WANGEELA MAATEWOS 21
21
Yesus Milikkita Ulfinaatiin Yerusaalemitti Galuu Isaa
(Mar 11:1-11; Luq 19:28-40; Yoh 12:12-19)
1Isaan Yerusaalemitti dhi'aatanii, gara gaara ejersaa, Betfaagee yommuu ga'an, Yesus bartoota lama ergee, 2?Ganda fuullee keessan jiru sana dhaqaa, achumaan harree [yaabbii] hidhamtee ilmoon ishee bira dhaabatu in argattu; hiikaatii naa fidaa! 3Namni tokko yoo waa isiniin jedhe immoo, ?Gooftaatu dhimma isaanii qaba, utuu hin turinis isaan in deebisa? ittiin jedhaa!? isaaniin jedhe*. 4Kun immoo wanti raajichi jedhe akka fiixaan ba'uuf ta'e;
5inni, ?Namoota Xiyoonitti himaa!
Mootiin keessan gad of deebisee,
kunoo, inni harree [yaabbii] keessaa,
ilmoo harree irra taa'ee siif in dhufa? isa jedhuu dha*.#3 26:18 5 Isa 62:11; Zak 9:9
6Kana irratti bartoonni dhaqanii akkuma Yesus isaan ajaje godhan. 7Harree sana ilmoo ishee wajjin fidanii uffata isaanii irra buusan; Yesus immoo irra taa'e. 8Tuuta sana keessaa harki caalaan uffata isaanii karaa irra afan; warri kaan immoo damee baala qabu muka irraa kukkutanii karaa irra firfirsan*. 9Tuuti warri dura adeemanii fi warri duukaa bu'an sagalee isaanii ol fudhatanii,
?Hosaa'inaa ilma Daawitiif!
Inni maqaa Waaqayyoo gooftaatiin dhufu galateeffamaa dha;
hosaa'inaa ol waaqa gubbaatti? jedhan*.#8 2Mot 9:13 9 23:29; Far 118:25-26
10Yerusaalemitti yommuu inni gale, mandarichi guutummaatti raafame; namoonnis, ?Inni kun eenyu?? jedhan*. 11Tuuti isaa wajjin adeemus, ?Kun raajicha, Yesus nama Naazireet kutaa biyya Galiilaa ti? jedhee deebise.#10 Yoh 12:19
Yesus Mana Qulqullummaa Keessaa Warra Bitee Gurguru Oofuu Isaa
(Mar 11:15-19; Luq 19:45-48; Yoh 2:13-22)
12Yesus ergasii mana qulqullummaatti ol lixee, warra mana qulqullummaa keessatti bitanii fi warra gurguran hundumaa gad baase; gabatoota warra horii callaa gegeddaraniitii fi taa'umsa warra gugee gurguranii gad gara galchee, 13? ?Manni koo mana kadhataa jedhamee in waamama? jedhamee caafameera, isin garuu holqa hattuu isa godhattan? isaaniin jedhe*.#13 Isa 56:7; Er 7:11
14Warri jaaman, warri hokkolanis mana qulqullummaa keessatti isa bira dhufan; inni immoo isaan fayyise. 15Luboonni warri angafoonnii fi barsiisonni seeraa wanta dinqisiisaa inni gochaa turee fi ijoollota mana qulqullummaa keessatti sagalee isaanii ol fudhatanii, ?Hosaa'inaa ilma Daawitiif!? jedhan yommuu argan in aaran*. 16Kana irratti isaan, ?Waan isaan kun jedhan dhageessaa?? jedhaniin. Yesus immoo deebisee, ?Eyyee, ?Mucooliinii fi daa'imoonni afaan isaaniitiin akka si galateeffatan goote? isa jedhu takkaa hin dubbifnee ree?? isaaniin jedhe*. 17Kana booddee Yesus isaan dhiisee mandaricha keessaa ba'ee, Bitaaniyaa dhaqee achi bule.#15 21:9 16 Far 8:2
