Yohannis 10
10
Tiksee Gaarii fi Hoolota Isaa
1 “Ani dhuguman, dhuguman isinitti hima; namni balbalaan gola hoolotaa hin seennee, garuu karaa biraatiin koree seenu inni hattuu fi saamtuu dha. 2Namni balbalaan seenu immoo tiksee hoolotaa ti. 3Eegduunis balbala isaaf bana; hoolonnis sagalee isaa ni dhagaʼu. Innis hoolota isaa maqaa maqaan waamee gad yaasa. 4Erga warra kan isaa taʼan hunda gad yaasee booddee isaan dura deema; hoolonni isaas waan sagalee isaa beekaniif isa faana buʼu. 5Orma garuu ni baqatu malee faana hin buʼan; sagalee ormaa hin beekaniitii.” 6Yesuus fakkeenya kana isaanitti hime; isaan garuu akka inni maal isaanitti himaa ture hin hubanne.
7Kanaafuu Yesuus ammas akkana jedheen; “Dhuguman, dhuguman isinitti hima; ani balbala hoolotaa ti. 8Warri na dura dhufan hundi hattootaa fi saamtota; hoolonni garuu isaan hin dhageenye. 9Balballi ana; namni karaa kootiin ol seenu kam iyyuu ni fayya. Inni ni seena; ni baʼas; lafa dheedaas ni argata. 10Hattichi hatuuf, ajjeesuu fi balleessuu qofaaf dhufa; ani garuu akka isaan jireenya qabaataniif, jireenya irraa hafaas akka qabaataniif dhufeera.
11 “Tikseen gaariin ana. Tikseen gaariin hoolota isaatiif jedhee lubbuu isaa dabarsee kenna. 12Namni qacaramaan kan tiksee hin taʼin garuu waan hoolonni kan isaa hin taʼiniif yommuu dhufaatii yeeyyii argutti hoolota dhiisee baqata. Yeeyyiinis bushaayee ni butata; ni bittinneessas. 13Namichi waan qacaramaa taʼeef ni baqata; dhimma hoolotaas hin qabu.
14 “Tikseen gaariin ana; ani hoolota koo beeka; hoolonni koos na beeku; 15kunis akkuma Abbaan na beekuttii fi akkuma ani Abbaa beekutti. Anis lubbuu koo hoolotaaf nan kenna. 16Ani warra gola kanatti galan malees hoolota gara biraan qaba. Isaanis fiduun qaba. Isaanis sagalee koo ni dhagaʼu; karra tokkos ni taʼu; tikseen isaaniis tokko taʼa. 17Kanaafuu Abbaan waan ani deebisee fudhachuuf lubbuu koo dabarsee kennuuf na jaallata. 18Lubbuu koo anumatu ofii kootiin dabarsee kenna malee eenyu iyyuu narraa hin fudhatu. Ani lubbuu koo dabarsee kennuuf taayitaan qaba; deebisee fudhachuufis taayitaan qaba. Ajaja kanas Abbaa koo biraa fudhadheera.”
19Amma illee sababii dubbii kanaatiif Yihuudoota gidduutti garaa garummaan uumame. 20Baayʼeen isaaniis, “Hafuura hamaatu isa keessa jira; inni maraateera. Isin maaliif isa dhageessu?” jedhan.
21Warri kaan immoo, “Kun jecha nama hafuura hamaadhaan qabame miti. Hafuurri hamaan ija nama jaamaa banuu ni dandaʼaa?” jedhan.
