Logo YouVersion
Eicon Chwilio

Oduu Nagayaa Ka Yohaannisii 6

6
Yesuus Nama Kuma Shanii Nyaachise
(Mat. 14:13-21; Mar. 6:30-44; Luq. 9:10-17)
1Achiin maayessa Yesuus gara galaana Xibiriyaadoos jedhamuu ka Galiilaa gamaa ceeye. 2Maalalee dhibamtoota irratti inni godhe waan arganiif baniin hedduu isa faana deeme. 3Yesuusillee gara gaaraa ol bayee darasoota ufii woliin achi taa'e. 4Hennaa san Faasikaan Yihuudotaa dhiyaatee ture. 5Yesuus ijaan ol jedhee baniin hedduu gara isaa uduu dhufu argee, Filiphoosiin, «Xoroshoo#6:5 Xoroshoo: budeena namoonni kunniin nyaatan eessaa binnaaf?» jedheen. 6Inninuu waan godhu'uuf ta'u waan beekuuf, waan inni godhu laalu'uuf kana jedhe. 7Filiphoos isaan martinuu diqqo diqqoo akka afaaniin qaban uduu binnee, «Xoroshoon saantibii dhibba lamaatuu hin gayuuf» jedhee deebiseef.
8Darasoota keessaa tokko obboleessi Simi'oon Pheexroos Indiriyaas, 9«Mucaan xoroshoo garbuu shanii fi qurxumii lamaan qabateeru tokko asi jira jedhe. Haata'uu ammoo namoota haganaa maraaf hin gayu» jedheen.
10Yesuusillee, «Namoota akka taa'an godhaa'a» jedhe. Hulee san marga gudda'atu jira. Worri dhiiraa ka taa'an laakkofsi isaanii haga kuma shanii gaya. 11Yesuusillee xoroshoo ol fuudhee galateeffatee, darasootatitti kenne. Darasoonnillee worra taa'aniif kennan. Akkasuma qurxummiillee haga isaan barbaadan hireef. 12Innillee haga quufaniin maayii darasootaan, «Wonti tokko uduu hin hafin hambaa hafe marumaa wolitti qabaa'a» isaaniin jedhe. 13Kanaafuu wolitti qaban. Xoroshoo#6:13 Xoroshoo: budeena garbu'uu shanan nyaatan keessaa hambaan hafe gindoo kudha lamaa guutan.
14Sababa Kanaaf namoonni maalalee Yesuus godhe haga arganiin maayii, «Kun dhugama raaga gara adunyaa kanaa dhufe!» jedhan. 15Sababa kanaaf Yesuus, akka isaan hunnaan isa qabanii, mootii isa godhachu'uuf itti dhufa'aaran beekeeti hojja ufii gara gaaraa ol baye.
Yesuus Galaana Irra Deeme
(Mat. 14:22-33; Mar. 6:45-52)
16Hennaa dhiye darasoonni gara galaanaa gad bu'anii yabala keessa seenanii gara gama Qifirnaahomii uduu dhaqa'aaran, 17Lafti dukkanaaye. Yesuusillee haga hennaa sanii gara isaanii hin dhufne. 18Bubbeen jabaan waan guddisee bubbiseef galaanni raafame. 19Haga meetira diddamii shanii yookiin soddomaa haga keessa deemaniin maayii, Yesuus galaana irra deema'aa gara yabala isaanii hennaa dhiyaate arganii isa sodaatan. 20Inni ammoo, «Anaa hin sodaatinaa'a!» isaaniin jedhe. 21Kanaaf yabala isaaniitiin isa fudhachuu barbaadan. Yoma san yaballi isaaniillee gara lafa qarqara bisaanii geette.
Baniin Yesuusiin Barbaaddan
22Baniin haga lafti bari'e galaana gama dhaabatanii turan. Yabala takkatti'ii achi Yaballi biraa akka achi hin jirree fi darasoonni isaallee ufumatti waan deema'aaraniif, Yesuus darasoota woliin gara yabalaa akka hin seenne argan. 23Haata'uu ammoo Yaballan biraa gara hulee Gooftaan buddeena itti eebbisee nyaatan san gara Xibiriyaadosii dhufan. 24Baniinillee Yesuus yookiin darasoonni achi akka hin jirre haga argan, ufumaa yabala keessa seenanii Yesuusiin soqa'aa gara Qifirinaahoomii dhaqan.
