YouVersion Logo
Search Icon

Dubbii Nagayaa Ka Luqaasii 18

18
Mammaaka Waan Abbaa Seeraatii Fi Haadha Hiyyeessaa
1 # Rom. 12:12; Qol. 4:2; Tas. 1ffaa 5:17 Yesuus isaan uduu hin hifanne hennaa maraa akka Rabbiin kadhatan akkana jedhee mammaakaan isaanitti hime. 2Qachaa takka keessa «Abbaan seeraa ka Rabbiin hin sodaanne, ka namallee hin kabajjine tokkotu jira. 3#Isa. 1:17 Qachaa san keessa haadha hiyyeessaa takkatu jira. Isiin gara isaa dhuftee, ‹Falmii kiyya ka namaan wol himanne san naa murteessi› jedha'aa turte. 4Isiin guyyaa hedduu isatti deddeebitee inni ammo murtee isi'ii kennuu hin barbaanne. Achiin maayessa ammo inni yaada ufii keessatti, ‹Rabbiinillee yoo hin sodaanne, namallee yoo hin saalfanne, 5#11:7-8 Haati hiyyeessaa tun waan na dadhabsiiftuuf hennaa maraa dhufa'aa akka na hin rakkifne hin murteessaaf› » jedhe. 6Gooftaan akkana jedhe, «Eegasuu waan abbaan seeraa hamaan sun jedhe dhagayaa'a! 7#Far. 55:17-18 Rabbi ammo worra isaaf filataman ka halkanii fi guyyaa gara isaa iyyaniif murtii qajeelaa hin murteessuufii ree? 8Ani isinitti hima, inni dafee murteessaaf. Haa ta'uu ammo, Ilmi Namaa hennaa dhufu amantii lafa irratti argaa laata?» jedhe.
Mammaaka Fariisichaatii Fi Namicha Qaraxa Guuruu
9 # 16:15 Yesuus namoota qajeellummaa ufiititti amananii, kaawwan ammo guddisanii worra tuffataniin akkana jedhee mammaakaan kana itti hime. 10«Namoonni lamaan Rabbiin kadhachu'uuf gara mana woyyu'uu dhaqan. Isaan keessaa tokko Fariisicha; kuun ammo ka qaraxa guuru. 11#Isa. 58:2 Fariisichi ka'ee dhaabatee waan yaada garaa ufii akkana jedhee Rabbiin kadhate. ‹Rabbii kiyya! ani akka namoota kaawwanii akka worra saamtotaa, hamootaa, worra seebaru, yookaan akka namicha qaraxa guuruu kana waan hin taaneef si galatoonfadha. 12#11:42; Ser. Uma. 14:20; Mat. 9:14; 23:23 Torbaan keessatti guyyaa lama sooma; waan argadhu maraa irraa kudhan keessaa tokko kennaa kenna› jedhe. 13#23:48; Far. 51:3 Namichi qaraxa guuru sun ammo fagoo dhaabatee ija ufiitiin gara sami'ii ol laaluu sodaatee, ‹Waaqa kiyya! Ani nama cubbama'aa naa araarami!› jedhee laphee ufii dhaya'aa ture. 14#14:11; Mat. 23:12 Ani akkana isiniin jedha. Namicha fariisicha san irra namichi qaraxa guuru sun Rabbiin afo'otti balchaa ta'ee gara mana ufii deebi'e, namni ol uf qabu maruu hin salphata. Namni uf salphisu ammo hin kabajjama.»
Yesuus Daa'imman Eebbise
15Namoonnillee akka inni harka ufiitiin qaqqabee isaan eebbisuuf daa'imman gara Yesuusii fidan. Darasoonni isaa ammo waan kana arganii xixanii#18:15xixanii: dheekkamanii isaan dhooggan. 16Yesuus ammo daa'imman gara ufii waamee, «dhiisaa hin dhoogginaa, daa'imman gara kiyya haa dhufanii, Jeennanni Rabbii worra akkanaa kanniiniif waan ta'eef. 17#Mat. 18:3 Ani dhugamaan isiniin jedha, eennullee ka jeennata Rabbii akka daa'imaatitti hin fudhanne maruu sirimaa hin galu» jedhe.
Gaafii Namicha Dureessa Tokkoo
(Mat. 19:16-30; Mar. 10:17-31)
