YouVersion Logo
Search Icon

Yohannis 5

5
Yesuus Beetisayidaatti Dhukkubsataa Fayyisuu Isaa
1Yeroo xinnoo booddee ayyaana Yihuudootaa tokkotu ture; Yesuusis Yerusaalemitti ol baʼe. 2Yerusaalem keessa Karra Hoolaa bira haroo afaan Ibraayisxiitiin Beetizaataa jedhamu tokkotu jira; haroon sun gardaafoo shan qaba. 3Gardaafoowwan sana keessas namoonni dhukkubsatan, jechuunis jaamonni, warri naafatanii fi warri dhagni irratti duʼe baayʼeen ciisanii raafama bishaanii eeggachaa turan. [4Ergamaan Gooftaa yeroo yerootti gad buʼee bishaanicha ni raasa ture; raafama bishaanichaa booddee namni jalqabatti bishaan sana keessa seenu kam iyyuu dhukkuba qabu hunda irraa ni fayya ture.]#5:4 Waraabbileen durii tokko tokko kutaa walakkaa luqqisaa sadii irraa jalqabee hamma luqqisaa afuriitti jiru hin qaban. 5Namichi waggaa soddomii saddeeti dhukkubsate tokko achi ture. 6Yesuusis yommuu isaa achi ciisu argee akka inni yeroo dheeraa haala kana keessa ture beeketti, “Ati fayyuu barbaaddaa?” jedhee isa gaafate.
7Dhukkubsataan sunis, “Yaa Gooftaa, ani nama na gargaaree yommuu bishaanichi raafamutti haroo sana keessa na buusu hin qabu. Yeroo ani seenuu yaaluttis namni biraa na dursee seena” jedheen.
8Kana irratti Yesuus, “Kaʼi! Siree kee fudhadhuutii deemi” jedheen. 9Namichis yeruma sana fayye; siree isaas fudhatee deeme.
Guyyaan wanni kun taʼe sunis Sanbata ture; 10Yihuudoonnis namicha fayye sanaan, “Harʼa Sanbata; seerri siree kee baachuu si dhowwa” jedhaniin.
11Inni garuu, “Namicha na fayyisetu ‘Siree kee fudhadhuu deemi’ naan jedhe” jedheen.
12Isaanis, “Namichi siree kee fudhadhuu deemi siin jedhe sun eenyu?” jedhanii isa gaafatan.
13Namichi fayye sun sababii Yesuus achi hiiqee tuuta iddoo sana ture keessa seeneef inni eenyu akka taʼe hin beekne.
14Yesuusis ergasii namicha sana mana qulqullummaa keessatti argee, “Ati kunoo amma fayyiteerta. Wanni kana caalu akka sitti hin dhufneef siʼachi cubbuu hin hojjetin” jedheen. 15Namichis dhaqee kan isa fayyise Yesuus akka taʼe Yihuudootatti hime.
Jireenya Ilmi Kennu
16Kanaafuu sababii inni Sanbataan waan kana hojjeteef, Yihuudoonni Yesuusin ariʼachuu jalqaban. 17Yesuus garuu, “Abbaan koo hamma ammaatti hojjechaa jira; anis hojjechaan jira” isaaniin jedhe. 18Sababii kanaaf Yihuudoonni ittuma caalchisanii isa ajjeesuu barbaadan; inni Waaqaan of qixxeessuudhaan Waaqa iyyuu Abbaa ofii isaa godhee waamaa ture malee Sanbata qofa hin cabsine.
19Yesuus immoo akkana jedhee deebiseef; “Ani dhuguman, dhuguman isinitti hima; Ilmi ofii isaatiin waan tokko illee hojjechuu hin dandaʼu; inni waanuma utuu Abbaan isaa hojjetuu arge qofa hojjechuu dandaʼa; waanuma Abbaan hojjetu Ilmis akkasuma hojjetaatii. 20Abbaan Ilma ni jaallataatii; waan hojjetu hundumas isatti ni argisiisa. Akka isin dinqisiifattaniifis inni hojiiwwan hojiiwwan kanneen caalan iyyuu isatti ni argisiisa. 21Akkuma Abbaan warra duʼan duʼaa kaasee jireenya kennuuf sana, Ilmis akkasuma abbaa fedheef jireenya ni kenna. 22Abbaan eenyutti illee hin muru; murtii hunda garuu Ilmatti kenneera; 23kunis akka namni hundi akkuma Abbaaf ulfina kennutti Ilmaafis ulfina kennuuf. Namni Ilmaaf ulfina hin kennine, Abbaa isa Ilma ergeefis ulfina hin kennu.