Yesuus Nyaata Jireennaa ti
25Isaanillee galaana gamatti hennaa isa argan «Barsiisaa'a, yoomiin garana dhufte?» jedhaniin.
26Yesuus deebisee, «Ani dhugama dhuga'aatiin isiniin jedha, wonti na barbaaddaniif waan buddeena nyaattanii quuftaniif malee, maalalee waan argitaniifii miti. 27Nyaata baduuf hin hojjatinaa'a. Haata'uu ammoo nyaata jireenna bara baraa ka Ilmi Namaa isinii kennuuf hujaa'a, isa san Rabbi Aabbaan chaapaa ufii waan irra kaayeef.»
28Eeganaa, «Hujii Rabbii hojjachu'uuf maal haa goonnu?» jedhaniin.
29Yesuus deebisee, «Hujiin Rabbii kun, ka inni ergetti akka amantaniif» isaaniin jedhe.
30Eeganaa, «Arginee akka amannuuf maalaleeni ati gootu maali'i? Maal hojjattalle'e? 31‹Akka nyaataniif samii irraa xoroshoo#6:31 xoroshoo: Buddeena kenneeraaf› jedhamee akkuma barreeffame, Abboonni teenna lafa udume'eetitti nyaata sami'ii#6:31 nyaata sami'ii: mannaa nyaatan jedhaniin. 32Yesuusillee, «Ani dhugama dhuga'aatiin isiniin jedha! xoroshoo dhuga'aa samii irraa ka isinii kennu Abbaa kiyya malee, Muuse'ee miti. 33Xoroshoon Rabbii ka sami'ii bu'u ka adunya'aaf jireenna kennu» isaaniin jedhe.
34Kanaafuu, «Gooftaa'a, nyaata kana hennaa maraa nuu kenni» jedhaniin.
35Yesuusillee akkana isaaniin jedhe, «Xoroshoon#6:35 Xoroshoo: Buddeenni jireennaa Ana; ka gara kiyya dhufu horomaa hin beelawu, kanatti amanu hennaa maraa horomaa hin dheebotu. 36Haata'uu ammoo na argitanii waan hin amanneef kana isiniin jedhe. 37Ka Aabba naa kennu maruu gara kiyya dhufa. Anillee gara kiyya ka dhufu maraa sirimaa gara diidaa hin baasu. 38Sami'ii wonti bu'eef, fedha kiyya hojjatu'uuf uduu hin taane, fedha ka na ergee raawwatu'uuf. 39Fedhiin ka na ergee, worra inni naa kenne maraa keessaa tokkochallee akka hin balleessine guyyaa dhumaa akka isa kaasuuf. 40Namni Ilma isaa argee itti amanu maruu jireenna bara baraa haa argatuuf fedhiin abbaa kiyyaa kana. Anillee guyyaa dhumaa san hin kaasaan. 41Eeganaa Yihuudonni, «Xoroshoon sami'ii bu'e ana» waan jedheef isatti guunguman. 42«Kun Yesuusii ilma Yooseefii ka haadhaa fi abbaa isaa beennu mii? Eeganaa attamitti, ‹Sami'ii bu'e› jedha ree?» jedhan.
43Yesuus deebisee akkana isaaniin jedhe, «Ufii wolitti hin gururi'inaa'a. 44Abbaan na erge yoo ufitti waame malee, ka gara kiyya dhufuu danda'u hin jiru. Anillee guyyaa dhumaa san isa kaasa. 45Isaan martinuu worra Rabbiin irraa baratan ta'an jedhamee raattotaan barreeffameera. Eeganaa ka Abbaa irraa dhagayeef ka barate maruu gara kiyya dhufa. 46Namni Aabbaan arge eennullee hin jiru. Ka Rabbiin biraa dhufetu Aabbaan arge malee, 47Dhugama dhuga'aatiin isiniin jedha, ka natti amane jireenna bara baraa qaba. 48Nyaanni jireennaa ana. 49Abbootiin teessan lafa udume'ee keessatti nyaata mannaa jedhamu nyaatan; haata'uu ammo hin du'an. 50Namni isa irraa nyaate akka hin duune, buddeenni amma sami'ii bu'e kana. 51Nyaanni sami'ii bu'e jiraataan Ana. Namni buddeena kana irraa yoo nyaate, bara baraan jiraata. Anillee nyaanni jireenna adunya'aaf kennu foon kiyya» isaaniin jedhe.
