YouVersion Logo
Search Icon

Macaafa Nahimiiyaa 2

2
Nahimiiyaan Gara Yerusaalem Dhaquu Isaa
1Artashaastaan mootichi mo'ee waggaa digdammaffaatti, ji'a Niisaan keessa gaaf tokko mootichi nyaachaa utuu jiruu daadhii qophaa'e fuudhee nan dhi'eesseef; gaafas malee ani duraan isa duratti gaddee mul'adhee hin beekuun ture. 2Mootichis,<<Atoo hin dhukkubsanne maaliif fuula badde>> Kun gadda garaa ti malee wanta biraa miti>> naan jedhe; yommus ani baay'isee nan sodaadhe. 3Ani immoo mootichaan,<<Yaa mootii bara baraan jiraadhu! Mandarri abboonni koo itti awwaalaman jijjigee bade, karri ishees ibiddaan gubamee utuu jiruu maaliif garaan koo hin gaddu ree?>> nan jedhe*. 4Yommus mootichi,<<Maal gaafachuu barbaaddaa?>> naan jedhe; anis gidduutti Waaqayyoon gooftaa bantii waaqaa nan kadhadhe; 5mootichaanis,<<Jaalala kee ta'ee, ani garbichi kee si mooticha duratti faara tolaadhaan ilaalameera yoon ta'e, mandara ishee abboonni koo keessatti awwaalaman sana deebisee akkan ijaaruuf gara Yihudaatti akka na ergitu sin kadhadha>> nan jedhe.#3 2Mot 25:8-10
6Mootichis deebisee,<<Karichi yeroo hammamii si fudhata, yoom deebitas?>> jedhee na gaafate; anis yeroo hammamii akka inni na fudhatu isatti himnaan, innis na erguun jaalala isaa ta'ee<<Tole>> naan jedhe; yommus haati warraa mootichaa isa bukkee in teessi turte. 7Anis itti dabalee mootichaan,<<Jaalala kee yoo ta'e, warri kutaa biyyaa laga Efraaxiis irraa gara lixa-biiftuu jiran bulchan Yihudaa hamman ga'utti nagaadhaan akka na dabarsaniif, caaffanni kee anaaf haa kennamu! 8Akkasuma immoo karra masaraa mana mootummaatiif, karra dallaa mandarattiitiif, mana ani keessa taa'uufis utuboota tolfachuudhaaf muka akka anaaf kennuuf Asaaf isa bosona mootii eegutti caaffanni kee anaaf haa kennamu!>> nan jedhe; gargaarsi Waaqayyo koo isa araara-qabeessaa anaa wajjin waan tureef, mootichi wanta ani gaafadhe anaaf in kenne*. 9Kana booddee gara warra kutaa biyyaa laga Efraaxiis irraa gara lixa-biiftuu bulchanii dhaqee caaffata mootichaa isaanitti nan kenne; mootichi angafoota loltuu fi abboota fardeenii anaa wajjin ergee ture. 10Sanbalaax namni mandara Bet-Horoonii fi Xobiiyaa inni hojjetaan namni biyya Amoon namni tokko namoota Israa'eliif waan gaarii barbaaduu akka dhufe dhaga'uun baay'ee isaan aarse*.#8 'z 7:6 10 2:19; 4:1; 6:1
Nahimiiyaan Dallaa Yerusaalem Naanna'ee Ilaaluu Isaa
11Ani gara Yerusaalem dhufee guyyaa sadii booddee, 12namoota muraasa na duukaa turanii wajjin halkan nan ka'e; Yerusaalem keessatti akkan hojjedhuuf wanta Waaqayyo yaada koo keessa kaa'e nama tokkotti illee hin himne; horii ishee ani yaabbadhee adeemu irraa kan hafe kan biraa tokko illee ana bira hin turre. 13Ani halkaniin ka'ee karaa <<Karra dachaa>> ba'ee gara fuullee burqaa jawwee fi gara <<Karra kosiitti>> nan adeeme; dallaa Yerusaalem isa diigamee fi karra ishee isa ibiddaan gubame hubadhee nan ilaale. 14Yommus ani gara <<Karra burqaa bishaanii>> fi gara kuufama bishaan mootichaatti nan darbe; garuu horii ishee ani yaabbadhee adeemuuf karaan darbaa hin turre. 15Kana booddee dallicha hubadhee ilaalaa halkaniin dachicha keessa ol nan ba'e; dhuma irratti immoo karaa karra dachichaa deebi'ee ol lixe. 16Warra biyya bulchan keessaa namni tokko illee eessa akkan dhaqe, maalis hojjechaa akkan ture hin beekne; anis immoo hamma ammaatti Yihudootatti, lubootatti, gurguddoota biyyaatti, warra biyya bulchanitti, namoota kan biraa warra hojicha hojjechuuf jiranittis hin himne.
17Ani yommus isaaniin,<<Gidiraa nuyi keessa jirru, Yerusaalem jijjigdee akka badde, karri ishees ibiddaan akka gubame in argitu; kanaafis nuyi si'achi yeelloo arrabsamuutiif akka hin taanetti, kottaa dallaa Yerusaalem deebifnee in ijaarra>> nan jedhe. 18Akkasumas immoo irreen gargaarsa Waaqayyoo inni gaariin anaa wajjin akka jiru, dubbii mootichi anatti dubbatee tures isaanitti nan hime; isaanis,<<Deebifnee ijaaruu in jalqabna>> jedhanii, humna isaanii jabeeffatanii hojii gaarii kanaaf in ka'an.
19Sanbalaax namni mandara Bet-Horoon, Xobiiyaa inni hojjetaan namni biyya Amoon, Geshem Arabichis kana yommuu dhaga'an garuu nu tuffatanii nutti ga'isanii,<<Wanti isin hojjechaa jirtan kun maali>> Isin mooticha irratti ka'uuf jettuu?>> jedhanii nu gaafatan. 20Yommus ani deebisee,<<Nuyi garboonni isaa kaanee ijaaruu in jalqabna Waaqayyo gooftaan bantii waaqaa immoo nuuf in qajeelcha; isin garuu Yerusaalem keessaa qooda, nuuf ta'a kan jettan, yookiis seenaa hin qabdan>> nan jedhe.

Currently Selected:

Macaafa Nahimiiyaa 2: MacQul

Highlight

Share

Copy

None

Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in