Oduu Nagayaa Ka Yohaannisii 8
8
Dubartiin Seebartu Qabamte
1 #
Luq. 21:37-38
Yesuus ammoo gara gaara ejersaa dhaqe. 2#Mat. 26:55 Ganamallee akkasuma gara mana woyyu'uu dhufe; baniin maruu gara isaa dhufan; innillee taa'ee isaan barsiise. 3Barsiisonninii fi Fariisonni dubartii seebaru'uun qabamte takka gara isaa fidan, isii wodhakkaa dhaabsisanii, 4Yesuusiin, «Barsiisaa'a, dubartiin ta seebartu kanaaf qabnee sitti finne. 5#Seera Leewwotaa 20:10; Seera Keessa deebi'ii 22:22-24 Muuseen ta akkanaa tanniin akka tumaman seeraan nu ajajeera, ati hoo waan isi'ii maal jetta?» jedhaniin. 6#Mat. 22:15; Luq. 10:25; 11:53-54 Isaanillee waan isa ittiin himatan argatu'uuf isa qoru'uuf kana jedhan. Yesuus ammoo gad jedhee quba ufiitiin lafa irratti barreesse. 7#Seera Keessa deebi'ii 17:7; Rom. 2:1 Deddeebi'anii hennaa gaafataniin ammoo ol jedhee, «Isin keessaa ka cubbuu hin qabne firrisee dhaga'aan isii haa dhayuu» isaaniin jedhe. 8Ammalee gad jedhee quba ufiitiin lafa irratti barreesse. 9#Mat. 22:22; Rom. 2:22 Isaannillee hennaa kana dhagayan, manguddoota irraa jalqabanii, isaan martinuu tokko tokkoon bayanii isa biraa lixan. Yesuus dubartii jidduu isaanii dhabattee turte woliin hojja ufii hafe. 10Yesuusillee ol jedhee dubartii sanii achitti eennuunillee haga dhabe, «Dubartii nana jarri si himatan sunniin meeti? worri sitti murteesse hin jiruu?» isi'iin jedhe.
11 #
3:17; 5:14 Isiinillee, «Gooftaa'a, eennullee hin jiru» jette. Yesuusillee, «Anillee sitti hin murteessu. Deemi; ammaa achi cubbuu hin hojjatin» jedheen.
Yesuus Ifa Adunya'aa Ti
12 #
Isaayyaasii Raatticha 49:6; 60:1; Yoh. 1:4, 5, 9; 9:5; 12:46; Mat. 5:14 Ammallee Yesuus, «Ani ifa adunya'aati, ka na faana deeme, ifa jireennaatitu ta'aaf malee, dukkana keessa hin jiraatu» jedhee isaanitti dubbate. 13#5:31 Fariisonnillee, «Ati waan kee radda, ragaan kee dhuga'aa miti» jedhaniin.
14 #
7:28, 33; 9:29; 13:3; 16:28 Yesuusillee deebisee akkana isaaniin jedhe, «Ani yoo waan kiyyallee rage, eessaa akka dhufee fi eessa akka deemu waan beekuuf, ragaan kiyya dhuga'a. Isin ammoo eessaa akka dhufee fi eessa akka deemu hin beettan. 15#Saamu'eelii 1ffaa 16:7; Yoh. 7:24; 12:47 Isin yaada namumma'aatiin murteessitan; Ani nama tokkottillee hin murteessu. 16#5:30; 8:29 Aabbaan na erge na woliin jira; hojja kiyya waan hin jirreef, Ani yoo murteesse murtiin kiyya dhuga'a. 17#Seera Keessa deebi'ii 17:6; 19:15 Murtiin namoota lamaa, dhugaa akka ta'e seera keessan keessatti barreeffameera. 18#5:37; Yoh. 1ffaa 5:9 Waan kiyya ka ragu ana, Aabbaan na ergellee waan kiyya raga.» 19#14:7; 16:3 Eegasuu, «Abbaan kee eessa jira?» jedhaniin. Yesuusillee deebisee, «Anallee yookiin Abbaa kiyyallee hin beettan, ana uduu beettanii Abbaa kiyyallee silaa hin beettan» isaaniin jedhe. 20#7:30; Mar. 12:41; Luq. 21:1 Yesuusillee uduu mana woyyu'uu keessatti barsiisu, mana qabeennaa biratti kana dubbate, yoo san hennaan waan hin geenneef eennullee isa hin qabne.
Hulee Ani Dhaqu Isin Dhaquu Hin Dandeettan
21 #
8:24; 7:34; 13:33 Yesuus ammallee, «Ani hin deema; isinillee na soxxan, cubbuu keessaniin duutan; gara ani dhaqu isin dhufuu hin dandeettan» isaaniin jedhe.
