeliks guddaa, waan marroo tanteetiif nagaa guddaa dansaa keessa teennuuf, ammallee waan marroo qarqaarsa keetitiif hujii dansaa gosa tanaa tolchaniif, 3nu guyyaa cufa fulaa cufaatti waan waan kana arganneef galata sii deebimna. 4Dubbii dheertuun si gaargalchuu hinfedhuu, ammoo, si kadhadhaa, dubbii teenna diqqoo tana obsaan nuu dhagayi. 5Nu nama kana ka nama gaargalchu argine; innii fulaa deemu cufaatti Yihudii yakka; innii guddaa warra Naazireet ka dharaan Yesusitti dhugeeffate. 6Ammallee innii mana Waaqaallee xureesuu feenaan nu akkuma aadaa teennaa gula isaatti qoruu feennee qamne. 7Guddaan keenna Liisiiyaas ammoo dhufee irree guddoon harkaa nu fuudhe. 8Eegee ammoo warrii Phaaulos himatuu cuftii akka fuula kankee dura dhufu ajaje atuuyyuu ufuumaa qortee, waan nu namcha kana himanuu cufaa isa irraa dhaga'uu indandeetta” jedhe. 9Warrii Yihudii cuftii walii galee, “Wantii kun akkuma innii amma dubbate kana” jedhe.
Akka Phaawulos Feeliks Duraatti Ufii Dubbatte
10Jaallabdichii harka Phaawulosiitti qabee, “Dubbadhu” jedheen. Phaawulos ammoo, “Akka atin ganna hedduu dubbii lafa tanaa qorte inbeeka, tanaaf fuula kankee duraatti ufii dubbachuuf hingammada. 11Haga anin Waaqaa kadhachuu Yerusaalem dhaqee, guyyaa kudhanii lammaa hincaalu, atuu yo biyya gaafatte hindhageeta. 12Yihudiin anaa mana waldeennaa, Mana Waaqaatii fi dira keessaalleetti nama tokkoleen wa mormu yokaan anaa biyya walti baasuullee hingarre. 13Waan na himatan kana tokkoollee dhugaa itti hinqaban. 14Ammoo waan tokko si duraatti fudhadha; anin Waaqaa ababoota teennaa karaa warrii, ‘Dhara’ jedhuun sun gula kadhadha. Anin waan seera Muuseetii fi kitaaba raagootaa keessatti barreessan cufa indhugeeffadha. 15Akka nama hamaa fi dansaallee cufa du'a keessa kaasan, akkuma warrii Waaqaa abdatuu, anilleen abdadha. 16Tanaaf anin guyyaa cufa Waaqaa fi nama duraalleetti akka wallaala malee deemuu fi dhowwa.”
17“Ganna hedduu Yerusaalem irraa taa'ee jennaan gosa tiyyaa horii kennuuf, sooriyoo Waaqaa baasuu dhufe. 18#Huji. 21:17-18 Yihudiin lafa Asiyaa keessaa dhufte tokko anaa aadaa qulqullummaa hobbaafadhe Mana Waaqaa keessatti na argite malee, goohantiilleen hinjirtu. 19Yo sun ammoo Yihudiin lafa Asiyaa tokko achi jirti, warrii yo waan na himatuuf qabaatee si dura ejjaajjee na himachuu male. 20Yokaan gaafa gumii koraa dura ejjee dubbadhe, wallaalii narraatti argan yo jiraatee, warrii amma asi jiru kuniiyyuu ha himuutii. 21#Huji. 23:6 Yokaan dubbiin tokkottin anin warra duraatti olka'ee qoonqoo olfudhadhee, ‘Wantii naqoraniif marroo anin ka'iisa nama du'ee dhugeeffadhuuf’ jedhe, sun wallaala natti taatii?” jedhe. 22Jennaan Feelikos, ka waan Karaa kanaa akka dansaa beekuu, “Yo guddaan warra waraanaa ka Liisiiyaas jedhan dhufee, dubbii teessan kora baasee anin in laala” jedhe. 23Jennaan nama guddaa waraanaa tokko ka Phaawulos eeguunii, “Akka dansaa eegii ammoo hinhidhin, akka jaallaan isaa waan innii fedhu kennituufiillee hindhowwin!” jedhe.
Akka Phaawulos Eegan
24Bultii diqqoo tokkoon duubaatti Feeliks, niitii ufii Drusilaa ta gosa Yihudii waliin dhufee, Phaawulos yaamee, “Waan dhugeeffachaa Yesus Kiristootti dhugeeffatanii natti himi” jedhee, isa caqase. 25Adoo Phaawulos taa'ee waan qajeelummaa, ka obsaatii fi ka murtii hegerii dhuftuu dubbatuu, Feeliks sodaatee, “Amma been, yo isiin naa fuute si yaamaa” jedheen. 26Innii waan Phaawulos beessee isaa kennu sehee, tanaaf marroo hedduu isa yaamee haasa'een. 27Ganna lamaan duubaatti Phorkii'os Fesxoos hujii Feeliks irraa fuudhe. Duuba Feeliks akka Yihudii gammachiisu Phaawulos hidhaansa keessatti lakkise.

Currently Selected:

Huji Ergamtoota 24: KakHaa

Highlight

Share

Copy

None

Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in