18 # 10:25 Bulchoota keessaa tokko, «Barsiisaa arjaa'a! jireenna bara baraa argatu'uuf maal godhuu na barbaachisa?» jedhee isa gaafate. 19Yesuus, «Maaf arjaa naan jetta? Rabbii tokkicha malee namni arjaan tokkollee hin jiru. 20#Ser. Ba'u. 20:12-16; Kes. Deb. 5:16-20 Ati seerran, ‹Hin seebarin, hin ajjeesin, hin hatin, sobaan hin ragin, Abba'aa fi haadha kee kabajji!› jedhu hin beetta» jedhe.
21Namichillee deebisee, «Ani waan kana maraa ijoollummaa kiyya irraa jalqabee eegeera» jedhe. 22#Mat. 6:20 Yesuus waan kana dhagayee, «Ammallee waan tokkotu si hafa. Waan qabdu maraa gurguriitii hiyyeeyyi'ii kenni; Sami'itti hin duroomtaa; koottuu na faana deemi!» jedhe. 23Inni ammo haga kana dhagayeen maayessa dureessa waan ta'eef guddisee gadde. 24Yesuus akka inni guddisee gadde argee, akkana jedhe, «Worra dureeyyi'iif jeennata Rabbii galuun attamitti rakkisa'a! 25Dureessi jeennata Rabbii galuu irra, gaalli qaalawa limmo'oo keessa hulluuqu'utu irra salpha'a» jedheen. 26Worri waan kana dhagayan, «Eegasuu eentu ooluu danda'a ree?» jedhan. 27#19:8-9; Mar. 14:36 Inni ammo, «Wonti namaaf hin danda'amne Rabbiif hin danda'ama» jedhe.
28Pheexroosillee, «Kunoo, nu waan maraa dhiifnee si faana deemneerra» jedheen.
29Innillee, «Ani dhugamaan isiniin jedha, namni waan jeennata Rabbiitiif jedhee ka mana ufii, maatii ufii, obboleeyyan ufii, haadhaa fi abbaa yookaan ijoollee ufii dhiise, 30Bara kanaa fi adunyaa dhuftutti eennullee ka dachaa hin arganne hin jiru» isaaniin jedhe.
Yesuus Hennaa Sadeesso'ootiif Waan Du'a Ufii Dubbate
(Mat. 20:17-19; Mar. 10:32-34)
31Yesuus darasoota kudha lamaanuu gara ufii waamee, akkana isaaniin jedhe, «Amma gara Yerusaalemii deemna; wonti Ilma Namaa ka raattotaan barreeffame maruu hin raawwatama. 32#9:22,44 Ilma Namaa worra Yihuudota hin taaneef dabarsanii hin kennaniin, isaanillee itti baldan; asii fi achi daddarba'aa itti tufan. 33Haga isa dhaananiin maayessa hin ajjeesan; guyyaa sadeesso'ootitti hin ka'a» isaaniin jedhe.
34 # 24:45; Mar. 9:32 Isaan ammo waan kana maraa keessaa tokkollee hin hubanne. Hiikkaan dubbii sanii waan isaan jalaa dhokatee tureef wonti inni dubbate sun isaanii hin galle.
Yesuus Worra Ijji Isaanii Hin Argine Fayyise
(Mat. 20:29-34; Mar. 10:46-52)
35Yesuus hennaa gara Iyyaariko'oo dhiyaate namichi ijaan hin argine tokko karaa irra taa'ee kadhata'aa ture. 36Inni akka namoonni baay'een karaa san irra lufa'aaran dhagayee, «wonti kun maal?» jedhee gaafate. 37Isaanillee, «Yesuusii Naazireeti'iititu karaa kana lufa'aara» jedhanii itti himan. 38#17:13; Mat. 9:27 Inni, «Yesuus! Ilma Daawitii na maari!» jedha'aa iyye. 39Worri afo'otti deemaa turan akka inni cadhisu xixaniin. Inni ammo, «Ilma Daawitii na fayyisi!» jedha'aa guddisee iyye. 40Yesuusillee dhaabatee namicha ijaan hin argine gara isaa akka fidan ajaje. Hennaa gara isaa dhiyaate, 41#Mar. 10:36 Yesuus, «Maal akka sii godhu barbaadda?» jedhee isa gaafate.
Innillee deebisee, «Gooftaa kiyya! arguu barbaada» jedhe.
42 # 7:50; 17:19 Yesuus deebisee, «Argi! amantiin kee si fayyiseeraa» jedheen. 43#7:16; 17:15 Ijji isaa yoosuu argitee namichi Rabbiin galatoonfata'aa Yesuusiin faanaa deeme. Gumiin sun maruu haga waan kana argan Rabbiin galatoonfatan.

Highlight

Share

Copy

None

Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in