22 #
7:35
Yihuudonnillee, « ‹Gara ani dhaqu isin dhufuu hin dandeettan› jechuun isaa uf ajjeesaa laata?» hin beennu jedhan. 23#3:31; 17:16 «Isin ka gadiiti; ani ammoo ka oliiti, isin worra adunyaa tanaati, ani garuu ka adunyaa kanaatii miti.» 24#4:26; 13:19 Eegasuu, «Isin cubbuu keessaniin duutan isiniin jedha. Ani akka ‹Ana› ta'e yoo amanuu dhabatan cubbuu keessaniin duutan» isaaniin jedhe. 25Eeganaa, «Ati eennu?» jedhaniin. Yesuusillee, «Ani isuma duratti isinitti dubbadhe san. 26#3:32-33; 7:28; 12:49 Ani waan keessan waan dubbadhuuf waan murteessu waan hedduu qaba. Haata'uu ammoo ka na erge ka dhuga'aati; anillee ka isa irraa dhagaye kana adunya'atti dubbadha» isaaniin jedhe. 27Waan Aabbaa akka isaanitti hime isaan hin hubanne. 28#3:14; 12:32; 5:19 Kanaaf Yesuus, «Hennaa Ilma Namaa ol ol qabdan, akka ani isa ta'e akka Abbaan kiyya na barsiisee kana akka dubbadhuuf malee, ani ufumaan waan tokkollee akka hin goone hennaa san beettan. 29#8:16; 16:32 Ka na erge na woliin jira. Ani hennaa maraa waan isa gammachiisu waan hojjadhuuf, Aabbaan hojja kiyya na hin dhiisu» isaaniin jedhe. 30#2:23; 7:31; 10:42; 11:45 Hennaa inni kana dubbate heddu isaanii isatti amanan.
Dhugaan Bilisa Isin Baafti
31-32 #
15:7
Yesuusillee Yihuudota isatti amananiin, «Isin yoo dubbii kiyyaan jiraattan, isin dhugamaan darasoota tiyya, dhugaallee hin beettan dhugaanillee bilisa isin baasa» isaaniin jedhe. 33#8:39; Mat. 3:9; Luq. 3:8; Kitaaba Nahimiya'aa 9:36 Isaanillee deebisanii, «Nu fiixaa Abrahaamii ti; garuu nu hennaa kamiinillee garbicha hin taane, Ati, ‹Bilisa baatan› attamitti nuun jetta?» jedhaniin. 34#Rom. 6:16, 20; Phex. 2ffaa 2:19; Yoh. 1ffaa 3:8 Yesuusillee deebisee akkana isaaniin jedhe, «Dhugama dhuga'aatiin isiniin jedha; ka cubbuu hojjatu maruu garbicha cubbu'uuti. 35#Seera Uumamaa 21:10; Seera Bawu'uu 21:2; Gal. 4:30; Kitaaba Faarfanna'aa 23:6 Garbichillee baraa haga bara baraa mana keessa hin jiraatu. Ilmi ammoo haga bara baraa jiraata. 36#Rom. 6:18, 22; 8:2 Eeganaa Ilmi yoo bilisa isin baase, dhugamaan bilisa baatan. 37#5:18 Akka isin fiixaa Abrahaamii taatanillee ani hin beeka. Haata'uu ammoo jechi kiyya isin keessa waan hin jirreef na ajjeesuu barbaaddan. 38Ani waan Abbaa kiyya biratti arge dubbadha. Isinillee akkasuma waan abbaa keessan irraa dhageettan gootan. 39#8:33, 37; Mat. 3:9; Rom. 9:7; Gal. 3:7 Isaanillee deebisanii Abbaan keennallee Abrahaam jedhaniin. Yesuusillee, uduu ijoollee Abrahaamii taatanii hujii Abrahaamii hojjattan. 40Haata'uu ammoo amma Ana nama dhuga'aa Rabbiin irraa dhagayee isinitti himu ajjeesuu barbaaddan. Abrahaam ammoo waan akkanaa hin goone. 41#Seera Keessa deebi'ii 32:6; Isaayyaasii Raatticha 63:16; 64:8 Isin hujii Abbaa keessanii hojjattan» isaaniin jedhe. «Nu ammoo ta seebartu irraa hin dhalanne, Abbaa tokko qabna; Innillee Rabbi» jedhaniin. 