Logo YouVersion
Ikona vyhledávání

Luqaas 20

20
Taayitaan Yesuus Gaaffii Uume
20:1‑8 kwf – Mat 21:23‑27; Mar 11:27‑33
1Gaaf tokko utuu Yesuus mana qulqullummaa keessatti namoota barsiisuu, utuu wangeelas lallabuu luboonni hangafoonnii fi barsiistonni seeraa maanguddoota wajjin gara isaa dhufan. 2Isaanis, “Ati akka taayitaa maaliitiin waan kana hojjettu nutti himi. Eenyutu taayitaa kana siif kenne” jedhan.
3Innis akkana jedhee deebise; “Anis gaaffii tokkon isin gaafadha. Isin immoo natti himaa: 4Cuuphaan Yohannis samii irraa dhufe moo nama biraa dhufe?”
5Isaanis waliin mariʼatanii akkana jedhan; “Yoo nu, ‘Samii irraa dhufe’ jenne inni immoo, ‘Isin maaliif isa hin amanin ree?’ jedhee nu gaafata. 6Yoo nu, ‘Nama biraa dhufe’ jenne garuu namoonni hundinuu akka Yohannis raajii taʼe waan amananiif dhagaadhaan nu tumu.”
7Kanaaf isaan, “Inni eessaa akka dhufe nu hin beeknu” jedhan.
8Yesuus immoo, “Anis taayitaa maaliitiin akkan waan kana hojjedhu isinitti hin himu” jedheen.
Fakkeenya Qottuuwwanii
20:9‑19 kwf – Mat 21:33‑46; Mar 12:1‑12
9Innis akkana jedhee fakkeenya kana namootatti himuu jalqabe; “Namichi tokko iddoo dhaabaa wayinii irra wayinii dhaabbatee, qonnaan bultootatti kiraa kennatee biyya fagoo dhaqee yeroo dheeraa ture. 10Innis yeroo midhaan walitti qabamutti akka isaan ija iddoo dhaabaa wayinii irraa waa kennaniif garbicha tokko qottuuwwan sanatti ergate. Qottuuwwan sun garuu tumanii harka duwwaa of irraa isa deebisan. 11Innis garbicha biraa ergate; isaan garuu isas tumanii, qaanessaniis harka duwwaa of irraa isa deebisan. 12Amma illee garbicha sadaffaa ergate; isaan immoo isas madeessanii gad isa darbatan.
13 “Ergasii abbichi iddoo dhaabaa wayinii, ‘Maal gochuu naa wayya? Kaʼeen ilma koo jaallatamaa itti erga; tarii isa ni kabaju taʼaatii’ jedhe.
14 “Qottoonni sun garuu yommuu isa arganitti, ‘Dhaaltuun isa kana; kottaa isa ajjeefnaa; dhaalli sun kan keenya taʼaatii’ jedhanii walii wajjin dudubbatan. 15Kanaafuu isaan iddoo dhaabaa wayinii keessaa gad baasanii isa ajjeesan.
“Egaa abbaan iddoo dhaabaa wayinii sanaa maal isaan godhinna laata? 16Inni dhufee qottuuwwan sana ni ajjeesa; iddoo dhaabaa wayinii sanas namoota biraatti kennata.”
Namoonnis yommuu waan kana dhagaʼanitti, “Waaqni waan kana hin fidin!” jedhan.
17Yesuusis isaan ilaalee, akkana jedhe; “Egaa inni,
“ ‘Dhagaan ijaartonni tuffatan
dhagaa golee taʼeera jedhamee barreeffame maal jechuu isaati ree’ # 20:17 Far 118:22 ?
18 Namni dhagaa sana irratti kufu hundinuu caccabee bututa; namni dhagichi irratti kufu kam iyyuu ni daakama.”
19Barsiistonni seeraatii fi luboonni hangafoonni akka inni fakkeenya kana isaaniin mormuun dubbate waan beekaniif yeruma sana isa qabuu barbaadan. Garuu namoota sana sodaatan.
Qeesaariif Gibira Kaffaluu
20:20‑26 kwf – Mat 22:15‑22; Mar 12:13‑17
20Jarris isa gaadaa, akka isaan waan inni dubbatuun isa qabanii dabarsanii humnaa fi taayitaa bulchaatti isa kennaniif jedhanii basaastota nama nagaa of fakkeessan ergan. 21Basaastonni sunis akkana jedhanii isa gaafatan; “Yaa Barsiisaa, nu akka ati waan qajeelaa dubbatuu fi waanuma qajeelaa barsiiftu, akkasumas akka ati dhugaadhaan karaa Waaqaa barsiisuu malee nama wal hin caalchifne beekna. 22Qeesaariif gibira kaffaluun eeyyamameera moo hin eeyyamamne?”#20:22 Qeesaariif gibira kaffaluun – Mootummaan Roomaa biyya isaanii qabachuu isaa Yihuudoonni hin beekan ture. Utuu Yesuus hin dhufin waggaa digdamii shaniin dura, sababii gibira kaffaluutiin mootummaa Roomaatti mormiin guddaan tokko kaʼee ture. Kanaaf gaaffiin kun gaaffii micciiramaa dha. Yesuus yoo kaffaltii gibiraa deeggare, fudhatama nama biratti qabu sana dhaba. Yoo kaffaltii gibiraa morme immoo dabarfamee abbootii aangoo mootummaatti kennama.
