Wongeela Maarqoosii 8
8
Yesuus Nama Kuma Afur Areere
(Mat 15:32-39)
1Gaafa tokko gumiin guddoon dhibiin Yesuus biratti wolitti qabante. Isaan waan nyaatanu dhabanee jennaan Yesuus barattoota ifii waamee, 2“Kolbaan tun guyyaa sadiin ana woliin turteerti; sagaleelle waan hin qanneef, ani isaaniif hin oo'a. 3Isaan keessaa lafa fago'ootii worri dhufane waan jiranuuf, adoo isaanii womaa hin areerin gara manaa gala'aa yoo jedhe, kara'atti hin gaggaban” jedhe.
4Barattooti isaa deebisanee, “Lafa goomole'ee tana keessatti sagalee kolbaa haganaa areeriisaaf geettu eessaa fuuna?” jedhaneen. 5Yesuus, “Daabboo xaltaa meeqa qaddan?” jedhee gaafannaan, isaan, “Xaltaa torba” jedhaneen.
6Inni gummiin sun lafa irra akka teettu ajajee, xaltaa torba san fuudhee, Waaqaaf galata galchee, caccassee, gumii saniif akka qoodanu barattoota ifiititti kenne; isaanille gumii saniif qoodane. 7Isaan qurxummii#8:7 qurxummii: qulxummii diqqoo tokkolle qaban. Yesuus qurxummii saniifille Waaqaaf galata galchee, akka qoodanu barattoota ifiititti hime. 8-9Gumiin haga namoota kuma afurii sun martinuu nyaattee quuttee, hanbaa hatte kolonjoo gugurdoo torba guutuu fuudhane. Yesuus akkuma kolbaa ifi irraa galcheen, 10barattoota woliin hoboloo yaabbatee gara aanaa Dalmaanuta'aa dhaqe.
Worri Fariisaayotaa Beessisa Gaafate
(Mat 16:1-4)
11Fariisaayoti gara Yesuusii dhufanee, isa woliin mormiisa jalqabane. Isaan isa haga ilaaluu fedhanee, beessisa ol-gubba'aa akka isaanitti mudhisuuf gaafatane. 12Inni ammoo hafuura gabbaa baafatee, “Dhalooti kun maaf beessisa gaafata? Ani dhugumaan isiniin jedha, dhaloota kanaaf beessisi hin kennamu!” jedhe. 13Achiin duuba inni isaan lakkisee, ammalle hoboloo yaabbatee, gara abbaayaan gamaa bu'e.
Uukoo Fariisaayotaatii Fi Heroodisii
(Mat 16:5-12)
14Barattooti sagalee fidatiisa dedhanee, hoboloo keessatti xaltaa tokko callaa qaban. 15Yesuus isaaniin, “Ilaalladha'a! Uukoo worra Fariisaayotaatii fi Heroodisii irraa ifi eegadha'a!” jedhee ifi eegachiise. #Luq 12:1 16Isaan wol woliin, “Inni waan nuut sagalee hin qanneef akkana jedha” jedhanee dudubbatane.
17Yesuus yaada isaanii beekee, “Maaf waan dhaba sagalee teessanii dudubbattan? Isin haga ammaa hin beennee? Qalbii hin qaddanuu? 18Adoo ila qaddanuu hin dhaggitanuu? Adoo gurra qaddanuu hin dhageettanuu? Isin hin qalbeeffattanuu? 19Yennaa ani daabboo xaltaa shanan namoota kuma shaniif caccasse, hanbaa hatte kolonjoo guutuu meeqa fuutane?” jedhee gaafate. Isaanille, “Kudhanii lama” jedhanee deebisane.
20Yesuus itti aansee, “Yennaa xaltaa torba nama kuma afuriif caccasse, hanbaa hatte kolonjoo guutuu meeqa fuutane?” jedhee gaafate. Isaanille, “Torba” jedhaneen. 21“Isin ammalle hin hubattanuu?” jedhee gaafate.
