Wongeela Maarqoosii 3
3
Yesuus Namicha Harka Naafaa Fayyise
(Mat 12:9-14; Luq 6:6-11)
1Achiin duuba Yesuus deebi'ee gara Mana Waaqeffannaa Yihudootaa dhaqe; namichi harki isaa naafateeru tokko achi jiraayyu. 2Jarri Yesuus himachuu fedhanee, guyyaa Sanbataatiin akka inni isa fayyisu gaadanu tokkolle achi jiraniiyyu. 3Yesuus namicha harka naafateeruun, “Ka'iitii nama dura dhaabbadhu!” jedhe. 4Achiin duuba jaralle'een, “Seerri keenna guyyaa Sanbataatiin dansa'a moo hantuu tolchuu, yookiin lubbuu fayyisuu moo ijjeesuu nu ajaja?” jedhe. Isaan ammoo cadhisane. 5Yesuus worra cinaa isaa marseeru ila aari'ittiin ilaale; ammoo mataa jabeenna isaaniitiifille gadde. Achiin duuba namichaan, “Harka kee diriiffadhu!” jedhe. Yennaa namichi harka ifii diriiffate, harkille deebi'ee fayye.
6Maarre worri Fariisaayotaa gad bayanee, yennuma san golii Heroodisii woliin attamiin akka isa ijjeesanu mari'atane.
Gumiin Guddoon Gara Yesuus Dhutte
(Mat 12:15-21; Luq 6:17-19)
7Yesuus barattoota ifii woliin gara cinaa abbaayaa Galiila'aa deeme. Gumiin guddoon Galiila'aa, biyya Yihuda'aatii, 8qachaa Yerusaalemiitii, biyya Edoomiya'aatii, biyya Yordaanosiin gamaa ka gara aduun baatuutii, adaala qachoota Xiroosiitii fi Sidooniitii, waan Yesuus hujaa ture mara dhageettee gara isaa dhutte. 9Gumiin guddoo sun akka isa hin cifanneef, akka hoboloo isaa qopheessanu barattoota ifiititti hime. 10Inni kolbaa hedduu waan fayyiseeruuf, worri dhukkuba gara garaa qabanu maraa isa harkaan qabatiisaaf gara isaa wol dadarbane. 11Ayyaanoti hamooti namoota keessa jiranu yennuma isa dhaggane maraa, fuula isaa duratti jiganee, “Ati Ilma Waaqaa ti” jedhanee iyyane.
12Yesuus ammoo ayyaanoti hamooti akka ebeluu isaa eennulle'etti hin hinne jabeessee ajaje.
Yesuus Ergantoota Kudhanii Lamaan Filate
(Mat 10:1-4; Luq 6:12-17)
13Yesuus gara gaaraa ol bayee, worra barbaade gara ifii waame; isaanille gara isaa dhufane. 14Achiin duuba Inni akka isaan Isa woliin te'anu, Oduu Gammadaa lallabiisaaf akka ergamanu, 15durriisota baasiisaafille baallii akka qabaatanu namoota kudhanii lamaan filatee, “Ergantoota” jedhee moggaase.
16Worri kudhanii lamaan Inni filatelle, Simoonii Inni “Pheexroos” jedhee moggaase, 17Yaaqoobii fi Yohaannisii ilmaan Zabdewoosii, worra Inni “Bo'anerges” jedhee moggaase; akkasi jechuulle, “Ilmaan Mandiisu'uu” jechu'u. 18Indiryaas, Filiphoos, Bartolomewoos, Maatewoos, Toomaas, Yaaqoobii ilma Alfewoosii, Taadewoos, Simoonii “Hinaatticha” jedhamee beekkamee fi 19Yihudaa nama qachaa keeriyootii, ka isa dabarsee kenne.
Yesuusii fi Bi'el Zebul
(Mat 12:22-32; Luq 11:14-23; 12:10)
20Achiin duuba Yesuus gara manaa yennaa gale, haga innii fi barattooti isaa sagaleelle nyaachuu dadhabanutti gumiin ammalle wolitti qabante. 21Kolbaan, “Inni maraateera” waan jetteef, firoottan isaa kana dhage'anee isa qabiisaaf dhufane.
22Barsiisoti Seeraa worri Yerusaamii dhufane ammoo, “Bi'el Zebul#3:22 Bi'el Zebul: Mooticha ayyaanota hamootaa isa keessa jira! Inni hunna mooticha durriisotatiin durriisota baasa” Yesuusiin jedhane.
23Jennaan Yesuus gara ifii isaan waamee, “Attamiin Seexanni Seexana baasu'uu dande'a? 24Mootummaan takka yoo ifi falamtee gargar ifi qoodde, mootummaan sun hin diiganti. 25Maatiin takka yoo ifi falamtee gargar ifi qoodde, maatiin sun hin xexeeranti. 26Maarre Seexaanille ifi falamee, yoo ifi gargar qoode, sun badii isaati malee dhaabbachu'uuf hin dande'u.
27Eennulle duraan dursee namicha jabaa yoo hidhe malee, mana nama jabaa tokkoo seenee meya isaa saamu'uuf hin dande'u; hidheen duuba ammoo mana isaa samu'uuf hin dande'a.
28“Ani dhugumaan isinitti hima, cubbuun maraa fi dubbiin arrabaa marti afaan namaa keessaa yoo baate, ilmaan namaatiif araarri hin kennama. 29Eennulle Ayyaana Woyyichaan mormee dubbii arrabaa yoo dubbate ammoo, yakkaamessa cubbuu barabaraa te'a malee, ijjumaa araara hin dhaggatu” jedhee isaanitti mammaake. #Luq 12:10
30Yesuus sababa kolbaan, “Inni ayyaana hamaa qaba” jetteertuuf akkana jedhe.
Haadhaa fi Obboleeyyan Yesuusii
(Mat 12:46-50; Luq 8:19-21)
31Achiin duuba haati Yesuusiitii fi obboleeyyan isaa dhufanee ala dhaabbatanee, itti erganee isa waansisane. 32Gumiin cinaa isaa marsitee teetteertu Yesuusiin, “Kunoo, haati teetii fi obboleeyyan teeti ta dhiiraatii fi ta durraa alaa si barbaadiisatti jiran” jedhane.
33Yesuus deebisee, “Haati tiyyaa fi obboleeyyan tiyya eennu fa'a?” isaaniin jedhe. 34Inni gara worra isa marsee te'eeru midhatee, “Kunoo, haati tiyyaa fi obboleeyyan tiyya worra as jiranu kana! 35Fedhii Waaqaa ka muummessu eennuuyyuu obboleessa kiyya, obboleetii tiyya, haadha tiyyalle'e” jedhe.
Právě zvoleno:
Wongeela Maarqoosii 3: GAXNT
Zvýraznění
Sdílet
Kopírovat
Chceš mít své zvýrazněné verše uložené na všech zařízeních? Zaregistruj se nebo se přihlas
Guji Oromo New Testament © Bible Society of Ethiopia, 2007.