YouVersion Logo
Search Icon

Macaafa Ruut 3

3
Ruut Abbaa Manaa Argachuu Ishee
1Kana booddee Naa'omiin amaatiin ishee Ruutiin,<<Yaa intala ko, mana akka godhattuuf<<Uffee>> jettees sitti akka toluuf, karaa siif barbaaduun ana irra jira mitii ree*>> 2Boaz inni ati dubartoota isaaf hojjetan bira oolaa turte, lammii keenya mitii ree>> Ilaa inni har'a galgala lafa oobdiitti garbuu in qulleeffata; 3kanaaf ati dhiqadhuu, dibadhuu, uffadhuu, wayyaa kees fudhadhuu, lafa oobdii sanatti gad bu'i! Garuu erga namichi nyaatee dhugee booddee malee, itti hin mul'atin! 4Yeroo inni dhaqee rafu immoo iddoo inni ciisu sana hubadhu, kana booddees dhaqiitii miilla isaa irraa wayyaa saaqi, achumas ciisi! Inni yommus maal akka gootu sitti in hima>> jette. 5Ruut deebiftee,<<Waan hundumaa akkuma ati jette nan godha!>> jetteen.#1 1:9
6Kana irratti Ruut gara lafa oobdii itti midhaan qulleessan sanatti gad buutee, akkuma amaatiin ishee itti himte goote. 7Boaz nyaatee dhugee erga garaa ciibsatee, dhaqee tuullaa midhaanii garasiin in ciise; ergasii Ruut suuta jettee dhuftee, miilla isaa irraa wayyaa saaqxee achuma in ciifte. 8Gara halkan walakkaatti namichi<<Birr>> jedhee, gara galee yommuu ilaalu, dubartiin tokko gara miilla isaa jalaan utuu ciiftuu argee, 9<<Eenyu ati?>> jedhe; isheen immoo deebiftee,<<Ana Ruut hojjettuu kee ti; aantiin barcuma qajeelchu si waan ta'eef, amma golgaa kee hojjettuu kee irra diriirsi!>> jette*. 10Innis,<<Waaqayyo si haa eebbisu, intalo! Hiyyeessotas haa ta'anii, sooressootas haa ta'anii, ati warra dargaggoota duukaa hin buune; kanaan isa dura argisiifte caalaa gaarii gochuu kee argisiifteetta. 11Ammas hin sodaatin yaa intalo! Ati dubartii ba'eettii ta'uu kee namni karra mandara kanaatiin ol galu hundinuu waan beekuuf, anis waanuma ati dubbatte siif nan godha.#9 4:4
12<<Ani aantii barcuma qajeelchu ta'uun koo illee dhuguma, garuu barcuma qajeelchuudhaaf ana caalaa kan dhi'aatu tokko jira*. 13Edanaaf asuma turi! Ganamas namichi<<Barcuma nan qajeelcha>> yoo jedhe, silaa in tole haa qajeelchu! Inni barcuma qajeelchuudhaaf fedha hin qabu yoo ta'e garuu, harka Waaqayyo isa jiraataa, ani barcuma nan qajeelcha; hamma bari'utti immoo achuma ciisi!>> jedheen.#12 2:20
14Isheen hamma lafti bari'utti achi gara miilla isaa jalaan in ciifte; garuu Boaz,<<Dubartiin lafa oobdii dhufuun ishee akka hin beekamne>> jedhee waan tureef, Ruut utuu lafti ifee iji namaa wal hin hubatin kaate. 15Inni Ruutiin,<<Wayyaa kee isa irra keessatti uffattu diriirsii as qabi!>> jedhe; isheen immoo wayyaa ishee itti qabde; achumaanis garbuu qodaa safaraa ja'a itti naqeefii, ol fuudhee in baachise; akkasitti isheen deebitee mandaratti in galte.
16Yeroo isheen galtes amaatiin ishee,<<Intala ko attam taate?>> jetteen; yommus isheen immoo wanta namichi isheedhaaf godhe hundumaa itti himtee, 17<<Inni,<Harka kee duwwaa gara amaatii keetiitti hin deebi'in!> jedhee, kunoo garbuu qodaa safaraa ja'an kana anaaf kenne>> jetteen. 18Yommus Naa'omiin,<<Yaa intala ko, namichi kun har'a dubbii kana utuu hin raawwatin hin boqotu, kanaaf hamma gara dubbichi itti deebi'u bartutti, calluma jedhii taa'ii ilaali!>> ittiin jette.

Currently Selected:

Macaafa Ruut 3: MacQul

Highlight

Share

Copy

None

Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in