Yesus Harbuu Tokko Irraa Ija Dhabuu Isaa
(Mar 11:12-14,20-24)
18Yesus ganama barii gara mandarichaatti utuu deebi'uu in beela'e. 19Muka harbuu tokko karaa bukkeetti argee, gara isaatti yommuu gore baala duwwaa malee, homaa irraa hin arganne. Kanaaf mukichaan, ?Bara baraan iji si irraa hin argamin!? jedhe; kana irratti harbichi achumaan goge*. 20Bartoonni mukicha yommuu argan raajeffatanii, ?Attamitti mukti harbuu sun achumaan goge?? jedhan. 21Yommus Yesus deebisee, ?Ani dhuguman isiniin jedha, amantii yoo qabaattan, yoo mamuu dhabaattanis, mukicha irratti waan ta'e duwwaa hin gootan; gaaruma kanaan, ?Ol kaafamii galaanattis darbatami!? yoo jettan iyyuu in raawwatama*. 22Amantanii kadhataan waan dhi'eeffattan hundumaa in fudhattu? isaaniin jedhe.#19 Luq 13:6 21 17:20; Luq 17:6; 1Qor 13:2
Gaaffii Waa'ee Gooftummaa Yesusiif Dhi'aate
(Mar 11:27-33; Luq 20:1-8)
23Yesus mana qulqullummaatti ol galee utuu barsiisuu, luboonni warri angafoonnii fi maanguddoonni jaraa isa biraan ba'anii, ?Gooftummaa maaliitiin kana hundumaa goota? Gooftummaa kanas eenyutu siif kenne?? jedhaniin*. 24Kana irratti Yesus deebisee, ?Anis immoo dubbii tokko isinan gaafadha, yoo isin deebii isaa anatti himtan anis immoo gooftummaa maaliitiin kana hundumaa akkan godhu isinitti nan hima. 25Cuupphaan Yohannis cuuphe eessaa abboomame? Waaqayyo biraa moo, nama biraa abboomame?? isaaniin jedhe. Isaanis walii wajjin dudubbatanii, ? ?Waaqayyo biraa? yoo jenne, ?Yoos immoo maaliif dubbii isaa hin amanin ree?? nuun jedha*. 26?Nama biraa? akka hin jenneef namoonni hundinuu Yohannisin raajiitti waan fudhataniif, isaan in sodaanna? jedhan*. 27Kanaaf, ?Nuyi hin beeknu? jedhanii Yesusiif deebisan; Yesus immoo, ?Egaa anis kana hundumaa gooftummaa maaliitiin akkan godhu isinitti hin himu? isaaniin jedhe.#23 Yoh 2:18; HoE 4:7 25 Luq 7:30 26 14:5
Fakkeenya Ilmaan Lamaa
28Yesus amma immoo, ?Waa'ee isa ani isinitti himuuf jedhu kanaa maal yaaddu? Namni ilmaan lama qabu tokko ture; innis ilma isaa isa tokko bira dhaqee, ?Yaa ilma ko, dhaqiitii har'a dhaabaa waynii keessa hojjedhu!? jedheen. 29Ilmi isaa sun immoo, ?Anoo hin dhaqu? jedhee deebiseef; ergasii garuu gaabbee dhaqe. 30Namichi ergasii ilma isaa isa kaan bira dhaqee, isuma ilma isaa isa tokkotti dubbate itti hime; inni immoo, ?Tole yaa abbayyee ko!? jedhe, garuu hin dhaqne. 31Isaan lamaan sana keessaa isa kam inni jaalala abbaa isaatii godhe?? jedheen; jarri immoo, ?Isa duraa ti? jedhanii deebisan.