23Inni garuu haxxummaa isaanii argee akkana isaaniin jedhe; 24“Mee diinaarii tokko natti argisiisaa. Fakkii fi katabbii eenyuutu isa irra jira?”
Isaanis, “Kan Qeesaar” jedhanii deebisan.
25Kana irratti inni, “Yoos kan Qeesaar Qeesaariif, kan Waaqaa immoo Waaqaaf kennaa” jedheen.
26Isaanis waan inni dubbateen fuula namootaa duratti isa qabuu hin dandeenye. Deebii isaas dinqisiifatanii calʼisan.
Gaaffii Waaʼee Duʼaa Kaʼuu
20:27‑40 kwf – Mat 22:23‑33; Mar 12:18‑27
27Saduuqota duʼaa kaʼuun hin jiru jedhan keessaa tokko tokko waa gaafachuuf jedhanii gara Yesuus dhufan; 28akkanas jedhan; “Yaa Barsiisaa yoo obboleessi nama tokkoo niitii fuudhee utuu ijoollee hin dhalchin duʼe, akka namichi sun niitii sana dhaalee ijoollee dhalchee obboleessa isaatiif sanyii dabarsu Museen nuu barreesseera. 29Kunoo obboloota torbatu ture. Inni hangafni niitii fuudhee ijoollee malee duʼe. 30Inni lammaffaan, 31inni sadaffaanis ishee fuudhan; haaluma wal fakkaatuun isaan torbanuu utuu ijoollee hin dhalchin duʼan. 32Dhuma irratti dubartittiinis ni duute. 33Egaa guyyaa duʼaa kaʼuutti isheen niitii isa kamii taati? Torban isaanii iyyuu ishee fuudhaniiruutii.”
34Yesuusis akkana jedhee deebiseef; “Namoonni addunyaa kanaa ni fuudhu; ni heerumus. 35Warri addunyaa dhufuuf jiruu fi duʼaa kaʼuu keessatti hirmaachuun isaanii malu garuu hin fuudhan; hin heerumanis. 36Isaan waan akka ergamootaa taʼaniif deebiʼanii hin duʼan; waan ijoollee duʼaa kaʼuu taʼaniifis isaan ijoollee Waaqaa ti. 37Garuu Museen iyyuu seenaa waaʼee daggalaa keessatti akka warri duʼan duʼaa kaʼan argisiiseera; inni Gooftaadhaan, ‘Waaqa Abrahaam, Waaqa Yisihaaqii fi Waaqa Yaaqoob’#20:37 Bau 3:6 jedhee waamaatii. 38Inni Waaqa warra jiraataniiti malee Waaqa warra duʼanii miti; hundinuu isaaf jiraatoodhaatii.”
39Barsiistota seeraa keessaa tokko tokko, “Yaa Barsiisaa, dhugaa jette!” jedhanii deebisan. 40Namni tokko iyyuu deebiʼee gaaffii isa gaafachuuf ija hin jabaanne.
Kiristoos Ilma Eenyuu ti?
20:41‑47 kwf – Mat 22:41–23:7; Mar 12:35‑40
41Yesuusis akkana isaaniin jedhe; “Isaan akkamitti Kiristoos#20:41 yookaan Masiihichi ilma Daawit jechuu dandaʼu? 42Daawit mataan isaa iyyuu kitaaba faarfannaa keessatti akkana jedha;
“ ‘Gooftichi Gooftaa kootiin akkana jedhe;
“Karaa mirga koo taaʼi;
43 hamma ani diinota kee,
ejjeta miilla keetii siif godhutti.” ’ # 20:43 Far 110:1
44 Daawit ‘Gooftaa’ jedhee isa waama. Yoos inni akkamitti ilma isaa taʼuu dandaʼa ree?”
45Utuu namoonni hundinuu isa dhagaʼaa jiranuu, Yesuus barattoota isaatiin akkana jedhe; 46“Barsiistota seeraa irraa of eeggadhaa. Isaan uffata dhedheeraa uffatanii nanaannaʼuu fi gabaa keessattis nagaa gaafatamuu, manneen sagadaa keessatti taaʼumsa ulfinaa, lafa cidhaatti immoo iddoo ulfinaa jaallatu. 47Isaanis mana haadha hiyyeessaa saamanii onsu; of argisiisuuf jedhaniis kadhannaa dheeressu. Namoonni kunneen adaba guddaa adabamu.”

Právě zvoleno:

Luqaas 20: HAH

Zvýraznění

Sdílet

Kopírovat

None

Chceš mít své zvýrazněné verše uložené na všech zařízeních? Zaregistruj se nebo se přihlas