YouVersion Logo
Search Icon

Macaafa Zakaariyaas Raajichaa 14

14
Guyyaan Waaqayyoo Akka Dhufu Himuu Isaa
1Yaa Yerusaalem, kunoo guyyaan Waaqayyoo inni itti wanti si irraa saamame ijuma namoota keetii duratti hirmaatamu in dhufa*. 2Waaqayyo guyyaa sanatti sabni hundinuu Yerusaalemin akka lolaniif walitti isaan in qaba; mandarattiin in qabamti, manneetiin in saamamu, dubartoonnis in yeellaasifamu; walakkaan namoota mandarattii booji'amanii in adeemu, namoonni warri hafan immoo mandarattii keessaa hin balleeffaman*. 3Ergasii garuu Waaqayyo gad in bu'a akkuma yeroo lola loluutti saba sana in lola*. 4Guyyaa sanatti miilli isaa tulluu ejersaa isa Yerusaalem irraa gara ba'a-biiftuu jiru irra in dhaabata; tulluun ejersaas gara ba'a-biiftuuttii gara lixa-biiftuutti, iddoo lamatti gargar in dho'a; walakkaan tullichaa gara bitaatti, walakkaan isaa immoo gara mirgaatti in hiiqa, gidduu isaattis dachaan guddaan in uumama. 5Yaa namoota Yerusaalem, isin immoo gara dachaa tulloota koo isa hamma Azelitti bal'atuutti in baqattu; akkuma bara Uziyaa mootii Yihudaatti, socho'a lafaa jalaa baqattan ammas in baqattu; yommus Waaqayyo gooftaan koo in dhufa, qulqulloonni isaa hundinuus isinii#14:5 <<Isinii>> yookiis <<Isaa>> wajjin. wajjin in dhufu.#1 Isa 39:6 2 12:3 3 Isa 42:13; Mul 19:19; Amo 1:1
6Guyyaa sanatti ifni, dhaamochi, qorris hin jiru. 7Guyyaan biraa tokko in ta'a; isas Waaqayyotu beeka, gaafas yeroo galgalaa'u ifatu ta'a malee, guyyaan hin ta'u, halkanis hin ta'u*. 8Guyyaa sanatti Yerusaalem keessaa bishaan jireenyaa in burqa; walakkaan isaa gara galaana ba'a-biiftuutti, walakkaan isaa immoo gara galaana lixa-biiftuutti bonaa fi ganna in yaa'a*. 9Yommus Waaqayyo guutummaa biyya lafaa irratti mootii in ta'a; gaafas Waaqayyo isuma tokkicha, maqaan isaas tokkichuma*.#7 Mar 13:32; Isa 60:19-20 8 His 47:1-8; Zak 13:1 9 Far 97:1; Mul 11:15
10Biyyichis guutummaatti Gebaadhaa hamma Rimoon isa Yerusaalem irraa gara mirgaa jirutti lafa diriiraa in ta'a; Yerusaalem garuu karra Benyaamiinii hamma karra isa duraatti, hamma golee karrichaatti, riqaa Hanaani'elii hamma iddoo cuunfaa daadhii waynii isa kan mootichaatti ol jettee iddoo isheetti in hafti*. 11Namni ishee keessa in jiraata, si'achis deebitee hin balleeffamtu; bir'aa malees in jiraatti*.#10 Er 31:38-40 11 Er 33:16; Mul 22:3
12Dha'ichi inni Waaqayyo saba warra Yerusaalemin lolan ittiin rukutu kanatti fufee jira; utuma miilla isaaniitiin dhaabatanii dhagni isaanii in tortora, iji isaanii boolluma isaa keessatti in tortora, arrabni isaaniis afaan isaanii keessatti in tortora*. 13Guyyaa sanatti wanti guddaa isaan naasisu Waaqayyo biraa isaanitti in dhufa; inni tokko isa kaan harkaan in qabata, walis in reebu. 14Warri Yihudaas Yerusaalemitti in lolu; badhaadhummaan saba naannoo sanaa hundumaa warqee baay'ee fi meetiin, uffannis walitti in qabama. 15Dha'ichi kana fakkaatus fardeen irratti, gaangolii irratti, gaalota irratti, harroota irratti, horii buufata sana keessa jiran hundumaa irrattis in dhufa.#12 2Mot 19:34-35
16Yommus saba warra Yerusaalemin rukutan hundumaa keessaa warri hafan immoo Waaqayyo gooftaa maccaa isa mootichaaf sagaduudhaaf, ayyaana gordommaas ayyaaneffachuudhaaf, waggaa waggaatti achitti ol in ba'u*. 17Gosoota biyya lafaa irra jiran keessaa, Waaqayyo gooftaa maccaa isa mootichaaf sagaduudhaaf gara Yerusaalemitti kan ol hin baaneef bokkaan hin roobu. 18Gosi warra Gibxiis achitti ol ba'ee hin ayyaaneffatu yoo ta'e, bokkaa hin argatu; Waaqayyo dha'icha isa warra gara Yerusaalemitti ol ba'anii ayyaana gordommaa ayyaaneffachuu didan irratti fide isaan irrattis in fida. 19Egaa adabni warra Gibxii fi saba warra achitti ol ba'anii ayyaana gordommaa ayyaaneffachuu didan hundumaa irratti dhufu isa kana.#16 Isa 66:23
20Guyyaa sanatti bilbila fardeenii irratti,<<Waaqayyoof kan qulqullaa'ee dha>> jedhamee in caafama; xuwween mana qulqullummaa keessatti waa itti affeelan akka waciitii isa iddoo aarsaa dura dhaabatuutti in ilaalama*. 21Xuwween Yerusaalem keessaa fi Yihudaa keessaa hundinuu, Waaqayyo gooftaa maccaatiif qulqulluu in ta'u; warri aarsaa dhi'eessuu dhufan hundinuus isaan keessaa muraasa fudhatanii waa itti in affeellatu; guyyaa sanatti warri nagadan mana Waaqayyo gooftaa maccaa keessa deebi'anii hin jiraatan*.#20 Bau 28:36 21 Mul 21:26-27; Mat 21:12

Highlight

Share

Copy

None

Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in

Video for Macaafa Zakaariyaas Raajichaa 14