52Eeganaa Yihuudonni, «Namni kun attamitti foon isaa haa nyaannu'uuf nuu kennuu danda'a?» jedhanii wol morman.
53Kanaafuu Yesuus akkana isaaniin jedhe, «Ani dhugama dhuga'aatiin isiniin jedha, foon Ilma Rabbii yoo nyaattaniif, dhiiga isaallee yoo dhuguu dhabaattan, ufitti jireenna bara baraa hin qabdan. 54Ka foon kiyya nyaatuu fi ka dhiiga kiyyallee dhugu jireenna bara baraa qaba. Anillee guyyaa dhumaa du'aa isa kaasa. 55Foon kiyya nyaata dhuga'aati, dhiinni kiyyallee dhuddoo dhuga'aa waan ta'eef. 56Ka foon kiyya nyaatee fi dhiiga kiyyallee ka dhuge na keessa jiraata; Anillee isa keessa jiraadha. 57Akkuma Aabbaan jiraataan na erge, anillee sababaa Abbaa kiyyaatiin jiraataa akkuma ta'u, akkasuma ka na nyaatullee sababaa kiyyaan jiraataa ta'a. 58Nyaanni samii irraa bu'e kana. Akka Abbootiin teessan nyaata sami'ii ka mannaa jedhamu nyaatanii du'anii miti. Nyaata kana ka nyaate haga bara baraa jiraata. 59Waan kana mana sagada Yihuudotaa Qifirinaahoomitti uduu barsiisu jedhe.
Jecha Jireenna Bara Baraa
60Darasoota keessaa hedduun isaanii hennaa kana dhagayan, «Kun dubbii nama dhiphisuu, eentu isa dhagayu danda'a?» jedhan.
61Yesuus ammoo darasoonni waan kanaaf akka gururi'an garaa ufii keessatti beekee, akkana isaaniin jedhe, «Kun isin gufachiisaa? 62Eeganaa Ilmi Namaa gara hulee dura tureetitti hennaa ol bawu yoo argitan atta ta'ittu? 63Ka Jireenna namaa kennu Ayyaana Rabbiiti. Foon womaa hin fayyadu, dubbiin ani isinitti hime Ayyaana, jireennallee. 64Haata'uu ammo, isin keessaa worri hin amanne hin jiran» Yesuusillee worri hin amanne eennu fa'aa akka ta'an ka dabarsee isa kennullee eennuun akka ta'e durumaa waan beekuuf. 65Kanaaf isiniin jedhe, «Yoo Aabbaan irraa kennameef malee, ka gara kiyya dhufuu danda'u hin jiru» jedhe.
66Sababaa kanaaf darasoota keessaa heddu isaanii gara duubaa deebi'an; achiin maayessa isa woliin hin deemne. 67Yesuusillee darasoota kudha lamaaniin, «Isinillee ammo deebitanii deemuu barbaaddanii?» jedhe.
68Simi'oon Pheexroos, «Gooftaa kiyya, gara eennuu deemna? Ati dubbii jireenna bara baraa qabda. 69Nullee ati Kiristoos Ilma Rabbii jiraata'aa akka taate amanneerra; beenneerralle'e» jedhee deebiseef. 70Yesuusillee, «Ani kudha lamaan keessanii mii ka filadhe? isin keessaa tokko daabiloos» jedhee isaanii deebise. 71Waan kana Yihuudaa ilma Simoonii biyya ka Asiqorotu'uutiif dubbate. Inni kudha lamaan keessaa ta'ullee, ka Yesuusiin dabarsee kennu'uuf ta'u isa waan ta'eef.

Uwcholeuo

Rhanna

Copi

None

Eisiau i'th uchafbwyntiau gael eu cadw ar draws dy holl ddyfeisiau? Cofrestra neu mewngofnoda