YouVersion Logo
Search Icon

Macaafa Nahimiiyaa 9:19-21

Macaafa Nahimiiyaa 9:19-21 MACQUL

Kana keessaa immoo araara kee isa guddaa irraa kan ka'e, lafa onaa keessatti isaan hin ganne; utubaa duumessaa isa guyyaa karaa isaanitti argisiisaa ture, utubaa ibiddaa isa halkan karaa isaan irra adeeman ibsaafii tures isaan duraa hin fuune. Hafuurri kee inni gaariin akka isaan barsiisuuf isaaniif kennite; maannaa isaaniif kennuus harka keessa hin qabanne; yeroo isaan dheebotanis bishaan isaaniif kenniteetta. Ati lafa onaa keessatti waggaa afurtama wanta isaan barbaachisu isaaniif kennite; homtuu isaanitti hin hir'anne, uffanni isaanii isaan irratti hin dhumne, miilli isaaniis hin iitofne*.