Macaafa Nahimiiyaa 9:16-17
Macaafa Nahimiiyaa 9:16-17 MACQUL
<<Abboonni keenya garuu of bokoksanii mataa jabaatan malee, abboommii keef tole hin jenne*. Isaan garuu abboomamuu in didan; mataa jabaatanii didanii ka'uu isaaniitiin gara mana garbummaatti deebi'uudhaaf dura buutuu fo'atan malee, dinqii ati isaan gidduutti hojjette hin yaadanne; ati immoo Waaqayyo isa cubbuu namaaf dhiisuudhaaf qophaa'ee dha, araara-qabeessaa fi o'a-qabeessas; dheekkamsaaf suuta jetta, gaarummaan kee guddaa waan ta'eefis ati isaan hin ganne*.