Dubbii Nagayaa Ka Yohaannisii 14
14
Karaan Gara Abba'aa Geessu Yesuus
1 #
14:27; 12:44; Mar. 11:22 Yesuus itti aansee darasoota ufiitiin, «Garaan keessan hin raafamin; Rabbitti amanaa'a; nattillee ammo amanaa'a! 2#Mat. 25:34; Qor. 2ffaa 5:1; Ibr. 11:16 Mana Abbaa kiyyaa keessa huleen jireennaa heddutu jiraa; silaa uduu hin jiraanne ta'ee kana isiniin hin jedhu. Hulee isinii qopheessu'uuf deema, 3#12:26,32; 17:24; Tas. 1ffaa 4:17 Dhaqeellee yoo hulee isinii qopheesse, hulee ani jiraadhu isinillee ammo akka jiraattan lammata deebi'ee dhufee gara kiyya isin fudhadha. 4Gara ani dhaqullee hin beettan; karaallee hin beettan» jedhe.
5Toomaas, «Gooftaa'a! gara ati deemtu hin beennu karaa attamiin beenna?» jedheen.
6 #
11:25; Mat. 11:27; Rom. 5:1-2; Ibr. 10:20 Yesuusillee, «Ani kara'a, dhuga'aa fi jireenna. Anaan malee ka gara Aabbaa dhufu hin jiru. 7#8:19 Ana uduu beettanii akkasuma Abbaa kiyyallee hin beettan. Amma irraa jalqabdanii hin beettan; argitaniirtanille'e» jedheen.
8 #
Ser. Ba'u. 33:18-23
Filiphoos, «Gooftaa'a! Aabbaan nutti mudhis nu gayaa» jedheen.
9 #
12:45; Qor. 2ffaa 4:4; Qol. 1:15; Ibr. 1:3 Yesuus akkana jedheen, «Ati Filiphoos! haga bara kana maraa hennaa isin woliin jiraadhe na hin beettuu? Ka na arge Aabbaan argeera; ati attamitti, ‹Aabbaan nutti mudhis› jetta? 10#12:49 Akka Ani Aabbaan keessa jiru, Akka Aabballee na keessa jiru hin amantuu? Ani dubbii isinitti himu uf irraa hin dubbadhu; uf irraallee isinitti hin himu. Haa ta'uu ammo ka na keessa jiru inni Aabba hujii ufii hin hojjata. 11#10:25,37-38 Ani akka Aabbaan keessa jiru; Aabballee akka na keessa jiru na amanaa'a; yoo ta'uu dhabaatellee waan hujii isaatiif na amanaa'a. 12#7:33; 14:28; Mat. 17:20; 28:19; Hu. Er. 2:41 Dhugama dhuga'aatiin isiniin jedha ka natti amanu hujii ani hojjadhu hojjata; ka san caalu hojjata. 13#15:7,16; Mar. 11:24 Ani gara Aabbaa waan deemuuf, Aabballee waan Ilmaatiin akka kabajjamu waan maqaa kiyyaan kadhattan maraa hin godha. 14#16:23-24; Yoh. 1ffaa 5:14-15 Woma kamiinillee yoo maqaa kiyyaan kadhattan Ani hin godha.
Waan Abdii Ayyaana Woyyu'uutiif Kenname
15 #
15:10; Yoh. 1ffaa 5:3 Yoo na jaalattan ajaja kiyya eegaa'a. 16#14:26; 15:26; 16:7; Yoh. 1ffaa 2:1 Ani Aabbaan hin kadhadha; Innillee baraa haga bara baraa ka isin woliin jiraatu, ka isin jajjabeessu ka biraa isinii kenna. 17Innillee ka adunyaan hin arginee fi hin beenne waan ta'eef ayyaana dhuga'aa ka isaan amanuu hin dandeenne. Haa ta'uu ammo isin bira waan jiraatuuf isin keessallee waan jiraatuuf isin hin beettaniin.
18 #
14:3,28; Mat. 28:20 «Ani akka ijoollee maatii hin qabneetitti isin hin dhiisu; gara keessan dhufa. 19#16:16; 20:20 Amma bara diqqo'otu hafe; achiin maayessa adunyaan na hin argitu. Isin ammo na argitan, ani jiraataa waan ta'eef isinillee akkasuma jiraattota taatan. 20#14:10-11; 17:21-23 Akka ani Abbaa kiyya keessa jiru akka isinillee na keessa jiraattan akka anillee isin keessa jiru gaafa san hin beettan. 21#16:27; Yoh. 1ffaa 5:3 Ka ajanya kiyya ka isa bira jiru eegu, ka na jaalatu isa; ka na jaalatu Abbaan kiyya hin jaalataan, anillee hin jaaladhaan ufillee itti mudhisa.» 22#Hu. Er. 10:40-41 Yihuudaa nama biyya Keriyootii uduu hin taane Yihuudaan biraa, «Gooftaa kiyya! biyya lafaatitti uduu hin taane attamitti nutti uf mudhifta?» jedheen. 23#14:21; Mat. 18:20; Qor. 2ffaa 6:16; Efe. 3:17-19 Yesuusillee deebisee akkana jedheen, «Ka na jaalatu yoo jiraate dubbii kiyya eega; Abbaan kiyyallee hin jaalataan gara isaallee hin dhufna, isa bira jiraanna. 24#7:16-17; 14:10 Ka ana hin jaalanne dubbii kiyya hin eegu; dubbiin dhageettanillee ka na ergeeti malee kiyyaa miti.
25«Ani hennaa isin bira jiru, kana isinitti himeera. 26#14:16; 15:26; 16:7; Mat. 10:19-20 Ayyaanni Woyyuun Abbaan kiyya maqaa kiyyaan ergu ammo booharsaan inni waa maraa isin barsiisa. Waan ani isinitti hime maraa isin qaabsisa.
27 #
14:1; 16:33; Rom. 5:1; Filph. 4:7 «Ani nagaya isinii dhiisa; nagaya kiyyallee isinii kenna; nageenni ani isinii kennu ka akka Adunyaan isinii kennituu miti. Garaan keessan hin raafamin; hin sodaatina'alle'e. 28#14:3,12,18,23 ‹Ani hin deema, gara keessanillee hin dhufa› akka isiniin jedhe dhageettaniirtan. Uduu ka na jaalattan ta'ee, waan Aabba na caaluuf gara Aabbaa waan deemeef silaa hin gammaddan. 29#13:19; 16:4 Haga ta'een maayessa akka amantan kun uduu hin taane isinitti himeera. 30#12:31; 16:11; Efe. 2:2 Ammaa achi isin woliin waan heddu hin qaaqu; bulchaan adunyaa tanaa waan dhufuuf, inni na irraa waan tokko hin qabu. 31#10:18; 12:49; Mat. 26:46 Haa ta'uu ammo ani Aabbaan akka jaaladhu adunyaan akka beettu, akka Abbaan na ajaje akkasuma godha; ka'aa asii haa deemnuu.»
Currently Selected:
Dubbii Nagayaa Ka Yohaannisii 14: KitWoy
Highlight
Share
Copy
Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in