Yommus Yesus, ?Ani dhuguman isinitti hima, warri jal'isanii qaraxa fuudhanii fi gaalamootonni isin dura mootummaa Waaqayyootti in galu*. 32Yommuu Yohannis cuuphaan qajeelummaa isin barsiisuu dhufe, isin isa hin amanne; qaraxoonnii fi gaalamootonni garuu isa in amanan. Isin immoo erguma kana argitanii booddee iyyuu, gaabbitanii isa hin amanne? isaaniin jedhe*.#31 Luq 3:12; 18:14 32 Luq 7:29-30
Fakkeenya Warra Muka Waynii Akka Eeganiif Itti Kennamee
(Mar 12:1-12; Luq 20:9-19)
33Yesus itti fufee, ?Fakkeenya biraa tokko dhaga'aa! Abbaan warraa mukeetii waynii baay'ee lafa isaa irra dhaabe tokko ture. Naannoo isaatti dallaa dhagaa ijaaree, boolla ija waynii keessatti cuunfan dallicha keessatti qotee, siree irra taa'anii eeganis ijaare. Namoota hojjetanii eeganiis, isaa wajjin ija isaa irraa hirmaatanitti kennatee, biyya tokko dhaqe*. 34Yeroon itti iji waynii bilchaatu geenyaan, ija mukeetii waynichaa irraa kan isa ga'u fudhachuudhaaf hojjetoota isaa gara warra waynicha eeganiitti erge. 35Warri waynicha eegan immoo hojjetoota sana qabanii isa tokko in reeban, isa kaan in ajjeesan isa kaanis dhagaadhaan rukutan. 36Abbaan waynichaa amma immoo hojjetoota biraa warra duraa irra baay'atan isaanitti erge; isaaniinis immoo akkuma warra duraa godhan. 37Namichi hundumaa booddee, ?Ilma koo in safeeffatu? jedhee ilma isaa gara isaaniitti erge. 38Warri waynicha eegan ilmicha yommuu argan, ?Isa kana abbaa waynichaa kan dhaalu, kottaa isa in ajjeefna, dhaala isaas in arganna!? waliin jedhan*. 39Isaan isa butanii, dhaabaa waynichaa keessaa gad baasanii, isa ajjeesan*. 40Egaa abbaan waynichaa yommuu dhufu, warra waynicha eegan sana attam godhinna laata ree?? isaaniin jedhe.#33 Isa 5:1-2 38 26:3-4; 27:23 39 Ibr 13:12
41Isaan immoo deebisanii, ?Warra hamoota sana, hamaa itti fidee isaan in balleessa. Mukeetii waynii sanas namoota biraa, warra hojjetanii eeganii isaa wajjin ija isaa irraa hirmaatanitti dabarsee in kennata; egaa isaan yeroo yerootti ija isaa in kennuuf? jedhan. 42Kana irratti Yesus, ?Isin caaffata qulqullaa'an keessaa,
?Dhagichi, mana ijaartuun tuffatan,
inni dhagaa mataa golee qajeelchu ta'e;
kun gocha gooftaa ti, ija keenyattis dinqii dha?
kan jedhu takkaa hin dubbifnee ree*?#42 Far 118:22-23; HoE 4:11; Rom 9:33; 1Phe 2:6-8
43?Egaa mootummaan Waaqayyoo isin irraa fudhatamee, saba ija isaaf godhatuuf akka kennamu isinittan hima*. [ 44Dhagaa kana irratti kan kufu in caccaba, dhagichi nama irratti yoo kufe garuu isa in buruqsa]? isaaniin jedhe*.#43 HoE 13:46 44 Isa 8:14-15; Dan 2:34-35,44-45; Luq 20:18
45Luboonni warri angafoonnii fi warri Fariisotaa fakkeenyota inni dubbate yommuu dhaga'an, akka inni waa'ee isaaniitiif dubbate in baran. 46Kana irratti isa qabachuu yaalan, garuu tuuta warra Yesusin akka raajiitti fudhatan sana sodaatan.
Currently Selected:
WANGEELA MAATEWOS 21: MacQul
Highlight
Share
Copy
Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in
(C) The Bible Society of Ethiopia, 1997; OROMO LATIN BIBLE BSE-UBS 26M 2006.