Yesuus Beetisayida'atti Nama Ballaa Tokko Fayyise
22Yesuusii fi barattooti isaa gara Betsayida'aa dhufane. Jarri takka achitti namicha ballaa tokko gara Yesuusii fiddee, akka inni namicha harkaan tuquuf kadhatte. 23Yesuus namicha ballaa san harkaan qabee, ollaa keessaa diidatti baasee, ila namichaatitti tufee, harka ifii irra keyee, “Wo dhaggitaa?” jedhee gaafate. 24Namichi midhatee ilaalee, “Ee, namoota dhaggaara; ammoo akka muka ideemuu anatti fakkaatan” jedhe.
25Yesuus ammalle harka ifii ila namichaa irra keye. Yennaa tana namichi hubatee ilaale. Ilti isaa fayyitee waan maraa miidhassee dhagge. 26Kanaan duuba Yesuus, “Olla'atti hin deebi'in” jedhee namicha gara mana isaa galche.
Pheexroos Ebeluu Yesuusii Hime
(Mat 16:13-20; Luq 9:18-21; Yoh 6:66-71)
27Yesuusii fi barattooti isaa gara olloota adaala Qisaariyaa Filiphoosii dhaqane. Inni adoo ideemanuu kara'atti, “Namooti eennu anaan jedhan?” jedhee isaan gaafate. 28Isaanille, “Gariin Yohaannisii cuupha'a si'iin jedhan; gariin Eliyaas si'iin jedhan; kuun ammoo raagota keessaa tokko si'iin jedhan” jedhanee deebisaneef. 29Yesuus, “Isin hoo, eennu anaan jettan?” jedhee isaan gaafate. Pheexroos deebisee, “Ati Kiristoos” jedheen. #Yoh 6:68-69
30Yesuus waan isaa eennulle'etti akka hin hinne jabeessee isaan seere.
Yesuus Marroo Rakko'oo fi Du'a Ifii Dubbate
(Mat 16:21-28; Luq 9:22-27)
31Yesuus, “Ilmi namaa jaarsolee biyyaa, mootota qaallotaatii fi barsiisota Seera Muuse'eetiin guddoo hin rakkata. Inni jibbamee hin ijjeefama; guyyaa sadiin duuba ammoo hin ka'a” jedhee barattoota ifii barsiise. 32Inni dubbii tana isaaniif ifa tolchee dubbate. Pheexroos ammoo Yesuus cina'atti fuudhee, waan akka sanii san akka hin dubbanne dhoogge. 33Inni ammoo garagalee barattoota ifii ilaalee, Pheexroosiin, “Seexaana, ana irraa bayyadhu! Ati akka namaa malee, akka Waaqaa hin yaadattu” jedhee xixe.
34Achiin duuba Yesuus gumi'ii fi barattoota gara ifii waamee, “Eennulle ana hordofiisaaf yoo barbaade, waan ifii lakkisee, fannoo ifiille ba'atee, ana hordofuu ti. 35Nami jiruu ifii fayyifatiisa fedhu hin dhaba; nami anaa fi Oduu Gammadaatiif#8:35 Oduu Gammadaatiif: Wongeelaaf jedhee jiruu ifii dhabu ammoo, jiruu ifii hin fayyifata. 36Nami yoo waan lafa tanaa duudii qabaatee, jiruu ifii yoo dhabe ammoo maan isaa baati? 37Nami wodoo lubbuu ifiitiif maan kennuu dande'a? 38Nama dhaloota gaarayyeeffata'aa#8:38 dhaloota gaarayyeeffataa: dhaloota hin addatane, dhaloota gara gaggalaa fi cubbamaa kana keessatti, anaa fi dubbii tiyyatti fokkifatutti, Ilmi namaa ulfinna Abbaa ifiitiin, ergantoota Waaqaa woyyoota woliin yennaa dhufu itti hin fokkifata” jedhe.
Právě zvoleno:
Wongeela Maarqoosii 8: GAXNT
Zvýraznění
Sdílet
Kopírovat
Chceš mít své zvýrazněné verše uložené na všech zařízeních? Zaregistruj se nebo se přihlas
Guji Oromo New Testament © Bible Society of Ethiopia, 2007.