Amantii Dhabuu Yihuudootaa
22Yeroo sana Ayyaanni mana qulqullummaa haaromsuu#10:22 Ayyaanni mana qulqullummaa haaromsuu Hanukkaa jedhamee beekama – Jiʼi Hanukkaa Sadaasaa wajjin tokkuma. Ayyaanni kunis guyyaa itti Yihuudaa Maqaabiis (dhaloota Kiristoos dura bara 164 keessa) mana qulqullummaa kan namoonni Sooriyaa waggaa sadii xureessan sana haaromse yaadachuuf godhame. Ayyaanichis guyyaa digdamii shanaffaa jiʼa sanaa irraa jalqabee hamma guyyaa saddeetiitti ayyaaneffama ture. Yeroon kun Yihuudootaaf yeroo gammachuu guddaa ture. Yerusaalemitti ayyaaneffamee ture. Yeroon sunis ganna ture; 23Yesuusis mana qulqullummaa keessa gardaafoo Solomoon keessa deddeebiʼaa ture. 24Yihuudoonnis isa marsanii, “Hamma yoomiitti qalbii nu rarraaftaa? Ati yoo Kiristoos#10:24 yookaan Masiihicha taate ifatti baasii nutti himi” jedhaniin.
25Yesuusis akkana jedhee deebiseef; “Ani isinitti himeera; isin garuu hin amantan. Hojiin ani maqaa Abbaa kootiitiin hojjedhu waaʼee koo dhugaa baʼa. 26Isin garuu waan hoolota koo hin taʼiniif hin amantan. 27Hoolonni koo sagalee koo ni dhagaʼu; anis isaan beeka; isaanis na faana buʼu. 28Anis jireenya bara baraa nan kennaaf; isaanis gonkumaa hin badan. Eenyu iyyuu harka koo keessaa isaan hin butatu. 29Abbaan koo kan natti isaan kenne sun hunduma caala; namni tokko iyyuu harka Abbaa kootii keessaa isaan butachuu hin dandaʼu. 30Anii fi Abbaan tokkuma.”
31Yihuudoonni isa dhaʼuuf jedhanii ammas dhagaa guurratan. 32Yesuusis, “Ani hojii Abbaa kootii gaarii baayʼee isinitti argisiiseera. Hojii kana keessaa isin sababii isa kamiitiif dhagaadhaan na dhooftu?” jedheen.
33Yihuudoonnis, “Nu hojii gaariif jennee dhagaadhaan si hin dhoofnu; garuu waan ati Waaqa arrabsitee utumaa nama taatee jirtuu Waaqa of gooteef si dhoofna” jedhanii deebisaniif.
34Yesuus immoo akkana jedhee deebiseef; “Seera keessan keessatti, ‘Anuu isin, “waaqota” jedheera’#10:34 Far 82:6 jedhamee barreeffameera mitii? 35Inni erga warra dubbiin Waaqaa isaaniif dhufeen ‘waaqota’ jedhee, Katabbiin Qulqulluun immoo waan hin diigamneef, 36sababii ani, ‘Ani ilma Waaqaa ti’ jedheef, isin maaliif isa Abbaan qulqulleessee gara addunyaatti erge sanaan ‘Ati Waaqa arrabsita’ jettu? 37Yoo ani hojii Abbaa kootii hojjechuu baadhe na hin amaninaa. 38Yoo ani hojii sana hojjedhe garuu yoo na amanuu baattan illee hojicha amanaa; kunis akka Abbaan na keessa jiru, akka anis Abbaa keessa jiru beektanii akka hubattaniif.” 39Isaan amma illee isa qabuu barbaadan; inni garuu isaan harkaa miliqe.
40Yesuus ergasii deebiʼee Yordaanos gama iddoo Yohannis jalqabatti itti cuuphaa ture sana dhaqee achis ture. 41Namoonni baayʼeenis gara isaa dhufanii, “Yohannis mallattoo tokko illee hin hojjenne; garuu wanni inni waaʼee namicha kanaa dubbate hundinuu dhugaa dha” jedhan. 42Achittis namoonni hedduun Yesuusitti amanan.
Právě zvoleno:
Yohannis 10: HAH
Zvýraznění
Sdílet
Kopírovat
Chceš mít své zvýrazněné verše uložené na všech zařízeních? Zaregistruj se nebo se přihlas
Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa
Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc.
Eeyyamaan itti fayyadamu.
Mirgi hundi addunyaa guutuu irratti kan eegamee dha.
Holy Bible, New Oromo Contemporary Version™, Western
Copyright © 2022 by Biblica, Inc.
Used with permission. All rights reserved worldwide.