YouVersion Logo
Search Icon

Macaafa Ruut 2

2
Ruut Maasii Boaz Keessaa Qarmii Bu'achuu Ishee
1Naa'omiin lammii abbaa manaa isheetii kan ta'e aantii tokko qabdi turte; inni qomoo Eliimelek keessaa nama guddaa fi jabaa tokko ture, maqaan isaas <<Boaz>> jedhama*. 2Gaaf tokko Ruut isheen biyya Mo'aab Naa'omiidhaan,<<Ka'een lafa maasiin jiru dhaqee abbaa faara anaaf tole biraa qarmii bu'adha>> jette; amaatiin ishees,<<Dhaqi intala ko>> jetteen*. 3Ruut kana irratti baatee gara maasii tokkoo dhaqxee, warra midhaan haaman biraa qarmii bu'atte; akkuma ayyaana isheetii immoo maasiin sun hirmaata Boaz isa qomoo Eliimelek sanaa ta'ee argame.#1 4:18-22 2 Lew 19:9-10; Kes 24:19
4Kana gidduutti Boaz Betlihemii dhufee warra midhaan haamaniin,<<Waaqayyo isin bira haa jiraatu!>> jedhee nagaa isaaniif dhi'eesse; isaanis,<<Waaqayyo si haa eebbisu!>> jedhaniin. 5Boaz immoo,<<Intalli kun kan eenyuu ti?>> jedhee naa'oo isaa isa warra midhaan haaman kana irratti aboon kennameef in gaafate. 6Naa'ichi inni warra midhaan haaman sana irratti aboon kennameef deebisee,<<Isheenoo intala ishee Naa'omii wajjin biyya Mo'aabii dhuftee dha; 7isheen,<<Hadaraa, qarmii nan bu'adha, warra midhaan haaman booddeedhaanis bissii bissii gidduudhaa nan funaannadha>> jettee kadhatte; isa dhuftes ganamaa jalqabdee hamma ammaatti utuu gad hin taa'in, reefuu xinnoo ishee aara galfatti>> jedhe.
8Boaz yommus Ruutiin,<<Mee dhaggeeffadhu intalo! Qarmii bu'achuudhaaf gara maasii biraa dhaquu si hin barbaachisu, asii hin adeemin! Dubartoota maasii koo keessa hojjetan biraas hin hafin! 9Maasii isaan keessaa midhaan haaman ijaan qabi, isaan duukaa dhaqi, hojjetoonnis akka si hin tuqneef kunoo ani abboomeera; yommuu dheebottus gara qodaa bishaanii dhaqii isa hojjetoonni waraaban dhugi!>> jedhe. 10Ruut kana irratti lafa geessee qoommaatee Boaziin,<<Attamitti akkas faara anaaf tolte, ana ishee ormas akka firaatti na ilaalte?>> jette. 11Boaz immoo deebisee Ruutiin,<<Erga abbaan manaa kee du'ee wanti ati amaatii keef goote hundinuu, tokko tokkoon anatti himameera; attamitti abbaa kee fi haadha kee, biyya itti dhalattes dhiiftee, gara saba dur hin beeknee akka ati dhufte dhaga'eera*. 12Gocha keetiif Waaqayyo waan gaarii siif haa deebisu, gatiin kees Waaqayyo gooftaa Israa'el, isa ati bobaa isaa jalatti kooluu galte biraa waan gaariidhaan siif haa guutu!>> jedhe. 13Isheen yommus,<<Ati faara anaaf tolteetta gooftaa ko; ani illee hojjetoota kee keessaa hamma ishee tokkoo iyyuu hin ga'u, ati garuu na jajjabeessitee, waan hojjettuu kee garaa ciibsu dubbatteetta>> jette.#11 Uma 12:1
14Yeroo itti guceedhaaf taa'anittis Boaz Ruutiin,<<As dhi'aadhu, buddeenas cabsadhu, cuunfaa waynii isa dhangaggaa'e kanattis cuuphadhu!>> jedhe; isheenis warra midhaan haaman bukkeedhaan in teesse; Boaz immoo akaayii itti qabe; isheenis isa fudhattee nyaattee, quuftee, irraa hafes. 15Kana booddee isheen kaatee qarmii bu'achuutti deebite; Boaz immoo hojjetoota isaatiin,<<Bissii bissii gidduudhaa iyyuu haa bu'attu ishee hin rifaasisinaa! 16Kana malee iyyuu isheen haa bu'attuutii duroo duroo keessaa luqqisaatii hambisaaf! Isin immoo hin ifatinaa!>> jedhe*.#16 Lew 19:9-10
17Akkasitti isheen hamma galgalaatti qarmii bu'atte; garbuu bu'atte sanas cagadattee, akka quunnaa sadii ba'eef. 18Isheen midhaanicha ol fudhattee mandaratti galte; isa bu'atte sanas amaatii isheetti argisiifte; isa guyyaa nyaattee quuftee irraa hambiftes, gad fuutee amaatii isheetiif in laatte.
19Yommus amaatiin ishee Ruutiin,<<Har'a eessaa bu'atte>> Eessaa waa barbaaddachaa oolte>> Namicha karaa kana siif yaade Waaqayyo haa eebbisu!>> jette; Ruut eenyu biraa akka bu'achaa ooltee, maqaan namicha isheen biraa hojjetachaa ooltes Boaz ta'uu isaa amaatii isheetti himte. 20Kana irratti Naa'omiin haadha manaa ilma isheetiin,<<Waaqayyo inni gaarummaa isaa warra jiranii fi warra du'an irraa hin fudhanne, isa haa eebbisu!>> jette; itti fuftees,<<Namichi kun fira nutti dhi'aatu, barcumas kan qajeelchuu dha>> jette. 21Ruut isheen biyya Mo'aab kun immoo,<<Hamma hojjetoonni koo midhaan koo hundumaa sassaabanii fixanitti, isaan biraa hin hafin anaan jedheera>> jette. 22Naa'omiinis Ruut haadha manaa ilma isheetiin,<<Maasii nama biraa keessa dhaqxee namni si tuquu irra, dubartoota warra isaaf hojjetanii wajjin ba'uun kee ba'eessa yaa intala ko>> jette. 23Ruut hamma garbuunii fi qamadiin hundinuu sassaabamee galutti, qarmii bu'achuudhaaf dubartoota warra Boaziif hojjetan biraa hin hafne; amaatii ishee wajjin taa'uus hin dhiifne.

Currently Selected:

Macaafa Ruut 2: MacQul

Highlight

Share

Copy

None

Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in