24 “Ani dhuguman, dhuguman isinitti hima; namni dubbii koo dhagaʼu, isa na ergettis kan amanu hundi jireenya bara baraa qaba; murtiittis hin dhiʼaatu; inni duʼa jalaa gara jireenyaatti darbeera. 25Ani dhuguman, dhuguman isinitti hima; yeroon warri duʼan itti sagalee Ilma Waaqaa dhagaʼan tokko ni dhufa; ammuma iyyuu dhufeera; warri dhagaʼanis ni jiraatu. 26Akkuma Abbaan ofuma isaatiin jireenya qabu sana, Ilmis akkasuma akka ofuma isaatiin jireenya qabaatuuf isaaf kenneeraatii. 27Sababii inni Ilma Namaa taʼeefis Abbaan akka inni murtii kennuuf taayitaa isaaf kenneera.
28 “Kana hin dinqisiifatinaa; saʼaatiin itti warri awwaala keessa jiran hundi sagalee isaa dhagaʼan tokko ni dhufaatii. 29Warri waan gaarii hojjetan duʼaa kaʼuu jireenyaatiif, warri waan hamaa hojjetan immoo duʼaa kaʼuu murtiitiif duʼaa ni kaʼu. 30Ani ofii kootiin waan tokko illee gochuu hin dandaʼu; ani akkuman dhagaʼutti nan murteessa; ani fedhii isa na ergee malee fedhii mataa kootii waan hin barbaanneef murtiin koo qajeelaa dha.
Dhuga baʼumsa Waaʼee Yesuus
31 “Ani yoon waaʼee ofii kootii dhugaa baʼe, dhuga baʼumsi koo dhugaa miti. 32Garuu kan waaʼee koo dhugaa baʼu biraa jira; anis akka dhuga baʼumsi inni waaʼee koo kennu sun dhugaa taʼe beeka.
33 “Isin Yohannisitti ergitaniirtu; innis dhugaa sanaaf, dhugaa baʼeera. 34Ani dhuga baʼumsa namaa hin fudhadhu; garuu akka isin fayyitaniif wantoota kanneen nan dubbadha. 35Yohannis ibsaa bobaʼee ifa kennu ture; isinis yeroo xinnoo ifa isaatti gammaduu barbaaddan.
36 “Ani garuu dhuga baʼumsa, dhuga baʼumsa Yohannis sana caalu qaba. Hojiin akka ani raawwadhuuf Abbaan natti kenne, kan ani hojjedhu kun iyyuu akka Abbaan na erge mirkaneessaatii. 37Abbaan inni na erges ofii isaatii waaʼee koo dhugaa baʼeera. Isin takkumaa sagalee isaa hin dhageenye; bifa isaas takkumaa hin argine. 38Isin sababii isa inni erge hin amaniniif dubbiin isaa isin keessa hin jiraatu. 39Isin Katabbiiwwan Qulqulluudhaan jireenya bara baraa arganna jettanii waan yaaddaniif Katabbiiwwan Qulqulluu sana qorattu. Katabbiiwwan Qulqulluun kunneenis waaʼee koo dhugaa baʼu; 40isin garuu jireenya argachuudhaaf gara koo dhufuu hin barbaaddan.
41 “Ani nama irraa ulfina hin fudhadhu; 42garuu akka isin jaalala Waaqaa of keessaa hin qabne nan beeka. 43Ani maqaa Abbaa kootiin dhufeera; isin na hin simattan; utuu namni biraa maqaa ofii isaatiin dhufee garuu isa ni simattu. 44Isin yoo wal irraa ulfina argattanii ulfina Waaqa tokkicha biraa dhufu garuu hin barbaanne akkamitti amanuu dandeessu ree?
45 “Waan ani Abbaa duratti isin himadhu hin seʼinaa. Kan isin himatu tokko jira; innis Musee isin abdattan sana. 46Utuu Musee amantanii silaa anas ni amantu ture; inni waaʼee koo barreesseetii. 47Isin erga waan inni barreesse hin amannee, dubbii koo immoo akkamitti amantu ree?”

Currently Selected:

Yohannis 5: HAH

Highlight

Share

Copy

None

Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in