42#7:28; 16:27-28; 17:8; Yoh. 1ffaa 5:1 Yesuusillee akkana isaaniin jedhe, «Rabbi Abbaa keessan uduu ta'ee silaa na jaalattan. Ani Rabbiin biraa bayee waan dhufeef, isatu na erge malee, ani ufiin hin dhufne. 43#6:60; Qor. 1ffaa 2:14 Isin maaliif dubbii kiyya hin qalbifanne? Dubbii kiyya dhagayuu waan hin dandeenneef 44#Seera Uumamaa 3:1-5; Yoh. 1ffaa 3:8-10 Isin ka daabiloosii abbaa keessaniiti. Hawwii abbaa keessanii hojjatuu feetan inni jalqabumaa kaasee lubbuu balleessa. Dhugaan waan isa bira hin jirreef dhuga'aan hin dhaabbanne, soballee yoo dubbatu ufuma irraa dubbata. Sobaa abbaa sobaa waan ta'eef. 45Ani ammoo waan dhugaa dubbadhuuf na hin amantan. 46#Qor. 2ffaa 5:21; Phex. 1ffaa 2:22; Yoh. 1ffaa 3:5 Isin keessaa waan cubbu'uutiif ka na himatu eennu? Yoo ka dhugaa dubadhu ta'e, isin maaf na hin amanne? 47#18:37; Yoh. 1ffaa 4:6 Ka Rabbiin irraa ta'e, dubbii Rabbii dhagaya; isin worra Rabbii waan hin taaneef, hin dhageettan.»
Yesuus Abrahaamiin Dura Ture
48 #
7:20; Mar. 3:21-22 Yihuudonni deebisanii, «Ati nama Samaariya'aa akka taate; jinniin si keessa jira jechuun keenna mishaa jennee mii?» jedhaniin. 49Yesuusillee deebisee akkana jedhe, jinniin na keessa hin jiru, Ani Abbaa kiyya hin kabbajja. Isin ammoo na salphiftan. 50#5:41; 7:18 Ani ammoo kabajjamuu hin barbaadu. Ka kabajjamuu kiyya barbaaduu fi ka murteessullee ka biraa hin jira. 51#5:24; 6:40, 47; 11:25-26; Ibr. 11:5 Dhugama dhuga'aatiin isiniin jedha ka dubbii kiyya eegu yoo jiraate baraa haga bara baraa du'a hin argu. 52#Zakkaariyaasii Raatticha 1:5; Mar. 9:1 Yihuudonni isaan, «Jinniin akka si keessa jiru amma beenne. Abrahaamilee du'eera, raattonnillee atillee hin duuta. ‹Ka dubbii kiyya eegu yoo jiraate baraa haga bara baraa hin du'u› jetta. 53#4:12; Mat. 12:41-42 Sirimaa ati abbaa keenna ka du'e Abrahaamiin caaltaa? Raattoonillee du'aniiran. Eennuun ta'u'uuf taata ree?» jedhaniin. 54Yesuusillee deebisee akkana jedhe, «Ani yoo uf kabajje, kabajjaan kiyya duwwa'a. Ka na kabajju ka isin Rabbii keenna jettan Abbaa kiyya san. 55#7:28-29; Mat. 11:27; Luq. 10:22 Isin isa hin beenne; ani ammoo hin beekaani, ani isa hin beeku uduu jedhee akkuma keessan sobaa ta'a. Haata'uu ammoo ani hin beekaan, dubbii isaallee hin eega. 56#Ibr. 11:13; Phex. 1ffaa 1:8 Abbaan keessan Abrahaam guyyaa kiyya argu'uuf gammade. Hin arge hin gammadelle'e» 57#Luq. 3:23 Yihuudonni, «Ati woggaa shantamaatuu uduu hin guunne, Abrahaamiin argiteertaa?» jedhaniin. 58#1:1-2 Yesuusillee, «Dhugama dhuga'aatiin isiniin jedha, uduu Abrahaam hin dhalatiin, ani hin jira» isaaniin jedhe. 59#10:31; 11:8; Mat. 23:37 Kanaafuu isaanillee isa tumu'uuf dhagaa itti fudhatan, Yesuus ammoo isaan jalaa uf dhossee isaan jidduu lufee mana woyyu'uu bayee deeme.
Dewis Presennol:
Oduu Nagayaa Ka Yohaannisii 8: WLNT
Uwcholeuo
Rhanna
Copi
Eisiau i'th uchafbwyntiau gael eu cadw ar draws dy holl ddyfeisiau? Cofrestra neu mewngofnoda
Arsi-Bale Oromo New Testament, Literal Type Translation © Light of Hope Ministry, 2013.