Ani yommus isaaniin,<<Gidiraa nuyi keessa jirru, Yerusaalem jijjigdee akka badde, karri ishees ibiddaan akka gubame in argitu; kanaafis nuyi si'achi yeelloo arrabsamuutiif akka hin taanetti, kottaa dallaa Yerusaalem deebifnee in ijaarra>> nan jedhe. Akkasumas immoo irreen gargaarsa Waaqayyoo inni gaariin anaa wajjin akka jiru, dubbii mootichi anatti dubbatee tures isaanitti nan hime; isaanis,<<Deebifnee ijaaruu in jalqabna>> jedhanii, humna isaanii jabeeffatanii hojii gaarii kanaaf in ka'an.